Waraana Tigraay: Lammii Ispeen tokko dabalatee hojjattoonni MSF sadii Tigraayitti ajjeefaman

MSF Logo

Madda suuraa, MSF

Dhaabbanni gargaarsa Oggeesota Fayyaa Daanga-Maleeyyii, Médecins Sans Frontières (MSF) hojjattoonnisaa sadii Itoophiyaa nannoo Tigraayitti jalaa ajjeefamuu beeksise. Hojjattoota ajjeefaman kanneen keessaa tokko lammii Iseep yoo taatu, lama lammiilee Itoophiyaati.

MSE ibsa Jimaata baaseen, "Hojjatoonni keenya sadii Tigraayitti ajjeefamuu isaanii erga mirkaaneeffannee booda gadda guddaarratti argamna,'' jedheera.

Mootummaan Itoophiyaa gama isaatiiin ajjeechaa hojjattoota dhaabbata MSF kanaan gadduu isaa ibsuun, ajjeechaa gaddisiisaa garee itti gaafatama hin qabneen raawatamu akkasii kana hambiisuuf ture mootummaan bakka akkasiitti [namoota gargaarsaaf deeman] gaggeessaan loltootaa akka taasifamuuf gaafachaa kan ture,'' jedheera.

Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa ajjeechicha kana ilaalchisuun ibsa baaseen, hojjattoonni dhaabbatichaa lammii Ispeen tokkoofi lammiilee Itoophiyaa lama Tigraay keessa bakka TPLF bal'inaan socho'u Abii Adiitti ajjeeffaman jedheera

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Dhaabbatichi hojjattoonni maqaansaanii Maariyaa Hernaandez -Qindeessituu Yeroo Balaa Tasaa, Yohaannis Haalafoom Reddaa- Gargaaraa Qindeessaafi Teediroos Gabramaariyaam Gabremikaa'el -konkolaachisaa yoo ta'an, Kamisa waaree booda osoo imalarra jiranii quunnamtiin isaanii adda citu hima MSF.

Haata'u malee, Jimaata ganama konkolaataasaanii duuwwaa ta'uufi meetira muraasa fagaatee ammoo reeffi hojjatoota kanneen sadanuu argamuu beeksiiseera.

"Haleellaa hamaa kanaan gadda, naasuufi aarii guddaa nutti dhaga’ame ibsuuf jecha hin qabnu. Osuma jecha ittiin ibsannu qabaannes gaddaafi miidhama maatiiwwwan isaanii jajjabinaa hawwinuuf kan hir’isuu danda’u miti,” jedha ibsi dhaabbatichaan bahe.

''Haleellaa waayiloota keenyarratti raawwatame kana cimsinee balaaleffanna,'' kan jedhe MSF, maal akka uumame hubachuuf ammoo duubatti akka hin jenne beeksiiseera.

“Mariyaa, Yohaannis fi Teedroos naannoo Tigraay keessatti uummataaf gargaarsa dhiyeessaa turan. Hojii kanaaf ammoo lubbuu isaanii wareeguun isaanii waan hin yaadamnedha.”

Maatii isaanii waliin qunnamtii akka qaban kan ibse dhaabbatichi, yeroo gadda cimaa kanaatti akka hin jeeqamneefi kabajni isaanii akka eegamuuf gaafateera.

Maariyaa Hernaandeez, shamarreen ganna 35, Ispeen Maadriid irraa yoo taatu, dhabbata MSF waliin hojjachuu kan eegalte Riippablika Giddugaleessaa Afrikaatti bara 2015 ta’u hima. Erga sanaa boodas biyyoota akka Yaman, Meeksikoofi Naayjeriyaa keessa hojjatteetti jedha ibsichi.

Yohaannis Halefoom Raddaa kan umuriin isaa ganna 31 fi lammii Itoophiyaa Guraandhala keessa dhabbatichatti kan makamedha. Lammiin Itoophiyaa biroo Teedroos Gabramariyaam Gabramikaa’eel kan umuriin isaa ganna 31 ta'e ammoo Caamsaa irraa eegalee konkolaachisaa dhaabbata MSF ta’ee hojjachaa akka ture ibsi kun eerera.

“Duutii Maariyaa, Yohaannis fi Teedroos hojjatoota MSF Itoophiyaafi kanneen biyyoota addunyaa bakka MSF hojjatu jiran hundaaf gadda guddaadha.

Hunda keenyattuu miira gadda, aariifi naasuun guddaa nutti dhaga’ameera,; maatiiwwan isaaniifis baayyee gaddineerra.”

Kana dura maaltu ta'e?

Jalqaba ji'a Sadaasa 2020 haleellaa TPLF buufata humna waraanaa biyyaa Tigraay keessa jirurratti haleellaa raawwachuu hordofee, mootummaan loltoota Ertiraa waliin ta'uun tarkaanfii fudhateen paartii naannicha bulchu TPLF aangoorraa ari'uun injifannoo labsuun isaa ni yaadatama.

Lolli osoo hin jalqabamiin dura TPLF jijjiirama siyaasaa MM Abiy gaggeessan waliin walqabatee waldhabdee cimaa keessa kan galanii turan yoo ta'u, haleellaan buufata waaraanaa biyyaa Kaaba jirurratti raawwatame walitti bu'insichi akka jalqabamuuf sababa ta'eera.

Lola ji'a saddeet dura jalqabame kanaan namoonni kumaan lakkaa'aman ajjeefamanii miliyoonaan kan lakkaa'aman ammoo buqqa'uu isaanii gabaasni dhaabbileen gargaarsaa ni mul'isa.

Lola kana hordofees, naannicha keessatti ummanni miliyoona shan ta'an gargaarsa nyaataa kan isaan barbaachisu yommuu ta'u, namoonni 350,000 ol ta'an ammoo beela'aa akka jiran Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii torban darbe keessa ibsee ture.