Waraana Tigraay: Loltoonni Itoophiyaa waraana Tigiraayirra turan nagaa eegumsaaf akka hin ergamne US gaafatte

Loltuu

Madda suuraa, Getty Images

Loltoonni Itoophiyaa waraana Tigraay irratti hirmaatan ergama nagaa eegsisuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti akka hin bobbaafamne walitti qabaan Koreen Hariiroo Dhimma Alaa Ameerikaa gaafatan.

Walitti qabaan Korichaa Senaatar Boob Meendez, loltoonni waraanaa naannoo Tigiraayitti hirmaatan sarbamiinsi mirgaa raawwachuu keessa qooda akka hin qabne hanga mirkana’utti ergama nagaa eegsisuu UNtti akka hin hirmaanne gaafatan.

Senaatar Boob Meendez xalayaa kaleessa Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutireziiif barreessaniin kana gaafatan.

Xaalayaan barreessan maal jedha?

Waraana Tigiraayitti ji’oota sagaliif gaggeeffame keessatti miseensonni raayyaa ittisaa Itoophiyaa, loltoonni Eertiraa fi hidhattoonni biroos ajjeechaa jumlaa, guddeeddii, namoota nagaa itti yaadanii beelessuu fi yakkoota waraana biroorratti hirmaachusaanii ragaaleen agarsiisan jiru jedhan.

‘’Itoophiyaa keessatti waraana sukaaneessaa ta’e, lola Tigiraay keessatti qaamoleen hirmaatani fi loltoonni raayyaa ittisa biyyaa mirga namoota nagaa Tigiraay sarbaniiru’’ jedha xalayaan aanga'aan kun barreessan.

Itti dabaluudhaan ‘’loltuun tokko waanti duraan hojjate nagaa eegumsatti wayita hirmaatu amala akkami akka qabatu agarsiisa.

Loltoonni sarbamiinsa akkasi raawwachuu baratan, kofiyyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaanii waan godhataniif amalliisaanii ni geeddarama jechuu miti.

Lolotoonni sarbamiinsa mirga namoomaa qaqqabsiisan nagaa eegumsatti hirmaachuun miidhaa hordofsiisu bu’uureffachuun, loltoonni waraana Tigiraayitti hirmaatan ergama nagaa eegumsarra ugguramuu qabu’’ jedhan.

Senaatar Boob Meendez adeemsi qorannoo dhaabbileen walabaa ta’an kanneen akka Komishiinii Mirga Namoomaa UN fa’aatiin hanga mirkaneeffamutti akka hin hirmaanne dhorkamu qabu jedhan.

Xalayaa barreeessan keessatti Itoophiyaan ergama naga eegumsaa Dhaabbatichaf loltoota hedduu kan gumaachitu ta’uu eeruun, loltoonni nagaa eegumsaaf bobbaafaman waraana Tigiraayitti hirmaachuun isaanii dursa qulqulleeffamu qaba jedhanii gaafatan.

Walitti qaban Korichaa Heeyitii keessatti loltoonni Sirilaankaa miidhaa saalqunnamtii qaqqabsiisuu akka fakkeenyaatti eeruun, loltoonni sarbamiinsa mirgaa qaqqabsiisan nagaa eegumsarratti akka hin hirmaanne dhaabbatichi mirkanneessuu qaba jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa xalayaa Senaatarichi barreessaniif deebii hin kennine.

Yaa’iin waliigala Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ergama nagaa eegumsaatiin miidhaa saalqunnamtii ittisuuf jechaa bara 2003 murtoo dabarsee ture.

Kanatti dabaluun nagaa eegdoti seera mirga namoomaa cabsuun himataman nagaa eegutti akka hin hirmaanne imaammanni dhorku bara 2011 ragga’uu isaa xalayicha keessatti eerameera.

Loltoonni mootummaa sarbamiinsa mirgaa hedduu raawwachuun wayita shakkamanitti Dhaabbatichi Burundii fi Seeraliyoonitti qorannoo gaggeessuun adeeemsi adda baasuu hojjatamuu eeraniiru.

Adeemsa kanaan mootummoonni hirmaannaan loltoota isaanii maal akka fakkaatu qulqulleessu.

Haa ta’u malee, mootummoonni kanaaf iftoomina fi fedha qabachuu akka qaban eeruun, mootummaa Itoophiyaarratti himannaan yakka waraanaafi sarbamiinsa mirgaa irratti dhiyaatera waan ta’eef tarkaanfii kana fudhachuuf gahuumsa hin qabu jedha.

Sababii kanaafuu gocha kana raawwachuu kan qabu dursa Komishiinii Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniti jedhan.

Waraanni Tigraay Sadaasa bara 2020 eegaleen lubbuun namoota kumaatamaan lakkaa'amanii yoo darbu namoonni miliyoonaan lakkaa'aman ammoo qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.

Ameerikaan jalqabarraa eegaltee lolli kun akka dhaabbatuufi mariin akka furamu Itoophiyaa irratti dhiibbaa gochaa turte.

Sababuma waraana kanaatiin aanga'oota gama lamaaniinu waraana kana keessaa qooda qabanirra uggura Viizaa kaa'uun ni yaadatama.

Waliigalteen dhukaasa dhaabu ittifufinsaa qabu akka jiraatu, loltoonni Eertiraa fi hidhattootni naannoo Amaaraaa Tigraay keessaa akka bahan ministirri haajaa alaa Ameerikaa Antonii Bilinkan torbee kana bilbilaan MM Abiyitti himaniiru.

Kanatti dabaluun, deeggarsii namoomaa hin daangeffamneefi nageenyummaan isaa mirkanaa’e akka kennamuu qabu gaafataniiru.

Ameerikaan ibsa sana keessatti daangaan Itoophiyaa biyya keessaa fi karaa alaatiin humnaan ykn heera biyyattii karaa hin eeyyamneen sarbamuu akka hin qabne hubachiisaniiru.

Kana malees rakkoolee sabummaa fi siyaasaan walqabatan karaa marii hunda hirmaachiseen furmaata barbaadun barbaachisaa ta’u Ameeerikaan hubachiiftetti.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad garuu marii Ministira Dhimma Alaa Ameerika waliin taasisan ilaalchisee homaa hin ibsine.