Haleellaa 'Christchurch': Abbaa fi ilmi miidhaamtoota sirni awwaalcha jalqabaa raawwate

Sirna awwaalchaa namoota haleellaa masjida NiwZiilaand irraatti raawwatameen namoota lubbuu dhabaniif

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Sirni awwaalchaa sabaaba reeffa adda baasuutiin yeroo fudhate

Sirni awwaalchaa miidhamtoota haleellaa Ziiw Ziilaand jalqaba kan abbaa fi ilma kanneen lammii Siriyaa ta'aan gegeeffame.

Kaliid Musxaffaa kan ganna 44 yoo ta'e, ilmisaa Hamzaan immoo mucaa ganna 16 ti. Gara Ziiw Ziilaand wagga darbe baqatumman kan deeman.

Akka seera shari'aa Islaamaatti sirni awwaalcha hanga dandaa'ameen akkumma namni du'een akka awwaalamu jedhuus, garuu namoota adda baasuun waan yeroo fudhateef awwalchi turu danda'eera.

Lamiin Awustraaliyaa kan ganna 28 fi olaantummaa warra addii dhaabachu kan ofi ibsuus okko kan leelisuu Bireentoon Tarraant yakka ajjechaa kanaan himatamera.

Zaid Mustafa in a wheelchair at the funeral for his father and brother Za'iid Musxafaa wilcharii sina awwaalcha abbaa fi obboleessaa isaa irratti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Za'iid Musxafaa sirna awwaalcha abbaa fi obboleessaa isaa irratti argame.

Namoonni dhibaatammatti lakka'aman sirna jiddu gala awwaalcha Islaamaa Linwood kan Kiraayistcharchitti argamuun guyyaa Roobii hirmaataniiru. Kunis iddoo haleellaan itti godhame keesssaa isaa tokkoo jechuudha.

Miidhamtoonni lameen masjidaa AL-Nuur tti ajjeeffaman kunneenis, baqatummaadhaan Siriyaa irraa maatii isaanii waliin gara Ziiw Ziilaand deemani.

Kaaliid haadha manaa fi ilma isaa kan haleellaa kanan miidhaan irra gahee turee biraa du'e. Zayiid Musxafaas wiilcharii irraa ta'uun ture sirna awwalchaa kana irratti kan hirmaate.

Innis "Ani as dhaabbachuuhin qabu ture. Isiin waliin ciisuu qaba ture," jechaa akka ture namichi Za'iid biraa dhabbata ture tokko AFPtti hime ture.

Bakki maatiin yeroodhaaf hiriyootaa fi firoota isaanii waliin reef bira itti turan qophaa'eef ture. Awwaalchi namoota biroo baayyeenis harruma booda keessa akka gaggeefamu barameera.

Namoota haleellaa Kirstcharchirraatti lubbuu dhabani

Magaalattii keessatti haleellaa masjida lama irratti raawwatameen namoonni 50 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Victims of the Christchurch mosque shootings
Mourners gather for the first funeral of the 50 victims of the mosque shootings at the Memorial Park Cemetery in Christchurch, New Zealand
Ibsa waa'ee suuraa, Namoonnis gadda isaanii ibsachuuf lafa awwallchaatti walitti qabamanii ture

Reeffi namoota hundaa bahuuf

Poolisiinii gaafa Roobii namoota miidhaman jaha maqaa dhahee reeffa 50 biroo immoo dhuma guyyaatti matiidhaaf akka kennu beeksiise jira.

Qorannoon hundi akka xumurame poliisiinii biyyaatti hime jira. Haa ta'u malee maatiin namoonni jalaa miidhnii tokko tokkoos turtii isaatiif hingamne.

Komishinariin poolisii garuu "shakamaa sababa yakka ajjeechaa kanaa adda baafamu malee isaatu ajjeesse jechuu hin dandeenyu,"jedha. "Kanaafuu dhimmi kun qoranno sadarkaa ol'aanaa barbaada."

Suuraa animeeshinii haleellaa NiwZiilaand ibsuu

Madda suuraa, The Spinoff

MM Jasiindaa Ardeeran salaata guyyaa Jimaata Bitooteesaa 22 irraatti daqiiqaa lamaaf namoota du'aan akka yaadatamaan fi torbee tokko immoo guutummatti akka yaadatamaan godhaniiru.

Salaanni juma'a immoo TV fi raadiyoo irraatti tamsaasni kallaatti akka jiraatu himaniiru.

Sirna awwaalcha Islaama

Sirni kun naannoo gara naannoo garagarumma qabatus, wanni walfakkaatu tokko immoo reeffi awwaalchaaf hin turu-hamma danda'ameen eegaa du'een booda awwaalama, kunis sa'aatii 24 keessaatti.

Ta'uus garuu akka sheekoonni jedhanitti namni du'e sun sabaaba uumaamatiin yoo hin taane turtii ni danda'ama.

"Nuti reeffa akka lubbuun jiruti ilaala," Rihanaa Alii Federeshiinii Islaama Ziw Ziilaand irraa torbe kana midiyaaleef ibsa kennaniiru.

Reeffi uffaata adiin (abujadeen) marama, kunis namni kun waan gaarii ta'e hunda duubatti dhiisee deemuu isaa agarsiisa.

Sirni awwaalcha Islaama sagantaa adda hin qabu. Awwaalcha duraa salaata araaraa (salaatul Janaazaa)tu jira..

MM ZiwZiilaand yeroo mana barnoota sadarkaa lammaffaa kashmiir daawwatanitti bartootaa waliin wal hammataniiru.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, MM mana baroota keessaatti baratoota hamataniiru.

Gaafa Roobii, MM Ardeeran mana barnoota sadarkaa lammaffaa Kashmeer dawwataan, manni barumsa kunis baratoota isaani kan ta'an Sayyaad Miilne fi Hamzaa Musxafaa akkasumas barata isaanii dura kan ta'e Xaariq Umar haleellaa kanaan dhabaniiru.

Dayireektarri mana barumsicha immoo gama isaanitiin haleellaan kun "gar-jabeessaa fi hamaataadha" baratootaaf, hojjaatootaaf fi maatii baratootaaf.

MM gaafa Wixataa seeraa meeshaalee waraana biyyaatti keessaa jru akka riifoomiin barbaachiisu dubbataniiru. Guutummaan karooraa kana guyyoota keessaatti akka ifa ta'u eegamaa jira.