Manguddoon Gujiitti ajjeefaman Waaccuu Nageessaa eenyu?

Madda suuraa, Jilo Keme
Godina Gujii Aanaa Gooroo Doolaa iddoo Waaccuu Dhabuu jedhamtutti dhalatan. Maqaan dhalootaa isaanii Waaccuu Nageessaa yoo ta'u irra hedduu Haaji Umar Nageessaa jedhamanii beekamu.
Manguddoon ganna 84 kun jaarsa biyyaafi uummata biratti kabajaa guddaa akka qaban himamaaf.
Kabajaan kun manguddummaa ykn jaarsa biyyaa ta'uun qofaan osoo hin taane qooda qabsoo uummata Oromoo keessatti qabaniin akka horatan warri isaan beekan ni dubbatu.
Manguddoon kun A.L.I Bitootessa 26 ilma isaanii ganna 18 waliin Aanaa Gooroo Doolaa ganda Waatoo Bureeri jedhamtu keessatti rasaasaan ajjeefaman.
Seenaa qabsoo
Qabsoo sirna Hayilasillaasee irratti qabsaa'oti akka Jeneraal Waaqoo Guutuu Godina Baalee keessatti eegalan bara 1967 A.L.I godina Gujiitti yoo bal'atu qabsaa'ota jalqaba itti makaman keessaa Waaccuu Nageessaa ykn Haaji Umar isaan tokko jedhu jaalli qabsoofi hiriyaan isaanii Gannaalee Siidaa.
Haaji Umar yeroos qabsaa'ota akka Xulaa Duubee Gomboosoo, Haaji Mohaammad Quxxaa, Haaji Quuxoo Boonayyaa fi kanneen biroo waliin ta'uun qabsoo hadhaa'aa gochaa akka turan himu ofiis qabsoo san keessa kan turan manguddoo Gannaalee Siidaa.
Haaji Umar Nageessaa ajajaa ta'uun qabsoo san keessatti qooda guddaa bahaa turani jedhu.
Qabsoon sun haga mootummaan Dargii aangootti dhufuutti itti fufuu kan himan Aab Gannaaleen, mootummaan Dargii xiyyaaraan dabalatee isaan lolee wareegama guddoo akka kafalan himu.
"Qabsoon teenna laaftee, gallee mataa gadi qabannee bulle," jedhu.
Haaji Umar erga qabsoo irraa galaniin duuba jaarsa biyyaa ta'ani. "Nama dhugaati jedhanii olii gadi waamaa turani," jedhu Aab Gannaaleen.
"Oromoon tokko haa teetu jedhaa turan," jedhu.
Jaarsa biyyaa ta'anii qooda olaanaa isaan bahachaa turan aanga'oonni mootummaallee ragaa bahu.
Bulchaan aanaa Gooroo Doolaa Obbo Taajuuraa Odaa, Haaji Umar jaarsa biyyaati, nama dhugaa dubbatu, yeroo gosti walitti bu'u nama araarsaa ture ta'uu himu.
"Nama kabajamaa akka Oromootti qabnu" jechuun ibsu.
Akkamiin, eenyuun ajjeefaman?
Qabsoo sirnoota darbanii keessattis ta'e, qabsoo waggoota muraasa darbanii jijjiirama siyaasaa amma jiru fide keessatti qooda olaanaa qabaachaa akka turan himu Obbo Tajuuraan.
Dhiyeenya kana ejjennoo paartiin siyaasaa kamiyyuu karaa nagaatiin qabsaa'uu qaba jedhuun, sochii hidhattoonni bosonatti hafan taasisan sirrii miti jechuun nama qabsaa'aa turedha jedhu.
Manguddoon kun A.L.I Bitootessa 26 ilma isaanii ganna 18 waliin Aanaa Gooroo Doolaa ganda Waatoo Bureeri jedhamtu keessatti rasaasaan ajjeefaman.
HIiriyaafi jaalli qabsoo isaanii Aab Gannaaleen, "gara warra ofii deemanii warra irraa kan gara magaalaa deebi'an du'an nuun jedhani, nuti reeffumatti dhufne," jedhu.
Eenyu akka ajjeese kan gaafanne Aab Gannaaleen, "waraana hidhate ala keessa jiru nuun jedhan malee ani hin beeku," jedhan.
Bulchaan aanaa Gooroo Doolaa Obbo Taajuraan garuu "shiftaa shanee" jedhamutu ajjeese jedhan.
"Ta'e jedhanii mana keetti daandiin cufameera jedhanii akka inni ganda bu'u ergaa dabarsaniifi, wayita inni gandaa deebi'u karaa irratti eeganii hidhattoonni jaha duraaf dubaan dhaabbatanii motora irratti ilma isaa waliin ajjeesanii, meeshaa isaas fudhatanii deemani," jedhan.
Kana ragaa namoota ijaan arganiin mirkaneeffachuus dubbatu.
"Humni shanee jedhamu kun aanaa Gooroo Doolaa gandoota keessa faffaca'ee jira," kan jedhan Obbo Taajuuraan, "nama dhugaa dubbatu, nama maaliif bosona keessa turtu, maaliif nama ajjeeftu jedhee faallaa isaanii dubbatu ni ajjeesu," jedhan.
Haaji Umar Nageessaas sababuma kanaan humnoota kanaan akka ajjeefaman himu.
Aanga'oonni Godina Gujii amma duras hidhattoonni aanga'oota mootummaa dabalatee jiraattota irratti yakka ajjeechaa raawwachaa akka turan himaa turan.
Mootummaan olaantummaa seeraa kabachisuuf tarkaanfii fudhataa jira kan jedhan Obbo Taajuraan, humnoonni hidhatan kunneen riphee loltoota ta'uufi, dhokatanii tooftaa jijjiirrataa waan socho'aniif guutummaatti dhabamsiisuun rakkisaa ta'uu himu.
Ta'us garuu qaamni nageenyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa hanga milishaa gandaa hojiin adamsanii tarkaanfii fudhachuu cimee itti fufa jedhan.















