Niiw Ziilaandi COVID-19 irra aanne jette

Muummittiin Ministiraa Niiw Ziilaandi Jaasiindaa Arderni

Madda suuraa, Getty Images

Muummittiin Ministiraa Niiw Ziilaandi Jaasiindaa Arderni ibsa guyyuu isaanii kan eegalan ‘‘warreen lubbuu dhaban hedduufi kanneen sabab Kanaan naasuu keessa seenan’’ yaadachuudhaani.

Biyyaattiitti namoonni COVID-19’n du’an 12 yoo ta’an, ‘‘waa’ee tokkoon tokkoon isaanii bilbilaan natti himamee jira. Biyyoota muraasa kun itti raawwate keessaa tokko ta’uu malla’’ jedhani Aadde Arderni.

Biyyi isaanii wanta biyyoonni muraasni raawwachuu danda’an gochuun tamsa’ina vaayirasichaa guutummaa guutuutti haala jedhamuun to’achuu dandeenyee jirra jedhaniiru.

Tamsa’inni cimaan hawaasa biyyattii mara keessa akka hin jirre anga’oonni ni amanu, ammarra haala isaa yoo ilaalle namni qabame tokko giddu-galaan nama tokkoo gaditti vaayirasicha dabarsa jechuun hojii biyyi isaanii hojjatte faarsaniiru.

‘‘Kan addunyaa kaaniin yoo wal-bira qabnu, waan baay’ee ajaa’ibsiisu hojjanne’’ jedhani.

Eebla 28 irraa kaasee dambiiwwan muraasni nifooyya’u kan jedhan Jaasiindaan, suuqiiwwan hojjattoota muraasa galchuun qulqulleessuufi banachuuf qophii eegalu, manneen barnootaas barattoota simachuuf niqophaa’u, garuu mana turuufi walirraa hiiquun ittuma fufu jechuun ibsani.

Guyyichi isa yaadamerra achi hiiqe yaada jedhuuf, ‘‘aarsaan amma kaffallu numaafi, haguma yeroo dheeraa cufannee teenyu, deebinee rakkootti seenuurraa nuhambisa’’ jedhanii deebisani.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa