Bidiruu baqattoota waliin qarqara Tuniziyaatti dhidhimteen namoonni du'an

Madda suuraa, Getty Images
Bidiruu godaantota waliin qarqara baha Tuniziyaatti dhidhimteen yoo xiqqate namoonni 48 du'uu isaanii mootummaan Tuniziyaa dubbateera.
Namoonni biroon jaatamii toorba ta'an Tuniiziyaafi bakkawwan biroorraa ta'an namoota qarqara galaanaa eeganiin baraaramaniiru.
Waggaa darbe kana keessa Tuniiziyaan godaantota gara Ardii Awurooppaatti ce'uuf yaalaniif ulaa haaraa barbaachisaa taateetti.
Kunis kan ta'uu danda'eef warreen Liibiyaa keessatti seeraan ala nama godaansisan, ykn godaantota garbummaan gurguran, dararan ykn ajjeesanirratti tarkaanfiin fudhatamuun eegaleeti.
Bidiruun qara qara Tuniiziyaatti dhidhimte kun humnaa ol namoota 180 fe'attee turte keessaa 100 kan ta'an lammilee Tuniiziyaa ta'u ministirri keessaa biyyattii beeksiseera.
Bidiruun kun bakka Odola Kerkennaa irraa maayilii shan fagaatutti dhidhimte.
Hojiin baraaruu Dilbata waaree boodaa addaan citee tures Wixata ganama akka jalqabu aanga'oonni dubbataniiru.
Namni warreen dhidhiman keessaa oole tokko akka madda Oduu Roohitersitti himetti, kaappiteeniin bidirichaa erga liqmfamuu eegalee eegdota qarqara galaanaa jalaa miliquuf bidiruu sana gadi dhiise jedha.
Namni biraan balaa kanarraa ofkale akka jedhutti, bidiruun sun nama 90 qofaa qabachuu dandeessi -gar-tokkoo namoota amma qabattee jirtuu jechuudha.
"Arka keenyaan bishaan qaqqabuu ni dandeenya, bishaanis suutuma suutaan bidiruu keenya seenuu jalqabe ," jechuun ibsa namni kun.
"Namoonni miliquu danda'an ni baqatan, kanneen biroon ni liqimfaman, nuti garuu hanga bari'utti achuma turree. Namoonni qurxummii kiyyeessan nu qaqqabanii, achumaanis loltoonni hufan."
Lammiileen Tuniiziyaa hojii hin qabneefi biyyoota Afirikaa biroorraa ta'an karaa galaana Mediteraaniyaanii biiruu sadarkaa isaa hin eegganneen Tuniiziyaarraa gara Siisilii magaala Xaaliyaan keessatti argamtuutti ce'u.

Madda suuraa, EPA
Haaluma walfakkaatuun, eegdonni qarqara galaanaa Turkii akka jedhanitti daa'imman ja'a lammileen Sooriyaa sagal kutaa Antaaliyaa qarqaratti liqifmanuu dubbatu.
Bara kana keessa qofaa godaantonni 32,000 ol ta'an karaa seeraan ala galaana ce'anii Awurooppaa galaniiru, 660 kan ta'an ammoo du'aniiru jedha gabaasni Dhaabbata Baqattoota Addunnyaa (IOM).














