Namichi cheekii sobaan qarshii miliyoon 14.7 Baankii Daldala Itoophiyaatii baafachuuf ture to'atame

Cancala

Madda suuraa, FBC

Ibsa waa'ee suuraa, Cancala

Baankii Daldala Itoophiyaa Damee Shaalaatti namichi cheekii sobaadhaan qarshii miiliyoona 14.7 baasuudhaaf ture to'annaa jala ooleera.

Akka FBC'n gabaasetti shakkamaan kun maqaa Gammachuu Caalaa jedhuun damee baankichaatti Jimaata darbe lakkoofsa herrega baankii banatee ture.

Shakkamaan kun cheekii sobaa kan maqaa Baasii Anbassaatiin qarshii miiliyoona 14 fi kuma 724 baasuudhaan lakkoofsa herregaa Jimaata darbe banatetti dabarsuudhaaf yeroo jedhutti hordoffii Tajaajila Odeeffannoofi Nageenyaa Biyyaalessaan taasifameen qabamuu danda'eera.

Shakkamaan kun wayita sanatti Itti Gaafatamaa Damee Tajaajila Maamiltootaa sossobuudhaan qarshiin miiliyoona tokko kenneefii akka dhimmi isaa raawwatamuuf yaalee akka tures beekameera.