Waraana Tigraay: Tigraayitti beelli namoota 400,000 miidhaa jira jechuun UN akeekkachiise

Lolli TPLF fi mootummaa federaalaa gidduu ture biyyattii rakkoo nagenyaa keessa galcheera

Madda suuraa, REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Lolli TPLF fi mootummaa federaalaa gidduu ture biyyattii rakkoo nagenyaa keessa galcheera

Akka anga’oonni UN jedhanitti, waraana baatilee saddeet darbaniif Tigraayi keessatti adeemaa ture lammiilee kuma 400 ta’an beelaaf akka saaxilaman taasiseera.

Rakkoo naannichatti mudate irratti yeroo jalqabaaf ifatti kan yaa’ii taa’e manni maree nageenyaa UN, daa’imman kuma 33 ta’anis dhibee hanqina nyaataa hamaaf saaxilamaniiru jedhe.

Waraana baatii saddeetiif taasifamaa tureen namoonni miiliyoona 1.8 ta’anis fiixee beelaarra jiraachuus akeekeera.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu osoo jiruu walitti bu’iinsi ammas jiraachuu mala sodaan jedhu jiraachuus akeekkachiisaniiru.

Humnoota TPLF lolaa kan ture mootummaan Itoophiyaa Wiixata darbe dhukaasa dhaabeera jedhee labsee ture.

Haata’u malee, osuma dhiibbaan idil-addunyaa qaamoleen lamaanuu lola akka dhaabaniif itti fufee jiruu, humnoonni TPLF naannoo isaanii keessaa ‘‘diina isaanii’’ akka ari’an dhaadachuun wal-qabatee lolli bakka muraasatti geggeeffamaa akka jiru himama.

Lolli TPLF fi mootummaa federaalaa gidduu baatii saddeetiif taasifamaa ture, kumaatama ajjeesee miiliyoona lamaa ol ammo qe’eerraa buqqiseera.

Qaamoleen lamaanuu ajjeechaa jumlaafi dhiittaa mirga namoomaa hamaa raawwachuun himatamaa turani.

Jimaata kaleessaa loltoonni federaalaa kumaatamni TPLF’n booji’aman daandiiwwan Maqaleerra oofamaa turani jedha, gabaasni Niiw Yoorki Taayimsi.

Presentational grey line

Tigraay - dhimmoota bu'uuraa

  • Erga 1994 kaasee, Itoophiyaan naannoolee 10 kan heera mootummaa biyyatii keessatti saba bu'ureeffachuufi akka bulchiinsa ofiin of bulchuutti ibsamaniin caasseeffamte.
  • Iirra caalaa dargaggoo Oromootiin gaggeeffameen, Abiy Ahimad aangoo qabachuun riformiiwwan gaggeessuu eegale.
  • Qondaaltoonni siyaasaa cicimoonni naannoo Tigraayis sirna federaalaa diiguuf yaalaa jira jechuun MM Abiyiin himatan.
  • Itti aansisees erga finciltoonni Tigreen buufata waraanaa kaabaatti argamu irratti haleellaa raawwataniiru jedhameen booda, raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa deeggarsa loltoota Ertiraatiin Sadaasa 2020 keessa naanichatti tarkaanfii fudhachuu eegaluun ammoo waldhabdee qaamoolee lamaan jidduu ture caalaa hammeesse.
  • MM Abiy ammoo dhuma Sadaasa 2020tti waraanni xumuramuu labsanilleen, garuu waraanni hanga dhiheenyaatti dabalee itti fufee ture.
Presentational white space

Manni maree maal jedhe?

Bakka bu'aan hogganaa gargaarsaa namoomaa UN miseensota mana maree nageenyaaf Niiw Yoorki keessatti gabaasa dhiyeessaniin, haalli Tigraayi keessa jiru torbanoota muraasaa asitti akka malee hammaateera jedhan.

Naannichi ‘‘beela isa hamaa waggoota kurnan muraasaa darban hin mul'anne keessummeessaa jira’’, akka Raameesh Raajaasiingihaam jedhan.

"Lammiileen miiliyoona 5.2 ta’an gargaarsi kan barbaachisuun yoo ta’u, hedduun isaaniis dubartootaa fi daa’immani," jechuun dabaluun himaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa erga humnoonni TPLF naannicha harka caalu torbee darbe keessa to’achuu eegalanii asitti, mootummaan gargaarsa danqaa jira himannaa jedhu hin fudhu jedheera.

Akka hogganaan dhimma siyaasaa UN, Roosmarii DiKaarloo yaa’ii kanarratti jedhanitti, lolli humnoota Tigraay, Humna Ittisaa Tigraay (TDF) fi loltoota Itoophiyaa, Eertiraa fi humnoota Amaaraatiin deeggaramu gidduu lolli itti fufuun geggeeffamuu akka malu himaniiru.

"Haala nageenyaa badaa amma jiru irratti dabalataan lolli dabalataa taasifamuu mala, TDF waliigaltee dhukaasa dhaabuu hatattamaan akka taasisu cimsinee gaafanna," jettee jirti.

Biyyoonni miseensa mana marechaa irra hedduun waraana dhaabuun qabatamaan lafarratti akka raawwatuu fi deeggarsi namoomaa danqaa tokko malee namoota rakkoo keessa gahan akka dhaqqabu gaafatan.

UN'tti bakka buutuun Ameerikaa ambaasaaddar Liindaa Toomaas Giriinfiild, mootummaan riqicha dabalatee tooftaalee qunnamtii fi ibsaa adda kutuun isaa mallattoo waraana dhaabuu osoo hin taane, tooftaa waraanaa diina itti marsanii dhiyeessii bu'uuraa irraa kutuudha jechuun dubbatan.

Biyyoonni akka Raashiyaa, Chaayinaa, Indiyaa fi Keeniyaa akkuma amma duraa walgahicharratti mootummaa Itoophiyaa deeggaruun, tarkaanfiin mana marichaa fudhatu kan birmadummaa Itoophiyaa kabaju akka ta'u gaafatan.

UN'tti ambaasaaddarri Itoophiyaa Taayyee Atsqasillaaseen dhiibbaan siyaasaa Itoophiyaarratti godhamaa jiru fudhatama kan hin qabnee fi bu'uura seera idil-addunyaas hin qabu jedhan.

Wayita mootummaan dhukaasa dhaabuu labsetti silaa hawaasni idil-addunyaa mootummaa bira dhaabbachuu malee dhiibbaa hin malle irratti uumuu hin qabu ture jedhan.

Walgahichi waamamuu kan hin qabne ta'uus dubbatan.

Lolli baatii saddeet dura TPLF buufata loltoota Itoophiyaa erga to’atee booda eegalame itti fufee turuun, haleellaa ariifataa humnoonni Tigraayi fudhataniin magaalota Maqalee, akkasumas Shiree deebisanii fudhatanii jiru, akka UN’tti.