Nama ijoollee leenjii rukutuu mana barumsaa akka isiin nama ajjeesituu godhuu qaban.

Madda suuraa, AFP
Nama tokko ka ijoollee 11 bakka tokkootti guure, leenjii waraanaa kennuufi, hidhanii jedh miidiyaan Ameerikaa.
Akka himanitii, nami sun ka maqaan isa Siraj Ibn Wahhaj ijoollee sun ta ganna tokko hanga 15, faayyadamuu waaranaa leenjisa.
Ijoolleen sun ka gammoojjii olla irra fagooti leenjisani, nyaata dhugaati dhabde, dhukkubdee jedhan.
Wahhaj fi dubartii sadi New Meeksiikooti qaban.
Poolisiin, diigala sun keessatti reefa ilma Wahhaj ka ganna sadii, Abdula-Ghani Wahhaj ka waggaa darbe dhabameti,argame jedh.
Barbaada daa'ima suniiti, poolisii bakka tanaan dhufe, akka himanitii abbaati butee jedhan.

Madda suuraa, Taos County Sheriff's Office
Dubartii sadi ka haadhotta ijoollee tana jedhanilee qabani harka poolisii jirti.
Wal-qabati dubartoota tana ta maqaan Jany Leveille, Subhannah Wahhaj fi Hujrah Wahhaj hin baramne ammo qorannoon deema jirti.
Poolisiin ijoollee sun arge, baqatootta addunyaa sadaffa ta nyaata dhugaati hin qamne fakkaati , ammalee bututtuu xurii uffate, kopheele faanaa hin qabdu jedh.
Erga beela hin jiru, nyaata dhugaati feena jedhu argane iddo sun weeraree jedh poolisiin.

Madda suuraa, Taos County Sheriff's Office
Akkaataa miidiyaa New Yorki Abbaan Wahhaji, Imam Siriaj Wahhaj, hogganaa muslimaa beekamaa Brooklyn keessatti, ka namni hedduun jaalatu Ameerikaa keessatti.
Bara 1991, kadhannaa baniinsa parlamaa Ameerikaa taasisuun muslimaa jaqaba tae.












