Waraana Tigraay: Baqattootni Eertiraa Tigiraay jiran ajjeefamaa jiru gabaasni jedhu isa yaaddessuu UN beeksise

Baqattoota Eertiraa

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Baqattoota Eertiraa

Dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti Ejensiin Baqattootaa gabaasni haleellan baqattoota Eertiraa Tigraayi jiranirra qaqqabuu agarsiisu na yaaddesse jedhe.

Itoophiyaatti dubbi himaan Ejensichaa BBCtti akka himanitti, Dhiha magaalaa Shireetti baqattoonni Eertiraa dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamuu gabaasonni ibsan maddeen ''onlaayiiniifi maddeen adda addaarra mirkaneeffachuu'' beeksisan.

''Gabaasota kana xiyyeeffannoon ilaalla, gabaasota kana akkuma dhageenyeen battaluma sanatti hojjattoota keenya magaalaa Shiree jiranirraa, michuuwwan nu tumsaniifi baqattoota Eertiraa gaafachuuf yaalleera''jechuun Kireevonkoovik karaa imeelii ibsaniiru.

''Himannaa amma yoonatti nu qaqqabaa jiran sirrii ta’uusaanii mirkaneessu dadhabnus, odeeffannoo gamaggamuuf nu fayyadan sassaabuu itti fufna'' jedhan.

Qaamoleen mirgaa namoomaaf falman baqattoonni Eertiraa hedduun hidhattoota naannichaatiin haala sukkaneessaan ajjeefamuu gabaasni nu qaqqabeera jedhan.

Torban darbe loltoonnii raayyaa ittisa biyyaa Tigiraayi bahuu hordofee toorri walqunnamtii cufamuusaatiin gabaasota kana mirkanessuuf dhibBaa ta’eera.

Nageenya buufataalee baqattootaa eeguun ittigaafatamuummaan jalqabaa qondaaltota mootummaarraa eegamu.

Bulchitoota naannoofi Ejensii Baqattoota Itoophiyaa waliin ta’uun nageenya baqattootaa mirkaneessuu akka ittifufuu Ejensichi BBC tti himeera.

Haa tahu malee qondaaltonni mootummaa Federaalaa hojjattoota siiviliifi humnoota waraanaa naannicha keessaa baasuu hordofee, nageenya baqattootaa akkatti mirkaneessuun danda’amu ifaa miti.

Sadaasa keessa waraanni naannoo Tigiraayitti ka’uun dura baqattoota Eertiraa kuma 100tti dhiyaatanitu dawoo baqattootaa naannicha jiran keessa ture.

Waraanni ka’uu hordofee dawoo baqannaa afur keessaa lama barbadaa’uun barameera.

Baqattoota 20,000 ol ta’an keessaa harki caalaan isaanii eessa akka jiran hin beekamu.

Baqattoonni hedduun isaanii mootummaa Eertiraatiin butamanii fudhatamuun kan himame yoo ta’u, mootummaan Eertiraa himannicha haalera.

Daangaa Eertiraatti dhiyaatanii dawoon baqannaa argaman Shimalbaafi Hidaad jedhaman keessa baqattoonni turan dawoo baqannaa keessaa wayita bahan ji’ootaaf otoo soorataafi gargaarsa murteessoo ta’an hin argatiin rakkoo hamtuu keessa turan.

Baqattoonni muraasni gara dawoo baqannaa Kibba-Dhiha Tigiraayitti argamuufi nageenya wayyaa ta’e qabu deemaniis turaniiru.

Kun otoo kanaan jiruu, Dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti Ejensiin Baqattootaa naannoo Amaaraatti dawoo baqannaa haaraa ijaaaruuf iddoo ijaarsaa fudhachuun ni yaadatama.

Itoophiyaa keessaa walumaagalatti baqattootni Eertiraa 200,000 ta’an jiraachuu ibsi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii baasaa ture kan agarsiisu.