Dubartiin abbaa warraafi ilmi Lixa Wallaggaatti hidhattootaan jalaa ajjeefaman maal jedhu?

Faajjii Gireet Komishinii

Madda suuraa, GREAT COMMISSION FB

Ibsa waa'ee suuraa, Faajjii Gireet Komishinii

Godina Wallagga Lixaa Anaa Ganjiitti gaafa Kibxataa ganama ture namoonni sadii hidhattootaan ajjeefamuu isaanii kan gabaafame.

Namoonni sadan kunneen ganama magaalaa Naqamteerraa ka'un gara Lixa Wallaggaa magaalaa Ganjiitti imalaa kan turan yoo ta'u, haleellaa irratti raawwatameen lubbuun isaanii sadanuu darbeera.

Namoota ajjeefaman keessaa lama tajaajiltoota yoo ta'an tokko immoo ilma isa tokkooti.

Namoota ajjeefaman keessa tokko Obbo Asaffaa Mokonniin jedhamu. Waggoota dheeraaf dhaabbata 'Great Commission Ministry Ethiopia' jedhamuu keessa dalagaa turan.

Haati warraa Obbo Asaffaa Aadde Xajjituu Galataa akka jedhanitti, namoonni sadeen kunneen Kibxata ganama magaalaa Naqamteedhaa bahuun gara Wallagga Lixaatti imaluu eegalan.

Kanas yeroo ibsan sababa taatmsa'ina koronaavayirasiin karaan waan cufameef tajaajilaa Misgaanuu Jammaree jedhamu abbaa warraa isaanii du'e kun gara aanaa Ganjii warra bira geessuu barbaade.

Haata'u malee, konkolaataan waan hin jirref abbaan warraa isaanii isaan geessuu qajeelan.

Garuu qofaa isaanii hin turre. ''Yeroon deebi'u na faana ta'a jedheeti mucaasaa hangafaa fudhate bahe,'' jedhu Aadde Xajjituun.

Ilmi isaanii abbaa isaanii waliin deeme Saamu'el Asaffaa kan jedhamu yoo ta'u reefuu mucaa waggaa 16'ti.

Ta'us, akka nagaan bahanitti hin deebine. Du'uu isaanii gaafa Roobii ganama naannoo sa'aatii 1:00 dhagahuu kan himan Aadde Xajjituun guddaa gadduu himu.

''Reeffa isaallee argachuuf baay'ee rakkannee arganne.''

''Baay'een gadda. Dogongoraan mucaa hangafaa kana fudhatee bahe kophaakoo na hambisuu isaati,'' jechuun gaddaan dubbatu.

Maatii isaanii keessaa lama lubbuu dhabanii isaaniifi mucaan durbaa waggaa 9 isaan biratti akka hafte himan.

Barumsi waan hin jirreef ilmi isaanii qilleensan jijjiirradha, jedhee akka bahe himu.

''Abbaakoo faana adeeme biyyas ilaalee 'fataa' jedheen dhufa jedhee maamii chaawoo jedhee na dhungatee bahe mucaankoo ,'' jechuun ammallee sagaleen kuni gurra isaaniitti akka deddeebi'u dubbatan.

Eenyutu ajjeese?

Gama Lixaafi Kibba Oromiyaa qondaaltota mootummaafi dhaabbilee adda addaa irratti ajjeechaan irra deddebbiin mudachaa ture.

Ajjeechaa kanaaf kan himatamu qaama hidhatee bosona keessa socho'uufi kana dura dhaaba ABO jala socho'aa turedha jedhama.

Bulchaan Godina Wallagga Lixaa Obbo Eliyaas Ummataa ajjeechaa tajaajiltoota amantii irratti mudatellee hidhattootaa raawwate jechuun VOA Afaan Oromootti himaniiru.

''Dhukaasa itti banameen lubbuun namoota kanaa darbuusaa odeeffannoon nu qaqqabeera.

''Lakkoofsaan afur kan ta'an humna ABO shanee jedhamanii naannoo sana socho'an ta'uu anaa sanarraa mirkaneeffachuu dandenyeerra,'' jedhan Obbo Eliyaas.

Dhaabbanni isaan hojjetaniif maal jedhe?

Daarektarri Gireet Komishinii Itoophiyaa Obbo Girmaa Altyaayee BBC'tti akka himanitti waan raawwate akkanaan himu.

Misgaanuun sababa vaayirasii kanaan hojiin waan dhaabbateef gara magaalaa maatiin isaa jiran Ganjii deemuuf jedhee yeroo konkolaataa dhabutti Obbo Asaffaan konkolaataa isaaniin isa geessuuf yeroo achi deemanidha kun kan uumame jedhan.

''Misgaanuuf ammoo nannoon sun lafa itti dhalatee guddatedha. Kun nurra ga'a jedhanii waan yaadan natti hin fakkaatu,'' jechuun himu.

Dhaabbatichi hawaasa waliin hariiroo gaarii qaba kan jedhan Obbo Girmaan, waan raawwateen gadduu himu.

''Erga Itoophiyaa kessa hojechuu jalqabee dhaabni keenya waggaa 40 ol waan ta'eef siyaasa kamirraayyuu bilisa ta'uun keenyas ni beekama. Kanaaf, hojjeettoonni keenya hedduun midhaan nurra ga'a jendhanii hin yaadan.

Kanaaf, tarii konkolaataa mootummaa itti fakkaatee haleellaa kana gaggeessanii shakkii jedhu qabna,'' jedhan.

''Yeroo dheeraan dura tarii sababa amantaa isaaniifi sababa tajaajila isaaniif namootni ajjeefaman jiru garuu akkasiin tajaajilaan nama gaggeessuuf manaa ba'ee ajjeefame hin jiru,'' jechuun himan.

Misgaanuun achumaa nannoo dhaloota isaatti kan awwaalame yoo ta'u, Obbo Asaffaafi ilmi isaanii ammoo Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee kuttaayee, Gudaritti raawwachuu BBC'tti himaniiru.