Mitsiwwaa- magaalaa qarqara galaanaa 'onte'

Gamoo durii Matsawwaatti argamu

Torban muraasa dura gaazexeessitoonni BBC wal-dorgommii kubbaa miilaa CECAFAn dargaggoota waggaa 15 Eeritraa keessummeessite gabaasuuf wayita garas imalanitti waan taajjaban, kutaa afuriin qindeessaniiru. Kutaan afraffaa kunooti.

Mitsiwwaa

Mitsiwwaan magaala guddoo biyyattii Asmaraa irraa km115 fagaatti. Achii yoo deemtanis daandii maramaafi tulluuwwan qaxxaamuraa dabartu.

Bara 2018tti lafa Ministirri Mummee Abiy Ahimad pireezidant Isaayyaas waliin iddootti shookaa waliin nyaatan darbineetu gara Matsawwaa deemne.

Erga hoggantoonni lameen achitti shookaa nyaataniin booda, ''daldalli shookaa ho'eera'' nuun jette kan naannoo sanitti shookaa gurgurtu shamarree Haliimaa Mohaamad.

Embaasiifi balaliin daandii xiyyaaraas kan banaa tahuufi buufataaleen doonii banamanii hojii akka jalqaban hoggantoonni biyyoota lamaanii yeroo kanatti waliigalan.

Imala keemya yoo itti fufnu daandii baaburaa gaara guddaa addaan kutee darbu kan yeroo Xaaliyaan ijaarame argitu.

Daandii baaburaa lafa inni itti ijaarame arguun dadhabbiifi maallaqni guddaan akka irratti bahe tilmaamuun hin rakkisu.

Tulluuwwan karaa Matsawwaa irra jiran

Amma garuu daandichi ekeraa isaa qofatu gammoojjii keessatti hafee jira. Yeroosaatti garuu miiyaa ashaboo Matsawwaa irraa gara Asmaraa, Karan Aduutitti marmaarsa ture.

Magaala Mitsiwwaa yoo geessan ho'isaa hanga digrii sintigireedii 52 gahuu danda'a. Yeroo nuti achi geenye 45 ture.

Mitsiwwaan akka magaalota buufata doonii qabanii ho'ituu miti inumaa simbirri hin qaaritu.

Gamoowwan yeroo isaanitti qananii jedhamanii amma jijjiganii qofaatti hafaniin guutamtee jirti.

Daandii diriiraa gammoojjii sanarra ciisu irra konkolaataan gurguddaa fe'insaa hin mul'atu wacaafii sochiin hin jiru.

Buufata doonii Matsawwaa

Mana nyaataa yoo seentanillee nama hin argitan. Maashinii ho'a qabbaneessutu mataarraa isin iyya.

Namni gara iddoo sanaatti nu fudhatee dhaqe ''amma ho'a gatii taheefi galgala namoonni mana isaaniitii ni bahu'' jedha.

Erga biyyoota lameen gidduu araarri bu'ee as buuftni Mitsiwwaa haaromsi tokko tokko akka godhameef haa dhageenyuyyuu malee. Ammallee dooniiwwan gurguddoo fi meeshaawwan achi haa dhaabbatanii jiraatanis sochiin garuu hin jiru.

Galaannni Diimaa Ertiraa irra darbe biyyoota ollaafillee kennaa uumamaati. Ho'a sana keessaa daakaadhaan of qabbaneessuufi basha'uuf iddoo namatti tolu dha.

Namooti lakkoofsi isaanii xiqqoo hin jedhamne qarqara galaana kanaatti bashannanu.

Namoonni achitti otoo bashannanani argine namoota magaalattii keessatti arginerra caaluun isaanii shakkii waan hin qabne.

Hoteelonni qarqara Galaanichaa jiran waggoota kurnan baayyee dabarsaniiru.

Letanaal Koloneel Geetaachaw Merehaa Tsiyoon gorsaa pireezidantiifi itti gaafatamaa odeeffannoofi kaartaati. Magaalattii keessa sochiin daldalaa hanga barabaadamu akka hin jirre dubbatu.

''Waan akka waraanaa badaan hin jiru. Misoomarra walabummaa keenya eegsisuuf dhama'aa baane. Amma waan hundi geeddaramee jira'' jedhu.

Biyyattiin qoqqobbii waan irra tureef magalaawwan qarqara galaanaa jiran irra sochiin kan hin mul'annee kanaafi jedhu.

Qarqara Galaana Diimaa

Ertiraan Al-shebaab Somaaliyaa jiruuf deeggarsa meeshaafi leenjii kenniti sababii jedhuun bara 2009tti Mootummoti Gamtoomanii qoqqobbii irra buusee ture. Qoqqobichi abbootiin qabeenyaallee akka hin sochooneef dhorka ture.

Garee Al-shebaab jedhamu waliin hariiroo akka hin qabne kan himaa turte Ertiraan, sababii qoqqobbii kanaan dhiibbaa diinagdee irra gaheef beenyaa gaafataa turte.

Qoqqobbiin kuni bara darbe erga irra ka'eefi Itoophiyaa walin araarri erga bu'ee Mitsiwwaa irratti karoora misoomaa akka qabatan kuni gaafa raawwatamu daawwattoota baayye akka harkisu dubbatu.

Piroojektii karoorafaman keessaa tokko ijaarsa buufta annisa 20-30 burqisiisu dhaabu dha.