Dhalataan Ertiraa qulqulleessummaan qacaramee hojjechaa ture paarlaamaa Niw Ziilaandiif filatame

Dhalataa Ertiraa paarlaamaa Niw Zelaandisiif filatame

Madda suuraa, PAartii Dafqaan Bultootaa [Labour Party]

Dhalataan Ertiraa baqataa tahuun biyyattii seenee, boodarras hojii qulqulleessummaan qacaramee hojjechaa ture paarlaamaa Niw Zilaandisiif filatame.

Ibiraahim Omar miseensa paarlaamaa Niw Ziilaand tahuun maqaan isaa tarree miseensota paarlaamaa paartii Dafqaan Bultootaa [Labour Party] 42ffaa irratti argama.

Kun dhalataa Afrikaa jalqabaa paarlaamaa byyattiif filatame isa taasisa. Paartichi waggaa 50 keessatti injifannoo isa guddaa galmeessise.

Paartiin MM biyyattii Jesindaa Ardeerni, taa'umsa paarlaamaa gahaa tahe Ibiraahim Omar hammate injifateera.

Yeroo duula filannoo gaggeessaa ture Ibiraahim ''uummata miidhamaa sadarkaa ofii isaa duraan ture irra jiraniif falmuu akka barbaadu'' dubbatee ture.

Bara 2003 keessa bakka dhaloota isaa Ertiraa irraa baqachuun kaampii baqattootaa biyya ollaa Sudaan gale. Sana booda deebisanii qubachiisuu argateen Niw Ziilaand gale.

Achittis hojii qulqulleessummaan Yuunvarsiitii Viktooriyaa keessa hojjechaa ture.

Achuma osoo warra qulqulleessan to'atuu barnoota barate. Booda osooma achi keessa jiruu siyaasa keessatti hirmaachuu jalqabe.

Ibiraahim injifannoon isaa ''hojjettoota kaffaltii xiqqaa argatanii fi baqattoota duraaniifi'' jedhe.

Filannoon Niw Ziilaand sababa koroonaavaayirasiin guyyaan isaa dheereffamee ture. Biyyattiin weeraricha to'achuu ibsitus, irra deebiin akka hin mudanneef magaalaa guddattii biyyichaa uggura cimaa jala galchitee ture.

Filannoo gaggeeffameen paartiin MM Jescindaa Ardeerni 49.1% argachuun taa'umsa paarlaamaa 64 argachuu malan argataniiru.

Paartiin Naashinal filannicha irraa sagalee 26.8% argate. Taa'umsa 120 paarlaamaa jiru keessaa 35 qooddata jechuudha.

MM Jesinda Arderni ergaa jajjabinaa dubbachuu qofaan hoggansa isaanii irratti dhiibbaa uumuu danda'a jedhu xiinxaltootni.

Biyyattii hiyyummaa keessaa baasuun diinagdee biyyattii akka miillaan dhaabbatu gochuun ergaa jajjabinaa dubbachuun garasi jette gaazexessituun BBC Shayimaa Kaliil.