Dhaabbata Goal: Hojjetaan dhaabbata gargaarsaa Wallagga Lixaatti akkamiin ajjeefame?

Madda suuraa, GOAL
Torban kana keessa hojjetaan dhaabbata gargaarsaa biyya Ayirlaand Goal jedhamu tokko Lixa Oromiyaatti ajjeefamu dhabbatichi beeksiseera, ajjeechaa raawwates balaaleeffate.
Ajjeechaan kun hidhattootaan ajjeefamuu kan ibse dhaabbatichi kanaanis lubbuun konkolaachisaa darbuu hime.
Mootummaan Ayirlaandis ajjeechaa raawwateen 'guddaa rifatuu' ibsee yeroo ammaa hojiiwwan deeggarsa namoomaa Naannoo Benishaangul Gumuuz keessa taasisu dhaabuu ibseera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa BBC'tti akka ibsetti ajjeechaan kun Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Boojjii Dirmajiitti raawwate.
Bakkeewwan Naannoo Benishaangul gara magaalaa naannichaatti deemuuf Godina Wallagga Lixaa keessa darbuu qaban ni jiru.
Ajjechaan akkamiin raawwate?
Dhaabbatichi ibsa baasen ajjeechaan kun Bitoteessa 24 gaafa Roobii guyyaa keessa naannoo sa'aatii 8:30tti raawwate.
''Hidhattoonni adda hin baafamne 12 Godina Wallagga Lixaa Asoosaafi Yaasoo gidduu naannoo sa'aatii 8:30 konkolaachisaafi miseensa dhaabbata Goal konkolaataa keessaa baasan.
''Hidhattoonni konkolaataa keessa waan jiru hunda erga fuudhanii booda ibidda itti qabsiisan. Achii konkolaachisaaniifi hojjetaan dhaabbatichaa bosonatti geeffaman,'' jechuun ibse.
Kanneen haleellaa qaqqabsiisaniin erga gaafatamanii booda ''konkolaachisaan ajjeefame, hojjetaan immoo miliqe'' jechuun ibse. Konkolaataan gubatte kan kiraa ta'uu dhaabbatichi himeera.
Dhimma kana quba qabaachuu kan gaafanne Dubbii Himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa ajjeechaan raawwatuu mirkaneessaniiru.
''Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Boojjii Dirmajiifi naannoo sana gidduutti osoo socho'anii humnootumti gajjallaa shiftummaadhaan ummata keessa wareera uuman ajjeesaniiru,'' jechuun himatan.
Maaliif akka ajjeechaan raawwate odeeffannoo hin qabu kan jedhan Obbo Getaachoon, waa'ee ajjeechaa godinarraa gabaasni isaan dhaqqabuu himu.
''Makiinaa isaan qabatanii deeman keessaa fuudhamanii ajjeefamaniiru kan jedhu gabaasni iddoo sanarraa nu dhaqqabeera,'' jechuun dubbatan.
Ajjeechaan kuni hoojjettoonni dhaabbatichaa Kaamashii irraa osoo ol dhufani irratti raawwatu gabaafamu ibsan.
Dhaabbatichi sababa ajjeechaa kanaan, qorannoo gaggeesuufi haala nageenyaa xiinxaluuf sochiin dhaabbatichaa naannichatti taasisu yeroof dhaabbatuullee ibse.
Mootummaa Ayirlaand keessatti Ministirri Deeggarsa Misooma Alaafi Diyaaspooraa Koolm Biroofi ibsa baasaniin ajjeechaa raawwaten ''guddaa rifachuu'' ibsaniiru.
Ministeerri Dhimma Alaa Ayirlaand ibsa isaanii qoode irratti ''ajjeechaan kuni waggaa darbe lakkoofsa hojjettoota deeggarsa namoomaa Itoophiyaa keessa ajjeefaman torbaan gaheera,'' jedhaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Torbanuma darbe kana Tigraay keessatti loltoonni wayita namoota afur konkolaataa irraa buusanii achumatti ajjeesan hojjettoonni isaa ijaan arguu dhaabbanni gargaarsaa MSF jedhamu beeksiseera.
Gama Lixa Oromiyaa ajjeechaan qondaaltota mootummaa irratti xiyyeeffate irra deddeebiin raawwatamaa ture.
Ebla waggaa darbe tajaajiltoonni lama dhaabbata 'Great Commission Ministry Ethiopia' jedhamuu keessa dalagaa turanifi ilmi tokko hidhattootaan ajjeefamuus gabaafame ture.
Ajjeechaan akkanaan 'fooyya'e' ture jedhu Obbo Getaachoon. Gama kaaniin, sochi hidhattoota bosona keessa socho'an to'achuuf sakattaafi bobbii waraanni taasisuun gidduutti lubbuun lammiilee darbaa ture.
Hidhattoonni kana dura ABO jala turanii bosonatti hafan garuu himannaa ajjeechaa garagaraa raawwatun irratti ka'u hin fudhatan.
Konkolaataan mallattoo 'qawwee hin qabnu' jedhu qaba
Dhaabbatichi deeggarsa namoomaa taasisuuf qorannoorra osoo jiru badiin kuni dhaqqabuu ibse.
'Konkolaatichi mallattoo dhaabbatichaa qaba. Mallattoo 'qawwee hin qabnu' jedhus ofirraa qaba.''
Dhaabbati Goal maatii konkolaachisaaf gadda isaa ibsee ''haleellaan kuni obsamuu hin qabu'' jechuun akeekkachiiseera.
''Ajjeechaan kuni rakkoo hojjettoonni dhaabbilee gargaarsaa isaan qunnamaa jiru agarsiisa. Hidhattoonni daddabarsa deeggarsa namoomaa kabajuu qabu,'' jechuun hime.
Haleellaa raawwate irratti odeeffannoo walitti qabaa akka jiruufi qorannoo ajjeechaa raawwate irratti qondaaltota waliin hojjetaa akka jirullee dhaabbatichi ibseera.
Obbo Getaachoo Baalchaanis poolisiin kan lubbuun bahe jiraachuu odeeffatee qorannoorra akka jiru BBC'f himaniiru.
Dhaabbatni GOAL eenyu?
Dhaabbatni Ayirlaand GOAL jedhamu yeroo ammaa biyyoota addunyaa gara garaatti hojiiwwan deeggarsa namoomaa taasisa.
Dhaabbatni kuni bara 1984 eegales Itoophiyaa keessa dalagaa jira. Akka dhaabbatichi ibsetti yeroo ammaa naannolee Itoop[hiyaa torba keessa dalagaa jira.
Bara 2020 qofa dhaabbatichi lammiilee miiliyoona lamaa ol bira gargaarsa gahu ibseera.














