Haleellaa masjiidota Niw Ziilaand: Amantoonni Islaamaa addunyaa gocha kana balaaleffatan

Madda suuraa, Reuters
Niiw Ziilaand magaalaa Christchurch keessatti dhukaasa masjiida lama irratti banameen yoo xiqqaate namoonni 49 lubbuu dhabaniiru.
Ministirri Mummee biyyattii Jacinda Ardern namoonni 40 lubbuu dhabuu as bahanii dubbatanii turan. Ergasii garuu lakkoofsi ol dabaluun 49 gaheera.
Namootni 20 ol ta'an rasaasaan rukutamanii hospitaala magaalittitti yaalamaa jiru. Miidhamtoonni kun da'ammanifi ga'eessota akka ta'anis ogeessonni fayyaa ibsaniiru.
Yeroo namoota irratti dhukaasa turetti abbaan qawwee gocha isaa kana Feesbuuki gubbatti kallattiin tamsaasa ture.
Abbaan qawwee kun ga'eessa ganna 28 lammii Awustiraaliyaa Brenton Tarrant ta'uu isaa barameera.

Magaalaa Christchurch'tti oggeetti fayyaa kan taate Raahel Waasihuun lammileen Itoophiyaa rasaasaan midhaman lama akka jiran BBCtti himteetti.
Ministirri Muummee biyyattii boombiin IED jedhamu konkolaataa dhukaastotaa kanarratti argamus, konkolaataan haleellaa badanii balleessuu karoorfamee yoo ture hin beeknu jedhaniiru.
Amantoonni Islaamaa biyyootii gara garaa keessatti haleellaa masjiidotaa Niw Ziilaandii akka balaaleffatan ibsuun hiriira ba'aniiru.
Biyyoota akka Baangilaadish, Indiyaafi Pakistaani keessatti amantoonni kun gadda isaanii fi gochiicha balaaleeffachuu isaani ibsaniiru.

Madda suuraa, Munir Uz Zaman/AFP/Getty Images

Madda suuraa, Sabir Mazhar/Anadolu Agency/Getty Images

Madda suuraa, Indranil MukherjeeAFP/Getty Images
Ministirri Mummee Jacinda Ardern dabaluun gochii kun 'haaleella shorokeessaa' qofa jedhamuu danda'a jedhaniiru.
Gochi kun itti yaadamee kan karoorfame ta'uu isaa komishinarri poolisii Mike Bush dubbataniiru.
Dargaggeessi ganna 20'n keessa ta'u tokko yakka ajjeechaan himatamee guyyaa boruu akka mana murtiitti dhiyaatu komishinarri dabalanii dubbataniiru.
Shakkamtoonni lama ammayyuu qorannoorra kan jiran yoo ta'u, tokko garuu haleellaa kanaa waliin hidhata qabaachuu dhiisuu danda'a jedhaniiru.

Haleellaa kanaanis dhirooti sadiifi dubartiin tokko to'annoo jala ooluu isaanii komishinarri poolisii Mike Bush ibsaniiru.
Namoonni haleellicha ijaan argan waan jedhan, lubbuuf sodaatanii baqachuu isaaniifi Masjiida Al Nuur duratti namoota lafatti kufanii dhiigaa turan arguu isaanii dubbataniiru.
Aangaa'onni hanga haalli tasgabba'uutti masjiidoonni hundi nageenyaaf akka cuufamuu qaban himaniiru. Manneen barnootaa magaalitti hundis cufamanii jiru.
bsa uummataaf laatan irratti Ministirri Mummee Jacinda Ardern wanti hundi ammatti ifaa miti "garuu kan jechuu danda'u- guyyaan kun guyyooti dukkanaa Niiw Ziilaand kessa tokkodha," jedhaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Duraa duubii taatewwanii hedduuminaan namoota ijaan arganiin midiyoota biyyittiitti kan himame waan ammatti ifa miti.
Namni dhuukasa kan olee tokko dhukaastota keessaa tokko nama tokko yeroo lapheerra rasaasaan rukutu arguusa TV Niiw Ziilaanditti dubbateera. Akka tilmaama isaatti dhukaasi kun daqiiqa 20f kan ture ta'uufi namootni 60 ta'an midhaamu akka hin hafne dubbateera.
Dhukaastonni kun jalqaba kutaa kadhanna dhiirotaa irratti dhukaasani sana booda gara kutaa kadhanna dubartootaatti darbuu isaani gabaafameera.
Namootni ijaan argan "Waanan gochu danda'u eeguufi , yaa waaq, namni kana jalaa raasasihaa dhumu jedhee kadhachu qofa," jechuun dubbateera.
Komiishinarri poolisii Mike Bush, " poolisiin haalicha to'achuuf humna guutuun socho'aa jira, garuu nannichi ammayyuu sodaa guddaa keessa jira" jedhaniiru.












