Eeritiraa keessa omishaafi tajaajilli filannoof hin jiru

Biiraa, daandii konkolaataa, bilbila uummataa

Eertiraan erga bilisummaa shee labsitee waggaa 30 guutuuf kan demtu yoo ta'u, tajaajiloonni hedduun motummaan waan to'atamaniifu ummanni filannoo biraa hinqabu. Waan baayyeen 'tokkichuma' biyya Eeritiraa keessatti.

Gabaasa keenya kaleessaatiin isiin dubbisiisu akkuma eegallee, torban muraasa dura gareen gaazexxessitoonni BBC gara Eeritraatti imalanii ture. Innis wal-dorgommii kubbaa miilaa CECAFAn dargaggoota waggaa 15 gadiif gabaasuuf. Tabbajjii keenya wayita garas imallee kan kutaa lammataa kunooti.

Biyya waan tokko qofti itti baayyatu Eeritiraa

Eertiraa waan tokko qofa kan tahan wantoota baayyeetu jira. Xiyyaara tokko, biiraa gosa tokko, baankii tokko, tajaajila telekoomii kan kennu tokko, paartii siyaasaa tokko, tamsaasa televizyinii tokko....

Biiraa tokko

''Melootii'' yookiin ''Asmaraa Biiraan'' bara 1939 irraa qabee naqamaa tureera. Dhugaatii Eertiraa qofa yoo tahu namoota baayyee biratti yaadannoofi jaalatamummaa horateera. Dhiyeessiifi fedhiin waan wal hin ginneef yeroo dhihootiin asitti namni tokko biiraa lama qofatu hayyamamaaf.

Namni lammeeffatee isaa ol immoo barbaade, nama biiraaa hin dhugne fudhatee dhaqee iddoo nama sanaa akka dhugus dhageenyee jirra.

Amma jijjiirama warshaa biiraa kanatti adeemsifameen bal'inaan dhiyaachu jalqabeera.

Karri Itoophiyaa fi Eeritiraa daangessan yoo banaman oomishooti biiraa Itoophiyaa baay'inaan gurguramuu jalqabanaan gatiin Melootii Naqfaa 25 irraa gara 11ffaatti gadi bu'ee ture jedhan.

Biiraa Asmaraa

Sirna baankii tokko

Baankiin Daldalaa Eertiraa baankii tokkittii biyya sanaati. Baankichi seera addaa qaba inniis, namni tokko baankichaa ji'atti qarshii 5000 malee baasuu hin danda'u.

Dargaggoon konkolaataa 100,000 bitachuu barbaade qarshii hanganaa baaniirraa argachuuf waggaa tokko akka eege nuttu himeera.

Qaal'insa gatii to'achufi uummata qusannaa barsiisuuf jecha mootummaan kana godha jedhan jiraattonni.

Eertiraa ATMn hin jiru. Erga daangaan banamee dargaggoon gara Maqale tokko namoonni maashinii keessaa yoo qarshii baafatan argee baayyee dinqamuufaa nutti haasa'an.

Qarshii Eritiraa:Naaqfaa

Nyaataafi dhugaatiif taaksiin hin kaffalamu.

Paartii siyaasaa tokko

Paartiin siyaasaa Adda Uummataa Dimookiraasiifi Haqaaf jedhamuufi pireezadantii biyyatti Isaayyaas Afawarqiin hogganamu, paartii isaan mormu biraan biyyattii keessatti mul'atee hin beeku.

Heerri hojiirra oolee beeku hin jiru. Filannoon adeemsifame hin beeku.

Gara fuuladuraas mootummaan filannoo geggeessuuf waan yaade hin fakkaatu.

Kaardii simii haala salphaatti argachu waan hindanda'amneef ummanni baayyeen bilbila hawaasaatti fayyadama

Dhaabbata telekoomii tokko

Telekoomiin Airtel jedhamu akkuma Itoophiyaa mootummaatiin dhuunfatama.

Siimkaardii argachuun baayyee rakkisaa dha. Namni daawwannaaf dhaqu kaardii hin argtu. Jiraattonni illee qaamolee mootummaadhaaf sadarkaa sadarkaadhaan iyyannoo galfatanii dhumarrattis Ministeerri Odeeffannoo dhimma isaanii aerag qorateen boodaa kennamaaf.

Bilbilli Eritiraa 07 jedheetu jalqaba dijiitii 8 qofas qaba. Fakkeenyaaf 07 123 645 jedhanii eritiraatti bilbiluunh ni danda'ama.

Namni baayyeen bibila uummataa fayyadama.

Siimkaardiin yoo aragmellee daataa fayyadamuun hin danda'amu, intarneetii fayyadamuuf lafa waayfaayin jiru dhaquu qabdu. Miidiyaalee hawaasummaa fayyadamuuf VPN banuu qabdu.

Biyyattii keessa namoonnii intarneetii fayyadaman harka lamaa gadi dha jedhan qorannoon idila addunyaa dhimma telekoomnikeeshinii irratti hojjetu.

Buufata televizyinii tokko

Televizyininii biyyaalessa Er-TV jedhamu odeeffannoo qofaasaa tamsaasa.

Dhiyeenyaa kana biyyattiin biyyoota ukkaamsaan sab-himaalee irratti adeemsifamu jedhamuun maqaan ishee dhahamaa jira.

Dhaabbanni mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJn miidiyaaleen Ertiraa afaan mootummaa tahuun tajaajiluu gaazexeeessitoonni alaas gabaasaaf yoo deeman hordoffiin irratti taasifama jedhaniiru.

Maasawwaa Eritiraa

Madda suuraa, Getty Images

Bilisummaa Amantii

Eertiraatti amantiiwwan mootummaa irraa hayyama argatan afur qofa dha. Kiristiyaan Ortodoksii, Musliima Sunii, Kaatolikii Roomaa fi mana amantaa Warra Wangeelaa Luutaraanii dha.

Warreen kanaan alatti amantiiwwan jira seeraa ala dha. Ergama dhaabota biyya alaa raawwachiisuu qabu jedhaan mootummaan.

Hordoftoonnii amantii Dhugaa Baatota Yahiwaa sababii amantii isaaniif dirqama leenjii loltummaa biyyaalessaa waan hin fudhanneef lammummaa ni dhorkamuu waraqaa eenyummaas hin argatan.