Haaldureewwaan dhukaasa dhaabuuf humnootii Tigraayiin kaa'aman maal akeekuu?

Madda suuraa, YASUYOSHI CHIBA
Waldhabdeen motummaa federaalaafi humnootii yeroo sana naannoo Tigraay bulchaa turan TPLF jidduu cimuun Sadaasa 04, 2021 haleellaa buufata waraanaa biyyatti kan kaabatti argamurratti raawwatame hordofuun erga gara waraanaatti galamee booda lolli qabeenyaafi lubbuu irraan miidhaa guddaa qaqabsiisee naannichatti gaggeeffameera.
Humnootiin mootummaa Itoophiyaa torban sadii keessatti humnoota TPLF magaala gudditti naannichaa Maqalee fi nannooshee keessaa baasuun duulli xumuramuu himanii kan turan ta'us, waldhabdeen kun ji'oota saddeetiif itti fufee ture.
Gareen TPLF hooggansa bulchiinsa nannichaa irraa erga hari'atameen booda, motummaan federaalaatiin kan hundeeffameee ture, bulchiinsi yeroof Tigraay Waxabajjii 28, 2021 irratti mootummaa federaalaa haala ''namoomaa gidduugaleessaa godhateefi haala miidhaa dabalataa hin uumneen" waliigaltee dhuukasaa dhaabuu akka taasisuuf gaafachuun isaa ni yaadatama.
Hojii raawwachisaan bulchiinsa yeroo Tigraayis, waqxiin gannaa waan seenaa jiruuf qonnaan bultoonni hojii qonnaa isaanii akka hojjataniifi namoota gargaarsi namoomaa isaan barbaachisuuf gargaarsi salphaatti akka isaan ga'uuf, waldhabdee naannicha keessa jiruuf furmaanni siyaasaa akka kennamuuf waligalteen dhuukasa dhaabuu akka taasifamuuf gaafateera.
Kana hordoofes mootummaan federaala naannichatti waligaltee dhukaasa dhaabuu akka raawwatamuuf walii galuu isaa ibsuun, waliigaltee dhukaasaa dhabuu addaatti ofiisaa labsuu isaa beeksise.
Ibsa waajjirri ministira muummee baasee irratti akka himametti naannoo Tigraay keessa waldhabdeen jiru akka dhaabbatuuf mootummaan haalduree kamiyyuu malee Waxabajjii 28, 2021 irraa eegalee hojiirra kan oolu waligalteen dhuukaasa dhaabuu qofaatti taasifamuu isaa beeksiise.
Mootummaan federaalaa haalduree tokko malee addatti waligaltee dhuukasa dhaabuu qofaatti labsuu isaa hordofes, dhaabbileen idil-addunyaafi biyyoonni kanneen dura waligalteen dhuukasa dhaabuu naannichatti akka taasifamuuf gaafachaa turan murtee kana haalaan simataniiru.
Erga murteen mootummaa addaatti qofaan labsame kun dhagahameen boodas, gareen finciltootaa Tigraay kan deebiisanii Maqalee qabachuu beeksiisan, Dilbata Adooleessa 4, 2021tti ibsa baaseen waligaltee dhukaasaa dhaabuu fudhachuun haaldureeewwan torba guutamu qaba jedhuu dhiyeesseera.
Haaldureewwan garichi dhiyeesse kenneen garuu mootummaa federaalaa dabalatee humnootii waraanicha keessatti hirmaataniin simatamuusaa ifa waan hintaaneef, nageenyaa naannichatti eegamu buusuu hedduun ni shakku.
Haaldureewwan kaa'aman maal turan?
Haaldureewwan garee finciltootaan kaa'aman keessaa in jalqabaan kaa'ame ''Humnootii Ertiraafi Amaaraa bakkeewwan Tigraay qabatan keessaa bahuun bakka waraanaan dura turaniitti haa deebii'an'' jechuu yaada gaafatuudha.
Waraannii naannichatti eegaluu hordoofuun, eeddoowwan naannooleen Tigraayiifi Amaaraa ittiin wal daangeessaniifi kan waggoota dheeraaf naannoo Amaaraa irraa kutamuun gara Tigraayiitti daangeeffaman jedhamuun himaman humnootii addaa naannoo Amaaraa to'atanii jiru.
Qondaaltoonni naannichaa olaanoo dabalatee eddoowwan kunneen buu'ura seeraa malee fudhamanii kan turan akka ta'an ibsaa turan.
Guyyoota muraasaan duras pirezidaantiin naannoo Amaaraa toora miidiyaa hawaasaa isaanii irratti waa'ee dhimmi eddoowwan kanneenii ''galmee cufame ta'usaa irra deddebiin mirkaneessina'' jechuun barreessaniiru.
Dhimma gama Eritraatiin jiruu ilaalchisees, eddoowwan kam akka ta'an ifatti beekamu baatulleen, naannooleen tibba waraanaa daangaatti qabatamnii turaniifi kan Ertiraaf ta'u jedhaman yoo ta'an ammas ataakaaroo marsaa biraa kan kaasan ta'u.
Humnootiin Ertiraa waraanicha hordofee gara daangaa Itoophiyaa seenuun sarbama mirgootaa hedduu raawwachuun himatamanis, haaluma walfakkaatuun eddoowwan naannoo daangaalee Ertiraaf ta'a jedhan harka galfachusaanii aanga'oonni Ertiraa ibsaniiru.
Haala kanaan, eddoowwan qabeenyaa qaamoolee lamaan kanneenii harka galan kunneen gadhiifamu isaanitiif gama Ertiraafi naannoo Amaaraatiin marii taasisuudhaaf hayyamamoo ta'usaanii kan wal nama gaafachisudha.
Haal dureen dhukaasaa dhaabuu ''motummaa Tigraay'' jedhuun tamsaafamees irra caalaan isaan kan gahee motummaa federaalaa kan bakka buusufi dhimmoota gahee motummaa jiddugalaa ta'aniifis ofiisaatiin kan bakka buuse ta'u agarsiisa.
Haaluma kanaanis, ''dhimmoonni Tigraay ilaalattan biyya keessaafi biyya alaarraa kallattiin motummaa Tigraay waliin gaggeeffamu qabaatu, Tigraay ilaalchisee dhimmoonni motummaa Ertiraa waliin jiran kan hiikaman motummaa Tigraay qofaan'' jedha ibsichi.
Haata'u malee quunnamtiiwwan biyya alaa ilaalchisee aangoo kan qabu motummaa federaalaa yoo ta'u, motummaanis haaldure kaa'ame kan waan fudhatu hinfakkaatu. Gama motummaa Ertiraatinis yoo ta'ee faalaa walitti dhufenya gaariin kan qabu motummaa jidduugalaatiin, bulchiinsa naannichaa waliin ni mari'ata jedhamee hineegamu.
Akkasumas haaldureen garichaan kaa'amee naannoo Tigraayiitti dhiyeessitiin deeggarsa namoomaa hindaangeeffamne akka dhiyaatu akkasumas tajaajilliwwan ibsaa, telekomunikeeshinii, baankii, tajaajila qilleensaa, barnoota, fayyaa, geejjiba, fi kanneen daldala fakkaata akka eegalaman gaafateera.
Kana malees heerrii riippablika Dimokraatawa Federaalaa akak kabajamuu fi kunis mariiwwan tasifaman kamiifuu bu'uura mummee akka ta'u gaafachuun alatti, bajanni bara kanaa naannichaaf akka gadhiifamulleen gaafateera.
Xumura bara darbee irratti murtee motummaa federaalaa mormuun filannoon addatti naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamee ture mana maree federeshiiniitiin kufiisee ture. Itti aansuunis motummaan naannicha waliin quunnamtii kallattii akka hintaasifneefi bajata akka hinramadneef dhorkuunsaa ni yaadatama.
Dhimmoota ijjoo dubbii ta'an
Yaadiwwan haalduree garichaatiin kaa'am miraasnis bal'inaan mataduree marii ta'aa jiru.
Isaan keessaayis, yaadniiwwan ''haalduree tokko malee balaliinsiwwan idil-addunyaa buufatalee xiyyaaraa naannoo Tigiraayitti argaman akka eeyyamamu kan jedhuufi qaamoleen nageenyaafi tikaa mootummaa Federaalaa kamiyyuu Tigiraay akka hin seenneefi naannicha keessaa akka hin sochoone dhorkuu'' kan jedhan isaan mummeedha.
Dhimmoonni kanaafi kan biraa kanneen gahee aangoo mootummaa Federaalaatiin faalaa ta'aniifi haalduree kana keessatti hammatamanis, yaaduma kanaan dura gama Tigiraayiin qaamooleen tokko tokkoon ka'aa turaniifi fedhii biyya walabaa hundeessuu ifatti beeksisuuf kan yaadaman fakkaata.
Gama biraatiin immoo, mootummaan Fulbaanaan asitti jiru seera qabeessa miti jechaa kan ture TPLF, ammas yaadicha irra deebi'uun, murtoowwan dhaabbilee mootummaa Federaalaatiin naannoo Tigiraay ilaalchisuun dabarsan ''seera qabeessa waan hintaaneef hojiirra akka hinoollee akka taasifamanii'' gaafatan.
Kun immoo dhimmoota TPLF fi mootummaa Federaalaa gidduu sababii waldhabbee turan keessaa tokko kan ta'e, yaadni fudhatama dhabsiisuu kun kan mariidhaaf karra cufu fakkaata.
Haaldureewwan qabxii torbaa dhukaasa dhaabuu ilaalchisee garichaan bahe kanarrattis mootummaa Federaalaarras ta'ee humnoota kallattiin dhimmichi ilaallaturra ifatti deebiin kenname jiraachu baatulleen, kallattii dhimmoota ka'anitiin yoo ejjannoowwan kanaan dura qabataman ilaalaman, kan qaamoolee lamaan walitti dhiyeessan hinfakkaatan.














