Waraana Tigiraay: US Itoophiyaatti mariin dhukaasa dhaabuu akka gaggeeffamu waamicha taasifte

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Bilinkan Tigraay keessatti dhukaasa dhaabuuf mariin barbaachisaa ta'uu himan.
Mr Bilinkan Kibxata darbe toora tiwiitara isaanii irratti akka barreessaniitti, dhimma kanarratti bilbilaan Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin dubbachuu beeksiisan.
Qondaalli US kun akkasumas humnootiin Eertiraa fi naannoo Amaaraa guutummaan Tigiraay keessaa akka bahaniifi aanga'oonni ammoo namoota gargaarsa barbaadaniif deeggarsa namoomaa hin daangeeffamneefi nagaa qaqqabuu isaa akka mirkaneessan gaafataniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Haata'u malee humnootiin finciltoota naannoo Tigraay fi milishootaafi humnootiin addaa naannoo Amaaraa, gama daangaa naannoolee lamaanii irratti waraana haaraa eegaluuf gara daangaatti siqaa jiraachusaanii gabaasaaleen mul'isan.
Pireezidantiin Naannoo Amaaraa Obbo Aganyehu Tashaagar gama isaanitiin, ''haleellaa garee shororkeessaa TPLFn raawwatamu ofirraa ittisuuf naannon Amaaraa qophiidha'' jedhaniiru Kibxata kaleessaa.
Obbo Aganyahu itti dabaluunis haleellaa Humnootii TPLFn qaqqabuu malan kamuu ofirraa qolachuuf ''dandeettii guutuu fi qophii qabna'' jedhan.

Tigraay - dhimmoota bu'uuraa
- Erga 1994 kaasee, Itoophiyaan naannoolee 10 kan heera mootummaa biyyatii keessatti saba bu'ureeffachuufi akka bulchiinsa ofiin of bulchuutti ibsamaniin caasseeffamte.
- Mormii irra caalaa dargaggoo Oromootiin gaggeeffameen, Abiy Ahimad aangoo qabachuun rifoormiiwwan gaggeessuu eegale.
- Qondaaltonni siyaasaa ciccimoon naannoo Tigraayis sirna federaalaa diiguuf yaalaa jira jechuun MM Abiyyiin himatan.
- Itti aansees erga finciltoonni Tigraay buufata waraanaa Kaabaatti argamu irratti haleellaa raawwataniiru jedhameen booda, raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa deeggarsa loltoota Ertiraatiin Sadaasa 2020 keessa naannichatti tarkaanfii fudhachuu eegaluun ammoo waldhabdee qaamoolee lamaan jidduu ture caalatti hammeesse.
- MM Abiy ammoo dhuma Sadaasa 2020tti waraanni xumuramuu labsanilleen, garuu waraanni hanga dhiheenyaatti dabalee itti fufee ture.

Mr Bilinkan itti dabaluun garaagarummaa sabaa fi siyaasaa biyyattii keessatti mudatee furuuf hatattamaan mariin siyaasaa hunda hammatu akka gaggeeffamu cimsuun himan.
Waanni naannichatti baatiiwwan saddeettan darbaniif gaggeeffamaa tures Tigraay rakkoo namoomaa cimaa keessa kan galche yoo ta'u, namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman qarqara beelaarratti akka argaman dhaabbileen gargaarsaa himan.
Torban darbee ammoo, mootummaan federaalaa sababoota dhukaasa dhaabuu itti labse keessaa, inni duraa deeggarsi namoomaa naannichatti namoota barbaadaniif danqaa tokko malee akka qaqqabu gochuu fi yeroon waqtii qonnaan bulaan itti hojii qonnaa raawwatu waan ta'eef akka ta'e ibse.
Kana malee badiinsi dabalataa akka hin qaqqabneef naannicha keessaa bahuuf murteessuu MM Abiy Ahimad himaniiru.
Humnoonni TPLF garuu injifannoo lola irratti argataniin naannicha deebisanii qabachuu himu.
TPLF hanga humnooti Amaaraa, loltoonni federaalaa fi kan Eertiraa daangaa Tigraay guutummaatti gadi dhiisanii bahaniitti lola akka itti fufanis ibseera.
Humnooti Tigraay haleellaa raayyaa ittisa biyyaa irratti Sadaasa 4, bara 2020 raawwatan jedhame hordofee lola dhalateen, namoonni kumaatamaan lakkaa'aman ajjeefamanii, miliyoonaa ol ammoo bakka jireenyaa isaaniirra buqqa'aniiru.












