Haleellaa Chikaagootti dhaqqabeen hakiima tokko dabalatee lubbuun namoota afurii darbe

Madda suuraa, Joshua Lott/Getty Images
Haleellaa hospitaala Chikaagootti dhaqqabeen dubartoota lama, hojjettota hospitaalichaa dabalatee poolisiin tokkoo fi namtichi haleellicha dhaqqabsiise du'an.
Dubartootni lama du'an tokko hakiima hospitaalicha keessaa yoo taatu tokko ammoo gargaartuu ogeessa dawwaa ykn qorichaa hospitaalichaa tahuu kantiibaan magaalichaa Raaham Imaanu'eel himaniiru.
Dubbii himaan poolisii akka jedhetti walitti dhukaasni turus namtichi haleellaa kana bane ofiin of ajjeesuusaa fi dhukaasa keessa rukutamuu waanti barame hin jiru jedhe.
Poolisii lammaaffanis kan rukutamuu malu rasaasni isatti dhukaafamte qawwee isaa rukutuun achirratti waan hafteef osoo hin miidhamiin oolera jedhan.
Qondaaltotni mootummaa akka jedhanitti, namtichi haleellaa bane kaayyoon isaa beekamuu baatus dubartii duraan waliin hariiroo qabu irrattidha kan xiyyeeffate.
Kun bu'aa yaada hamaati kan jedhan dubbii himaan poolisii magaalitti har'a osoo ogummaa isaanii jaalataniin hojjechaa jiranii ogeessonni keenya lubbuu isaanii dhabaniiru jedhe.
Haleellichi kan gaggeefame hospitaala Meersii jedhamu keessatti yoo tahu naanno konkolaataan dhaabbatu [parking] gahuun dhukaasa akka bane namootni ijaan argan dubbatu.
Boodas gara gamoo dhukkubsattotni jiraniitti dhiyaachaa akka dhufe sagalee dhukaasichaa irraa hubannerra jechuun dhukkubsattotni hospitaalicha keessatti yaalamaa turan dubbatu.
Booda poolisoonni naannicha buufachuun nageenya dhukkubsattota yaalii irra turanii fi namoota kani eegaa turaniiru.
Haleellaan kun erga hakiimonni Ameerikaa gariin duula yakki meeshaa waraanaan raawwatu haa dhaabatu jechuun karaa toora interneetii hirmaatanii dhaqqabuu isaati.
Dooktoroonni tokko tokkos dhiiga namoota meeshaa waraanaan rukutamanii lafatti dhangala'ee qooduun gadda isaanii ibsaa turaniiru.
Bara kana Ameerikaatti namootni kuma 13 tahan qawweedhaan ajeefamaniiru, akka odeeffannoon dhimmicha irratti qindaa'e agarsiisutti.
Dabalataan namootni 25,000 tahan madaa'uun poolisoonni 250 tahan hojiirra osoo jirani ajjeefamaniiru.













