MM Abiy waraanni kan Maqalee gadhiise injifatamee miti jedhan

Madda suuraa, Prime Minister office screen grab
Ministirri Muummee Abiy Ahmad mootummaan federaalaa loltootasaa Maqalee keessaa kan baaseef mo'amee miti jedhan.
Ministirri muummee kun kana kan dubbatan Kibxata kaleessaa gaafa guyyaa 29,06,2021 wayita dhimmoota haala yeroo irratti gaazexeessitootaaf ibsa kennanitti ture.
''Loltoonni kan ba'aniif mo'amanii osoo hin taane duulli olaantummaa seeraa kabachiisuu waan milkiin xumurameefi,'' jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahmad.
"Oppireeshiniin amma gaggeeffamaa jiru guutummaa guutuutti milkaa'eera. Loltoota keenya waan barbaannuuf baasneerra.''
TPLF gamasaatiin Maqalee to'achuusaatiin booda ibsa akka, bulchiinsa naannoo Tigraayitti, baaseen,''milkaa'inni ajaayibaa'' argameera jedhe.
Maqaleen guutummaatti humna ittisaa Tigraayiin to'atamtee akka jirtus ibseera.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad gamasaanii, ''Juntaan Maqalee hin galle,'' jedhan.
Akkasaan jedhanitti TPLF Maqalee galee osoo hin taane, humna naannoo ture, kan meeshaa waraanaa iccitiidhaan awwaalee haala mijataa eeggachaa turetu yaa'ee magaalaa guutee gammachuu ibsate.
Loltoonni kuma 20 ta'an Tigraay akka turan kan himan MM Abiy, loltoonni kunneen wayita Maqaleedhaa ba'an meeshaa waraanaas achii baasaniiru jedhan.
MM Abiy loltoonni isaanii wayita Tigraay seenan, achi turuuf kaayyoo akka hin qabne ibsan.
''Humna biraan nu sodaachisu waan tureef garasaatti fuula deebifachuutu nurra ture. Kunimmoo waan dursa kenninuufi,'' jedhan.
Humna isaan akka sodaatti kaasan kun eenyu akka ta'e garuu yeroo kanatti hin ibsine.
Keesumaa torban darban keessatti waraanni kuni kallattiisaa jijjiirrachuu himuun uummanni naannichaa waraana kanarratti hirmaateera jechuun hubachiisaniiru.
''Amma yaaddoo nurra jiru dhiisnee achitti yoo of dhiphisne waan lama dhabuu taha isaanimmoo bu'aan argamu hin jiraatu. Sababiinsaa nuffiifi dadhabbii keessa seenneerra. Waraannni jalqaba nu mudate guyyaa 15-20 nu fudhate. Inni itti aanu loltuu amala shiftaa qabutu nu mudatee ture, badaa nu hin yaaddessine ture ,teeknolojii fayyadamuun waan danda'ameef.
''Waraanni amma jiru adda dha,'' kan jedhan Ministirri Mummee Abiy Ahimad guyyoota 20 darban keessatti. ''Uummatni ofiisaayyuu waraana haleeluu jalqabee ture,'' jedhan.
Dabaluunis,''loltuu Maqalee dhaa osoo hin baanee naasuun mana kanaa faallaa taha ture. Qeesonni sagalee guddistuu qabatanii mul'ataniiru, lafa awwaalachaatti meeshaa waraanaa awwaalaniiru,'' jedhan.
Kanaachis, ''Maqaleen yeroo ammaa ilaalcha waraanaan waan nama hawwattu miti. Duraaniis Waraannii keenyi haleelame jenneeti malee Maqala bilisa baasuuf garas hin deemne,'' jechuunis dubbataniiru.
Ministirri mummee Abiy raayyaan Maqalarraa bahuun miidiyaa hawaasaa irratti 'Amaarri ni ganame' yaadni jedhu tamsa'uu kaasuun sun dhugaarraa fagaachuu ibsaniiru.
''Amaarri Tigraay, Sudaaniifi kaan waliin illee jaalalaan yoo tahe malee humnaan kan isa jilbeeffachiisuu fedhuuf of irraa ittifachuu danda'a,'' jedhan.
Tibbana Maqaleetiin alatti humnoota TPLF fi kan mootummaa gidduu haleellaan cimaa ademsifamuu gabaafamuu Rooyitars himeera.
Akka gabaashichi jedhutti gaafa Wiixataa haala hin eegamneen humnooti TPLF naannicha kan to'atan yoo tahu kunis haala waraanaa ji'oota darban keessa ture ni geeddara jedheera.
Ministirri mummee yaada kana kan hin fudhanne yoo tahu,'' diinni mo'amee hin beeku, yeroo hunda nu laamshessaa turan, Tiwiitarii fi Feesbuukii irratti yeroo hunda mo'amna,'' jedhan.
''Kaayyoon TPLF mo'achuu otoo hin taane 'daaraa taheen jira, wal-qabannee daaraa taanaa, caccabeera gatiin taheef walummaan caccabna kaayyoo jedhu dha,'' ministirri mummee Abiy.
Ji'oota darban keessatti waraana geggeefameen namoota nagaafi loltoonni ajjeefamuu isaanii mootummaan kan beeksise yoo tahu, yeroo sanatti naannichatti qarshiin biiliyoona 100 baasii taasifamuus himaniiru. Baasiin kuni kan waraanaa qofa osoo hin taane karaa,ibsaa,barnootaafi fayyaaf ooluus hubachiisaniiru.
Baasii kanas bajata naanniichaa,akkasumas bajata biyyattii waliin kan dorgomsiisan yoo tahu, bajatni barana qabamu harka 20, bajata waggaa Tigraay irraa harka 13 caala jedhan ministirri mummee kuni.
''Suphaa elektiriikii, dhiyeessii gargaarsaa, akkasumas hojiiwwan biroo otoo jiranii namoonnii ajjeefamaniiru. Tahus namni tokkollee gaarii hojjetan nuun hin jenne. Himannaa qofatu dhiyaachaa ture,'' jechuunis midiyaa hawaasaa komataniiru.
Ministirri mummee kaleessaas mootummaan isaanii deeggarsa namoomaa akkasumas suphaa bu'uuraalee misoomaa yeroo geggeessan namooti gargaraa miidhamaniiru akkasumas du'aniiru jedhan. Mootummaan isaanii gaarii dalagus komiirraa akka hin oolle hubachiisaniiru.
''Namni tokkollee jabaadhaa, hojii gaarii hojjechaa jirtu kan jedhu nu hin mudanne. Inumaayyuu sababa keessaniin beelli dhufuufi, waraana hin dhaabne, mootummaa Ertiraaf eeyyamtanii kan jedhu,'' ture jedhan.
Dhaabbileen adda adaa gamasaaniin waraanichi naannicha gara rakkina namoomaa hamaa ta'e keessa galcheera jedhu.
Naannichatti jiraattoonni gara miliyoona shanii ta'an deeggarsi nyaataa atattamaa kan isaan barbaachisu yoo ta'u, haala UN jedhuutti namoonni 350,000 ta'an ammoo qarqara beelaarratti argamu.
Kanaan duras dhaabbileen adda addaa beelli jiraachu himanilleen motummaan akka hinfudhannee beeksiisuun, naannicha beelli akka hinjirreefi deeggarsis hiramaa jiraachu irra deddeebiin ibseera.
Naanichatti TPLF bara Dargii akka taasisee sana hidhannoon of qopheessuu kan yaadatan MM Abiy, haalli kunis taatee kanaan argamuu ibsaniiru.
Jiraattoonni ''maatii shan qabaatu 10niin qaba jechuun galmeessee walakaasaa juntaaf kenna. Waraana yeroo dheeraa fudhateen raayyaa ittisa biyya bishaan didan, juntaadhaaf haayilaandiifi Yesii argatu'' jedhu.
Kana malees, MM akka jedhaniitti loltuun humna 'diina' jedhanii waamaniin qofa osoo hintaane, uummanni naannichaa mataansaa raayyaa akka miidhe beeksiisan.
''Ganda tokko irratti ammoo juntaan na hindeeggarree jedhamuun namoota ajjeessan. Nu fixaa jiru ishii eegumsa nuuf hintaasiftan jedhanii loltoota gaafatan. Ganda sanas raayyaan namoota lakkoofsaan 20 ol ta'an kaa'ee deeme. Namoonni ganama nu eegaa hindeemiinaa jedhan sa'aatii booda bahuun loltoota sana fixan,'' jedhan.
Dhimma kana xiyyeeffannaa keessa galchuun torbanootaaf mariin erga gaggeeffameen booda murteerra gahameera jedhan.
Keessattuu torbanoota sadan darban keessa uumata hirmaachisuusaatiin, ''uummata irratti hinhokaasu jedhuun kan of ajjeessan jiru. Kanneen rasaasa fixachuun ajjeeffamanii fi kanneen to'ataman jiru,'' jedhan.
''Nutis kan murteessine raayyaan ittisa biyyaa uummata akka diinaatti fudhatee, seenaa keeessatti madaa gurraacha dhiisee, haalli innis ittiin qaana'u, addunyaanis dhimma Itoophiyaa irratti ittiin ka'u uumamuurra, gara uummata dahoo kiyya jedhuutti maxxanuun, akkuma tibba yeroo filannoo yaada naanneeffannaa sana akkuma jedhameetti, uummataaf yeroo haa kenninu jenneeti.''
''Torbanootaa ykn baatiiwwan lama kenniineef yoo yaaliin motummaa fi raayyaa harka hedduun humatamu jalqabamu ni ilaalla,'' jechuun himan.
UNn dabalatee, dhaabbileen mirga namoomaaf falman hedduun gama isaanitiin lammiileen nageenyaa hedduun naannicha keessatti loltootaan akka ajjeessan akkasumas baala akka meeshaa waraanaatti akka fayyaman himatu.
UNtti tiigaafatamaan deeggarsa namoomaa Maark Loowukook dhiheenya kana walgahii cufaa mana maree nageenya dhaabbatichaa irratti akka jedhanii ture.
''Haala qindaa'een dubartootaa fi daa'imman gudeeduun shoroorkeessuufi dararuuf itti fayyadamaa jiru. Loltoonni Ertiraa beela akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamaa jiru. Jiraattoonni naannichaa buqa'an ni marfamu, ni reebamu akkasumas doorsiisoon irratti raawatama,'' jedhan.
Tibbana ammoo labsii dhukaasa dhaabuu motummaa hordofee Dubbi Himaan TPLF Obbo Geetaachoo Radaan madda oduu Rooyitarsiitti akka himaniitti, ''qoosaadha'' erga jedhiin booda ''Tigraay hanga humnoota weerartootaa irra bilisa taatuutti,'' waraanaa akka hindaabne himeera.
MM Abiya gama isaanitiin, eeddoowwan addatti eeruu baatan illeen bakkeewwan waraanni akkuma qabateetti turu akka jiranii fi humni gar asana dhaqu yoo jiraatee ammoo qophii barbaachisaan akka taasifame himaniiru.















