Waraana Tigraay: Itoophiyaan rakkoo Tigraay mariin xumura itti godhuuf fedhii qabaachuu himte

Reeduwaan HUseen fi Dammaqaa Makonnin
Ibsa waa'ee suuraa, Ministeerri Haajaa Alaa hawaasa dipiloomasii waliin mari'ate

Mootummaan Itoophiyaa gaaga’ama naannoo Tigraay keessatti uumamaa jiru mariidhaan furuuf karoora akka qabu Ministirri Muummee itti aanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Dammaqaa Mokonnin himan.

Ministirichi haala waqtaawaa naannoo Tigraay ilaalchisee hawaasa diplomaasii Itoophiyaa keessatti argamaniif ibsa kan laatan yemmuu ta’u waliinis marii taasisaniiru.

Obbo Dammaqaa Mokonnin akka himanitti mootummaan federaalaa rakkoo naannoo Tigraay furuu fi nageenya waaraa fiduuf dhaabbilee siyaasaa seeraan galmaa’an, miseensota gadii TPLF [hogganoota kan hin ta'iin] rakkoo ummame karaa nagaan furuuf qophii ta’an, hawaasa siiviilii fi jaarsolii biyyaa walin marii gochuuf karoora qaba jedhan.

“Gargaarsa keessan barbaadna, akka nu hubattanii fi michummaa keessan barbaadna” jechuunis hawaasni dipilomaasii mootummaa cinaa akka dhaabbatan waamicha dhiyeesaniiru.

Hawaasni idil-addunyaa amma dura Itoophiyaan dhukaasa dhaabdee waraana Tigraayiif furmaata karaa marii akka soqxu dhiibbaa uumaa turan.

Haa ta'u malee mootummaan Itoophiyaa garee yakkamtootaa waliin mari'achuuf fedhii hin qabu jechuun didaa ture. Paarlaamaan biyyattiis TPLF shororkeessaa gochuun labseera.

Mootummaan Itoophiyaa Wiixata darbe deeggarsi namoomaa akka dhaqqabuu fi qonnaan bultoonni waqtii gannaa qotachuu akka danda'an jechuun dhukaasa dhaabuu labsuun Tigraay gadi dhiisee baheera.

TPLF garuu waraanni Itoophiyaa naannicha gadi dhiisee kan bahe dirree lolaa irratti waan mo'ameef akka ta'e hima.

Ammaan tana Maqalee dabalatee magaalotni naannoo Tigraay hedduun to'annoo humnoota TPLF jala jira. Haa ta'u malee tooftaawwan qunnamtii akka bilbilaa fi intarneetii akkasumas ibsaan guutummaa naannichaatti adda citeera.

Riqichi guddaan naannichaa naannoo Amaaraan wal qunnamsiisuus cabee jira.

Biyyoonni lixa labsii dhukaasa dhaabuu mootummaan federaalaa labse akka gaariitti simatanillee, maloota qunnamtii adda kutuu fi bu'uraalee misoomaa deeggarsa namoomaaf barbaachisoo ta'an barbadeessuun mootummaa komachaa jiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Obbo Dammaqaan maal jedhan?

Gareen TPLF garaagarummaa mootummaa federaalaa walin uummame karaa nagaan furuuf didaa turuu fi lola uummameef sababa ta’uu hawaasa diplomaasiitti himan Obbo Dammaqaan.

Kana malees garichi olola sanyummaan walqabatu oofun dargaggootni lolicha keessatti akka hirmaatani fi kunis buqqaatii lammiilee hedduuf sababa ta’uu dubbatan.

Bu’uraalee misoomaa naannicha keessaan walqabatee mootummaan bu’uraalee misoomaa akka telekoomii, ibsaa, baankii fi kanneen biroo suuphuufi hojiitti deebisuuf tumsa taasisus gareen TPLF bu’uraalee misoomaa kunneen mancaasaa jiraachuu himan.

Ministeerri Haajaa Alaa hawaasa dippiloomasii waliin mari'ate

Qorannoo dhiittaa mirga namoomaa naannoo Tigraay keessatti raawwatameera jedhame ilaalchisee dhaabbileen mirgoota namoomaa qorannoo taasisaa jiraachuu himan.

Obbo Dammaqaa Mokonnin hawaasni addunyaa bu’aan qorannoo osoo hin beekkamiin yaada gar-tokkee qabachuurraa akka of qusatus gaafataniiru.

Gama biraatin namootni gargaarsa namoomaa fedhan gargaarsa akka argataniif mootummaan kutannoo cimaa akka qabu himan.

Komiiwwan mootummaan “beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamaa jira” jedhan olola akka ta’efi mootummaan beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuuf sababa tokkollee akka hin qabne dubbataniiru.

Mootummaan Itoophiyaa dhukaasa dhaabuun waamicha dhukaasni akka dhaabbatuf taasifamaa tureef deebii kennuusaa himan.

Tarkaanfiin dhukaasa dhaabuu kun jiraattotni naannichaa omisha midhaaniirratti akka xiyyeeffatan kan taasisufi rakkoo hammaataa mudachuu danda’u kan hambisu akka ta’es himaniiru.

Waraanni Tigraay kan baatii saddeetiif adeemsifamaa ture lubbuu loltootaa fi namoota nagaa hedduu galaafachuu mootummaan federaalaa amma dura beeksisee jira.

Hawaasni dippiloomasii maal gaafatan?

Mariin ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa fi hawaasa diplomaasii walin taasifame midiyaaleef cufaa kan ture yemmuu ta'u erga mariin xummurame booda Ambaasaaddar Redwaan midiyaalef ibsa laataniiru.

Namootni TPLF seeraan barbaadaman muraasa ta'anillee baasin bahaa ture fi miidhaan diinagdeefi hawaasummaa lollichi qaqqabsiisu guddaa ta'usaaatin dhukaasa dhaabun barbaachisaa ta'uu himan.

Sababootni dhukaasa dhaabuu isaan biroon immoo iddoowwan tokko tokko gargaarsa namoomaa geessuuf rakkisoo ta'usaanii, gareen TPLF ololawwan garaagaraa oofun namootni umriin isaanii guddattoota ta'an gara waliti bu'iinsaatti akka seenan taasisaa jiraachuudha jedhan.

Itti dabaluun qonnaan bulaan naannichaa yoo midhaan omishate malee sadarkaa gargaarsa malee jiraachuu hin dandeenyerra gahuu waan maluuf dhukaasa dhaabun barbaachisaa ta'uu himaniiru.

Hawaasni addunyaa hanga ammaatti mootummaarratti dhiibbaa taasisaa jiraachuu kan himan Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Redwaan Huseen, midiyaalen biyya alaa tokko tokkos odeeffannoo dogongoraa tamsaasaa jiraachuusaanii himuun komataniiru.

Gama biraatin xayyaarawwan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hojii gargaarsa namoomaaf gara naannoo Tigraayitti akka balali'anif heeyyamni akka laatamuuf gaafin dhiyaachuu himan.

Mootummaan wayita Finfinneedhaa ka'ani fi qubatan deeggarsa akka taasisuuf himuun naannoo Tigraay keessa erga qubatanii booda rakkoo mudatuuf garuu mootummaan itti gaafatama akka hin qabne itti himusaanii dubbataniiru.

Hawaasni diplomaasii "tarkaanfii dhukaasa dhaabuu leellisuu isaaniin dabalataan waliigalteen nagaa fi itti fufiinsa qabu akka ummamuu akka jajjabeessan dubbataniiru" jedhan.

"Qaamoleen gargaarsa namoomaa Mootummoota Gamtoomanii immoo dhukaasa dhaabuun gara tokkoon haala mijataa akka uumu, gama biraatin immoo mootummaan iddoo walitti bu'iinsi itti turetti waan hin jirreef akkaataa gargaarsi namoomaa kana booda itti dhiyaaturratti gaafiifi yaaddosaanii kaasaniiru" jedhan.

Naannoo Tigraayitti tajaajilli Telekoomiifi ibsaa akka deebi'us kan gaafatame yemmuu ta'u dhaabbileen akka Itiyootelekoomfi Humna Ibsaa wayita hojettootni isaanii suuphaaf gara naannichaa deeman ajjeefamaa turuu himan.

Haala kana keessatti mootummaan dhaabbilee kunneen garas deemanii bu'uraalee misoomaa kunneen akka suuphan dirqisiisuuf kan rakkatu ta'uu hawaasa diplomaasii hubachiisusaanii Ambaasaaddar Redwaan dubbataniiru.