Waraana Tigiraay: UN dhimma Tigraayirratti walgahii hatattamaa akka waamuuf gaafatame

Madda suuraa, © Evan Schneider
Ameerikaa, Biriteen fi Ayarlaand dhimma waldhabdee naannoo Tigraay irratti mari’achuuf jecha walga’ii hatattamaa mana maree nageenya UN waaman.
Walga’iin kun Jimaatarra gaggeeffamuu akka danda’u, maddii dippiloomaatii tokko AFP'tti himeera.
Kunis kan ta’e mootummaan Itoophiyaa Tigiraay keessatti dhukaasa dhaabuu labsuu isaa akkuma ibseen, humnootni TPLF magaalaa guddoo naannichaa kan taate Maqalee qabachuu isaanii hordofeeti.
Kaleessa gara galgalaa jiraattotni magaalittii kumaatamni daandiitti bahuun alabaa naannichaa mirmirsuun yeroo simatanii fi gammachuu isaanii ibsataa turan miidiyaalee hawwaasaan gabaafamaa ture.
Mootummaan magalittiin to'annoo isaa jalaa bahuu ilaalchisee waan jedhe hin qabu. Garuu ibsa baaseen gaaffii bulchiinsi yeroo Tigraay dhiyeesseen rakkoolee namoomaa mudataa jiran furuuf jecha dhukaasa dhaabuuf murteesse jedhe.
Humnootni TPLF magaalaa bulchaa turan gadhiisanii erga bahanii gara ji'oota saddetii turuun kaleessa deebisanii to'achuu Rooyitarsi Geetaachoo Raddaa wabeeffachuun gabaase.
TPLF akka waraanatti jiran malee waliigaltee dhukaasa dhaabuu jedhu irratti yaada hin kennine. Magaalattiis kan to'atan injifannoo dirree lolaa irratti argataiin akka ta'e ibsa baasaniin beeksisaniiru.
Torbanoota darban waraana cimaarra jiraachuu isaanii ibsaa kan turan TPLF, loltoota mootummaa federaalaa kumaatama booji'uu himaa turan. Raayyaan Ittisa biyyaa Itoophiyaa ammoo kun oduu dharaati jedhe.
Waraanni naannichaa rakkoo deeggarsa namoomaa geesiseera. Namoonni miliyoona shanii kan tahan deeggarsa nyaataa ariifachiisaa kan barbaadan yoo tahu gara 350,000 tahan ammoo hongeef saaxilamaa jiraachuu UN himeera.

Madda suuraa, AFP
Ibsi mootummaan federaalaa maal hima?
Mootummaan federaalaa Itoophiyaa akkaataa gaaffii bulchiinsa yeroo naannichaan rakkoowwan namoomaa mudatan furuuf jecha mootummaan naannichatti ofii isaan dhukaasa dhaabuu labseera jedhe, ibsi ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa baase.
Murtoo kana irra gahuuf waan qabatama lafa irra jiru irratti bakka bu'oota ummata naannichaa, miseensoota gaggeessitoota biiroo fi godinaalee, dhalattoota Tigraay bakka garaa garaa jiran, hayyoota Tigraay, abbootii qabeenyaafi abbootiii amantaa waliin marii erga taasiseen booda akka tahe ibse.
Naannoon ji'oota saddet darbaniif waraanaan miidhamte Tigiraay keessatti sababa waraanaa fi yakkoota raawwatamu jedhamaniin hojiin qonnaa addaan cituu, weerara koroonaavaayirasii, weerara koroonaavaayirasii, buqqaatii fi sababa yakka raawwatamaa tureen haalaan miidhamuu eera ibsi ministera dhimma alaa.
Mootummaan deeggarsi namoomaa akka dhiyaatuuf yaalii gochaa turus ammayyuu hojjettootni deeggarsa dhiyeessaa jiran rakkoolee adda addaaf saaxilamaa jiru jedhe.
Qonnaan bultootni guutummaan oomishuu waan daddhabaniif gara hojiitti akka seenan akkasumas lammiileen biyya keessatti buqqa'an akka deebi'aniif ariitiin hojjechuu akka barbaadu ibse.
Rakkoolee adda bahan kanneen furuuf gar-tokkeen dhukaasa dhaabuuf murteessee kunis kan hojii irra oolu kaleessuma Waxabajji 28, 2021 irraa eegalee akka tahe hime.
Haa tahu malee gama TPLF'n dhukaasa dhaabuu kan jedhu hin dhagahamne.
Miidiyaalee hawwaasaa irratti akka qoodamaa turetti magaalaa Maqalee qabachuu erga ibsaniin booda deeggartootni isaanii bakka adda addaa irraa gammachuu isaanii ibsaa turan.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Ameerikaa fi biyyootni adunyaa gurguddoon waraanni akka dhaabbatuu fi loltootni Eertiraa naannicha keessaa akka bahaniif gaafataa turan.
Dhaabbileen deeggarsa namoomaa bakka adda addaa naannicha keessa jiraniif deeggarsa dhaqqabsiisuun rakkoo tahaa akka ture himaa turan.
Himata kana garuu mootummaan Itoophiyaa haalaa turus ibsa isaa keessatti garuu deeggarsa guutummaan dhaaqbsiisuuf jecha murtoo gar-tokkeen dhukaasa dhaabuu kana akka fudhate hime.
Tarkaanfii kana fudhachuun '' uummatni deeggarsa namoomaa fooyya'aa akka argatanii fi naannicha deebisaanii ijaaruufi bayyaannachiisuuf gargaara'' jedhe mootummaan federaalaa.
''Kanaafuu dhaabbileen waraanaa federaalaa fi naannoo hundinuu ajaja dhukaasa dhaabuu gar-tokkee mootummaan federaalaa dabarse akka hojii irra oolchitan,'' jedhe ibsichi.
Itti dabaluun mootummaan dhukaasa dhaabuu kun guutummaan akka hojiirra ooluuf qaamoleen hundi, naannoo fi idil-adunyaa akka deeggarsa godhanis gaafateera.
Barreessaa ol-aanaan UN, Antooniyoo Guutirez dhukaasni akka dhaabbatuuf MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed waliin dubbachuu isaanii himanii ture.
Dhukaasa dhaabuu ykn 'Ceasefire' jechuun maali?
Dhukaasa dhaabuu ykn 'Ceasefire' jechuun yeroof jecha waraana dhaabuudha akka UN hiikaa itti kennetti.
Dhukaasa dhaabuun sababoota adda addaan kan labsamu wayita ta'u, hanga guutummaatti waraana ykn lola dhaabuuf waliigalteen tolfamuutti yeroof labsamuu mala.
Sababni biraan waraana dhaabuun labsamuuf waraana keessatti lammileen nagaa hedduun yoo miidhamaniifi deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf haalli rakkisaa yoo uumame, 'humanitarian casefire' ykn hojii deeggarsa namoomaaf waraana dhaabuun ni labsama.
Dura taa'aan UN Antooniyoo Gutereez wayita weerarri Covid-19 mudatu guutuu addunyaatti vaayirasicha loluuf jecha qaamoleen wal-waraanaa jiran dhukaasa akka dhaaban labsii baasanii turan.
Akka galmeen jechoota seera idil-addunyaa Oksifoord jedhutti dhukaasa dhaabuun yeroo hedduu waliigaltee qaamolee wal waraanaa jiraniin kan labsamu yoo ta'u, jidduu seentummaa qaama sadaffaan ta'a.
Kana jechuun wayita waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun cabu itti gaafatamni ni jiraata.
Haa ta'u malee dhukaasa dhaabuun qaamolee wal waraanaa jiran keessaa gama tokko qofaan labsamuu danda'a. Kuni dhukaasa dhaabuu gam-tokkee ykn 'Uniateral Ceasefire' jedhama.
Kana jechuun qaamni dhukaasa dhaabuu labse, duub-deebii qaama isaan lolaa jiruu osoo hin eegiin dhukaasa dhaabu jechuudha.













