Waraana Tigraay: 'Murteen Tigraay gadi dhiisanii bahuu murtee sirriidha' - MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, PM Office/Ethiopia
Murteen Tigraay keessaa waraana mootummaa federaalaa baasuu "gamaaggama amma dura qabnuun, murtee sirriidha" jedhan MM Abiy Ahimad.
Kana kan jedhan Wiixata Adoolessa 05 bara 2021 mana maree bakka bu'oota uummataatti dhiyaatanii gaaffilee miseensonni mana marichaa kaasaniif deebii wayita kennanidha.
Murteen dhukaasa dhaabuu mootummaan federaalaa torbee tokko dura labse marii bal'aa qaamolee adda adda waliin godhameen booda kan murtaa'e ta'u himan MM Abiy.
Adeemsi waraana mootummaa federaalaa naannoo Tigraay keessaa baasuu baatilee sadi kan fudhate, malee murtee halkan tokkoo miti jedhan.
Mootummaan federaalaa deeggarsi namoomaa akka danqaa malee walgahuu fi qonnaan bultoonni hojii qonnaa waqtii gannaa akka hojjetan jecha dhukaasa dhaabuu gam-tokkee labsee baatilee torba booda naannoo Tigraay gadi dhiisee bahe.
Naannoo Tigraay bulchaa kan turee fi paarlaamaa federaalaatiin shororkeessaa jedhamee kan labsame TPLF gama isaan, injifannoo lola irratti argateen naannicha deebisee to'achuu hima.
Labsii dhukaasa dhaabuu mootummaan federaalaa baase fudhachuufis ulaagaalee jajjaboo qabxiilee torba qabu ifa godhee jira.
MM Abiy haasawa paarlaamaa keessatti taasisaniin haleellaa humnooti TPLF raayyaa ittisa biyyaa ajaja Kaabaa irratti Sadaasa darbe raawwatan hordofee, lola mootummaan isaanii osoo hin feene itti seeneen bu'aalee argachuu himan.
Raayyaa Ittisa ajaja Kaabaa bilisoomsuu, meeshaalee waraanaa gurguddoo harka humnoota TPLF ture achii baasuu, yaalii Itoophiyaa gargar qooduuf godhame laaffisuu fi hogganoota TPLF jajjaboo to'annoo seeraa jala oolchuun bu'aalee argaman ta'uu eeran.
Mootummaan dhukaasa dhaabu kan labseef, waraanicha itti fufsiisuu waan hin dandeenyeef miti kan jedhan MM Abiy, waraanicha osoo itti fufsiisuun barbaachisaa ta'e ganna 10 hanga 20 itti fufsiisuun ni danda'ama ture jedhan.
Qaamolee lolli Tigraay akka dhaabbatu fedhan caalaa qaamolee lolichi harkifatee Itoophiyaan akka dadhabdu fedhantu hedduummata jechuunis dubbatan.
Rakkoo naannoo Tigraayitti uumame dhukkuba lukkuutti fakkeessuun, "lukkuun dhukkubsatte jennee Qotiyyoo hin qallu," jechuun, sababa rakkoo kanaatiin biyyi miidhamuu akka hin qabne hubachiisan.
Xiyyeeffannoon mootummaa itti aanu namoota qe'eerraa sababa adda addaan buqqa'an deebisanii qubsiisuu, ittisa Covid-19 cimsuu, baqattoota biyyoota gara garaa irraa deebi'an dandamachiisuu fi kkf ta'uu himan.
Dhimma Diinagdee
Dhimmoota diinagdee irratti gaaffilee miseensonni mana marechaa dhiyeessaniif deebii yoo kennan, invastimantiin alaa dhibbeentaa 20n dabaleera jedhan.
Osoo dhiibaan Covid-19 fi baasiin filannoo jiruu Baankii Biyyaalessaaf galiin doolaara biliyoona 2.7 galii ta'uus dubbatan.
Walumaagalatti diinagdeen biyyattii rakkoolee nageenyaa, dhibbaa Covid-19, weerara awwaannisaa fi lolaa akkasumas danqaalee biroo dandamachuun dhibbeentaa 6.1n guddachuu himan.
Lakkoofsi namoota herreega baankii qabanii waggaa lama keessatti miliyoona 38.8 irraa gara miliyoona 66.2tti guddachuu eeranii, kunis aadaan qusannoo fooyya'uu fi bu'aa nootii birrii jijjiiruun argame ta'uu himan.
Manni maricha xumura irratti bajata waiigalaa bara 2014 (A.L.I) birrii biliyoona 561 fi miliyoona 67 raggaasisee jira.
Qaala'iinsa gatii
"Qaala'iinsi gatii fi qaala'iinsi jireenya wantoota tokko miti," jedhan MM Abiy Ahimad.
Qaala'iinsi gatii jiraatee galiin kanneen bitatanii jijjiirama hin qabu ykn hin daballe yoo ta'e qaala'iinsi jireenyaa ni uumama jedhan.
Osoo galiin namoota hin dabaliin gatiin waan dabaleef qaala'iinsi jireenyaa uumamuu fi kanas sirreessuun yeroo gabaabaatti ni ulfaata jedhan.
Sababoota qaala'iinsa gatii jajjaboo yoo ibsan:
- Dhiyeessii fi fedhiin wal madaaluu dhabuu, fedhiin osoo dabalaa jiruu omishni hanga barbaadame dabaluu dhabuu
- Danqaalee adeemsa dhiyeessii omishaalee keessa jiran
- To'annoo imaammata fi fiskaalii
Gama kaaniin omishtoonni gatiin dabaluu mala jechuun omisha isaanii gabaaf dhiyeessuu dhiisuunis qaala'iinsa gatiif gumaacha akka qabu dubbatan.
Mootummaan rakkoo kana furuuf tarkaanfiiwwan gara garaa fudhachaa jiraachuus himaniiru.
Hidha Haaromsaa fi dippiloomasii
Hidha haaromsaa ilaalchisee ejjennoon mootummaa Itoophiyaa karaa nagaa qabeenya ofii misoomsuu akka ta'e irra deebi'uun himan.
Biyyoota kaan miidhuuf Itoophiyaan yaada akka hin qabne himanii, biqiltuu kan dhaabnuuf Itoophiyaa fayyadne, Sudaan fi Masriin akka fayyadamaniif ta'uu dubbatan.
"Kan nuti feenu nagaa fi guddinadha. Hidhicha xumuruuf ni tattaafanna, Waaqni Itoophiyaas nu gargaara," jedhan.
Gama kaaniin mootummaan haarofti Fulbaana dhufu ijaaramu dippiloomasii irratti kallattii haaraa hordofuu akka malu akeekaniiru.
Baasii biyyattiin imbaasiiwwan biyyoota alaa keessa jiraniif baasaa jirtu hir'isuuf imbasiiwwan 30 ta'an cufamuu akka malan akeekan.














