Qarshiin miil 5 ol Baankii Abisiniyaa Finfinneerraa saamamee ture qabame

Konkolaataa Viitiz saamtota feete turte

Madda suuraa, Anteneh Redai

Qarshiin miiliyoona shaniifi kuma dhibba jaha ol guyyaa kaleessaa Baankii Abisiniyaa magaalaa Finfinnee damee Telee Madaaniyaalam jedhamurraa saamamee ture qabame.

Hogganaan kominikeeshinii poolisii komishinii Finfinnee Komaandar Faasikaa Fantaa saamicha guyyaa kaleessaa naannoo sa'aatii 12:30'tti raawwatee ture hirmaannaa hawaasaafi poolisiin to'annoo jala ooleera jedhan.

Saamichi kun waardiyyaan baankichaa namoota kaan lama waliin wal ta'uun akka raawwate BBC'tti himaniiru.

Waan biraa yoo bade jiraate qorannoon dabalataa taasifamaa akka jiru kan himan komaandarichi qarshiin fudhatame garuu deebi'eera jedhaniiru.

Hojii gaggeessaan kominikeeshinii baankii Abisiniyaa Obbo Aschaalaw Taammiruu gama isaaniitin qarshiin hunduu deebi'uu dubbatu.

Saamichi raawwates konkolaataadhaan akka ta'e himaniiru.

Dabalataanis, har'a ganamallee namoonni badii kana keessa qooda qabaachuu malu jedhamani shakkaman to'annoo jala ooluu isaanii BBC'tti dubbataniiru.

Akka isaan jedhanitti yeroo ammaa baankichi tajaajila kennaa jira.

Konkolaataa Viitiz saamtota feete turte

Madda suuraa, Anteneh Redai

Gama kaanin, yeroo hattoonni qarshii saaman fudhatanii deeman karaa faallaa konkolaataan adeemuu hin qabnerra akka deeman arguu isaanii Obbo Antanah Radaa'i BBC'tti himaniiru.

Akka isaan jedhanitti, konkolaataan namoota qarshii saaman qabatte turte isa isaan keessa turan rukuchuun baqattus adeemsa muraasa booda dhaabatte.

''Ergasii shofeerris, nami biraa shofeera waliin turees konkolaataa keessaa bahanii baqatan.''

Namoonni naannoo sana turan qabaa qabaa jedhanii yeroo iyyanitti namii sadaffaa konkolaataa keessa tureefi leezarii gurraacha uffate cuubee qabachuun bahe jedhan.

Namoonni garuu iyya fuudhani namicha rurrukutani qabani kan jedhan Obb Antanah, konkolaataa keessa namoonni turan baankiidhaa qarshii hatani akka baqatan booda baruu isaanii himaniiru.

konkolaataa dhaabatte keessa qarshii madaabaraadhaan hidhame arguu isaanii BBC'tti dubbataniiru.