Ameerikaa: Poolisoonni torba rasasaan madaa'an

Konkolaataa poolisii Filooreens, Karolaayinaa Kibbaa

Madda suuraa, EVN

Ibsa waa'ee suuraa, Piresidaant Tiraamp dhukaasa baname booda gadda isaa ibseera.

Karolaayinaa Kibbatti dhukaasa banameen poolisoonni Ameerikaa torba rasasaan rukatamii, keessa tokkoo lubbuun isaa darbeera.

Poolisiin magaala Filoorens wamicha gargaarsaa waajjira seeraa eegsistootaa irra dhaqabeef nannichatti argaman.

Shakkamaan daa'imman iggitee kan ture yeroo ta'u dhukaasaa saatii lamaaf ture booda dhumarratti harka kennee gara mana yaalatti geessameera.

Eenyuummaan isaafi kaka'umsi isaa hinbeekamne.

Galmeen Yaadannoo 'Officer Down' maqaa poolisoota Ameerikaa hojiirratti ajjeefamanii 23,408 of keessa qaba- kan waggaa kanaa 112.

Akka marsariitii 'Gun Violence Archive'tti bara 2017tti namootni Ameerikaa keessatti rasaasaan ajjeefamanii 15,000 oli.

Lakkoofsi kun kan waggaa tokkotti namoota 22,000 tahan rasaasaan lubbuu ofii baasanii hin dabalatu.