Haleellaa Masjiidota Niiw Ziilaand: Namni masjiida Niw Ziilaandi haleele kana caalaa ajjeesuuf karoorsee akka ture hime

Namoonni hafaniifi maatiin miidhamtootaa dhaddacha hordofaa jiru

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni hafaniifi maatiin miidhamtootaa dhaddacha hordofaa jiru

Namni Niw Zilaanditti masjiidota lama irratti haleellaa raawwachuun namoota 51 ajjeese masjiida 3ffaas haleeluuf qophaa’ee ture jedhame dhaddacha irratti akka himametti.

Birentan Taranti masjiida 3ffaas gubee hanga danda’e namoota madeessee fi ajjeesuuf karoorfatee ture.

Lammiin Awustiraaliyaa kun yakkoota ajjeechaa 51n himatame. 40 kan tahu yaalii ajjeechaa fi tokko ammoo yakka shororkeessummaan himatame.

Taranti umurii isaa guutuu mana hidhaatti kan dabarsu taha, kun murtoo Niwu Zelaandi keessatti darbee hin beeku.

Namni haleellicha masjiida irratti raawwate Caamsaa 15 ofumasaan kallattiin tamsaasaa ture.

Jalqaba Tarant gara masjiida Al Nuuritti konkolaachisuun namoota salaata Jimaataa irra turan irratti haleellaa bane.

Sana booda km 5 gara masjiida Liindiwuud jedhamuutti konkolaachisuun namoota baay’ee ajjeese.

Haleellaan kun addunyaa kan rifachiise yoo tahu ergasii Niw Ziilaandi seera qabannaa qawwee jijjiirte.

Haleellichi akkamiin eegale?

Map of attacks

Dhaddachi guyyoota afuriif turu Wiixata ganama magaalaa Kiraayisti Charchitti dhagahamuu jaqabeera.

Sababa koroonaavaayirasiin dhaddachi mana murtii qullaatti gaggeeffamuun namootni karaa viidiyoo hordofaa jiru.

Taranti kan ajjeechicha kana raawwate poolisootaan marfamee callisee gara namoota firootni jalaa ajjeefamanii fi miidhaman taa’anii ilaalaa ture.

Barnaabaa Hawes, abbaan alangaa yoo tahan Taranti haleellicha raawwachuuf waggaa ol itti qophaa’aa ture jedhan.

Waa’ee masjiidota Niw Ziiland keessa jiranii odeeffannoo walitti qabachuun darbii isaan qabanii fi bakka isaanii adda baasuun yeroo namni baay’atutti haleellicha raawwachuuf qophaa’aa ture jedhan.

Brenton Tarrant during sentencing at the High Court in Christchurch

Madda suuraa, EPA

Haleellicha ji’a tokko dursee gara Kiraayisti Charchitti imaluun diroonii masjiida Al Nuur irra balaliisisaa ture jedhan.

Namoota baqataa turanis daandii irratti rukutuun ajjeesaa ture. Taranti gochaa kana jalqaba haaluus booda yaada isaa jijjiire.

Masjiida kan biraas gubuuf yaadeen ture osoo naaf milkaa’eera tahe natti tola ture, jechuun yaada isaa poolisiif kenneera.

Taranti ofuma isaan mana murtiitti dhiyaate. Abukaatoon dhaabateef hin jiru. Yoo xiqqaate waggoota 17 akka hidhamutu eegama. Garuu Abbaan seeraa mana murtii ol aanaa biyyattii, kanaan dura darbee kan hin beekne hidhaa umurii guutuu irratti murteessuu danda’u jedhamee eegama.

Miidhamtootni eenyu fa’aati?

Miidhamtootni 60 ol tahan miidhaa isaan irraan gaheef yaada isaanii ni kennu.

Jalqaba kan dubbate Imaamii Masjiida Al Nuur Gamaal Fuudaati.Akkas jedheenii, ‘’dogongorteetta, akka malee hubatte.’’ Akkas jedheenii. Jibba ija shororkeessaa kana keessaa argaan ture. Jibbikee barbaachisaa miti jedheeni.

Ilmi nama miidhame Ashraaf Alii jedhamuu ammo ammayyuu sammuun koo miidhamera jedhe. Yoon duubatti deebi’ee yaadu namoota du’anii naannoo koo ciisaa turan yaadadha. ‘’Bakka hundumaa dhiiga ture.’’

Miidhamtoota biraa:

§ Daa’imni waggaa sadii Mukaad Ibiraahim osoo miilla abbaatti rarratuu kallatumaan rukutamte

§ Abdukadir Elmii gana 70 dhalataa Somaaliyaa yoo tahu waraana biyya keessaa irraa oolee asitti rukutame.

§ Naa’im Rashid dhalataa Paakistan yoo tahu osoo nama haleellicha raawwatu dhaabuuf jedhuu rukutame.

Ministirrio Muummee Jakinda Arderni turban kun namoota luubbuun oolaniifi maatii miidhamtootaaf yeroo ulfaataadha jedhan.