Waraana Tigiraay: Dhiibbaa rakkoon Tigraay biyyoota ollaarratti qabu

Atobisii Tigraayiitti namoota waraana baqatan fe'ee deemaa ture

Madda suuraa, Getty Images

Waggoota darban muraasaaf keessumaa gama milkaa'ina guddina dinagdee maqaan Itoophiyaa waan gaariidhaan ka'aa ture.

Milkaa'inni waggoota dhiyoo keessa biyyattii keessatti galmaa'anii turan kunis hiyyuummaafi gadadoo waggoota dheeraan dura biyyattiin ittiin beekamteen baayyee addadha.

Haata'u malee, amma biyyattiin waraana naannoo Tigraay keessatti uumameen rakkoo nageenyaa fi namoomaa keessatti argamti.

Rakkoon kunis egeree biyyattii qofaaf osoo hin taane biyyoota ollaa irrattilleen dhiibbaa cimaa akka qabaatu yaadama.

Taateen dhiheenya mudateen ammoo, humnootiin finciltootaa magaalaa guddoo naannoo Tigraay Maqalee kan erga Sadaasaatii as to'annoo mootummaa federaalaa jala turte deebiisanii to'ataniiru.

Naannoo Tigraayiitti maaltu ta'aa jira?

Wallisaa Tigraa baqqattoota kaampii Sudaan keessaa muziiqaan bohaarsaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tigroonni uummata Oromoo fi Amaaraatti aanuun saba Itoophiyaa baayyinaan sadarkaa sadaffaarratti argaman

Naannoo Tigraayiitti muddamni waan haaraa miti.

Naannichi baay'ina ummata Itoophiyaa gara miliyoona 122 ta'u keessaa kan ummanni miliyoona torba ta'u keessa jiraatudha.

Itoophiyaa keessatti baayyina lakkoofsa ummataan Tigroonni ummata Oromoo fi Amaaraatti aanuudhaan sadarkaa sadaffaarratti argamu.

Naannoon kun bara bulchiinsa Dargiitti wal waraansaa fi lola dheeraa keessa darbeera.

Akkasumas, naannoon Tigraay beela bara 1983- 1985 keessa namoota miliyoona tokko du'aaf saaxiluun kanneen miliyoona lamaa ol ta'an ammoo bakka jiraatanii buqqaase keessatti adda-durummaan kan miidhame ture.

Erga baroota dheeraaf tasgabbaa'een booda ammoo Sadaasa 2020tti waraanni bulchiinsota naannoo Tigraayiifi mootummaa federaalaa gidduutti eegale.

Lolli maaliif gaggeefamee?

Loltoota Tigraay agarsiisa loltummaa irratti hiriira bahan keessaa

Madda suuraa, Getty Images

Waraanni idilee garee Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) qaama gamtaa bara 1991tti mootummaa Dargii aangoorraa buuseeti.

Hanga bara 2019ttis siyaasaa Itoophiyaa keessatti dhaabaa dhiibbaa olaanaa qabu ta'ee tureera. TPLF ammoo gamtaa paartiilee haaraa MM Abiy Ahimad, badhaafamaan Noobeelii Nagaa, erga gara aangootti dhufanii booda hundeessaniitti makamuu dide.

TPLF isaan booda gara naannoo Tigraayiiti deebi'uun naannicha bulchaa turee filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaa sababii Covid-19n yeroo biraatti dabarfamnaan, Fulbaan bara darbee keessa qofaatti filannoo gaggeeffachuun mootummaa Abiy mormuullee mul'iseera.

Baatiiwwan lamaan boodas, looltoonni TPLF buufata waraana Itoophiyaa kan kaaba biyyatiitti argamurratti haleellaa raawwatan. Deebii gocha kanaatiifis, mootummaan federaalaa Tigraay keessatti tarkaanfii waraanaa cimaa labse.

Waa'ee namoota du'anii maal beekna?

Daa'imman naanichatti Maqaleetti ciree fudhachuuf hiriira galanii eeggataa jiran, Waxabajjii, 2021.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Akka UNtti warranichi namoota kuma 335 ol naannichatti beelaaf saaxileera

Mootummaan giddugaleessaa Tigraay keessatti malawwan komunikeeshinii kan adda kutee ture yoo ta'u, sababii waraana kanaatiin namoonni kumaatamaan lakkaa'aman lubbuu akka dhabaniifi kanneen miliyoona lamaa ol ta'an ammoo bakka jireenyaa isaaniirraa buqqa'utu himama.

Mootummoonni Gamtoman (UN) naannichatti namoonni miliyoona shanii ol ta'an deeggarsa nytaataa atatamaafi gargaarsa barbaadu jedheera.

Isaan keessaa ammoo yoo xinnaate namoonni kuma 335 ta'an gara beela cimaatti adeemaa jiru jechuun akeekakchisee jira.

Qaamooleen waraanicha keessatti hirmaatan hundinuu sarbama mirga namoomaafi ajjeechaa jumlaa raawwachuun himatamu.

Rakkoon Tigraay attamiin tasgabbii Baha Afriikaa irratti dhiibaa qabaata?

Refugees from the Tigray region at a refugee camp in Sudan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Baqattoonni kumaatamni hedduun Tigraay irraa gara Sudaaniitti qaxxamuruun rakkinichi daangaa biyya biyaatti akka ce'u taasiseera

Rakkinichi dhiibbaa kan qabaatu Itoophiyaa irratti qofaa osoo hin taane, daangaalee biyyattii hundaan biyyoota ollaatti babalataa jira.

Namoonni kuma hedduutti lakkaa'aman daangaa qaxxaamuruun gara Sudaaniitti baqatniiru.

Yeroo ammaa kanattis, sadarkaan isaan irratti argaman ifa ta'uu baatulleen, loltoonni Ertiraa waraana Tigraayiitti Sadaasa keessa eegale keessatti hirmataniiru.

Mootummaan federaalaa dhimma Tigraay irratti qofa xiyyeeffachuun hirmaannnaa deegarsa duula farra milishoota al-Shabaab kan Somaaliyaa keessaa hir'isuun mataansaa balaa qabaata.

''Waraanichi kan qaxanaa sanaa ta'eera,'' jedha Raashid Abdii xinxalaan dhimmoota Gaanfa Afriikaa.

Xiinxaltoonni akka Abdii fa'is waraanichi bulchiinsa Itoophiyaa dadhabsiisuun balaansaa naannawa isheetiif illeen miidhaa qabaachuu mala jedhu.

Fakkeenyaaf, waraanni kun biyya sabdaneettii keessatti gareewwan biraa ka'un aangoo mootummaa gidduugaleessaa akka dhuunfatuuf kakaasuu danda'a.

Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterees, guyyaa waraanni itti eegale barii muddamichi akka dhaabbatuuf gaafachuu, ''tasgabbiin Itoophiyaa Gaanfa Afriikaa hundaaf murteessaadha,'' jedhanii ture.

Hawaasni idil-addunyaa maal jechaa jira?

UK, US fi Ayirlaand Manni Maree Nageenya Mootummoota Gamtomanii dhimma Tigraay irratti walgahii hatattamaa akka waamuuf gaafatan.

Barreessaa Olaanaan UN Guteerees guyyaa Wiixataa Ministira Mumme Abiy Ahimad waliin dubbachuu himuun, dhukaasa dhaabuun akka raawwatamu ''nan abdadha'' jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa waamicha giddugaluumsa dippilomaasitiif hanga maatti taasifaman hin fudhanne. Bakka isaas, haleellaa naannichatti fudhateef amansiisuuf jecha kun dhimma keessootii jedha.

Waraanichas mootummaan waraana gaggeefame ''tarkaanfii seera-kabachiisuu'' garee sirna heera Itoophiyaa diiguuf yaadan irratti fudhatameedha jechuun ibse.