Waraana Tigraay፡ Deebii dippilomaatootiifi biyyoonni murtee dhukaasaa dhaabuu mootummaa Itoophiyaaf kennan

Waamicha naannoo Tigraay keessatti dhukaasa dhaabuu addatti mootummaan Itoophiyaa ofiin taasiseef qaamooleen adda addaa walitti bu'insicha dhaabuuf tarkaanfii gaarii ta'uu ibsaan.
Ambaasaadaroota Ameerikaa duraanii shan, UK fi Gamtaan Afriikaa labsii dhukaasa dhaabu motummaan federaalaa labse qaamoolee waraanicha keessatti hirmaataniin akka kabajamuuf waamicha yoo dhiyeessan, Chaayinaafi UAE ammoo murtichi tarkaanfii barbaachisaadha jechun dinqisiifatan.
Gaaffii bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay dhukaasni akka dhaabbatuuf motummaa federaalaatiif dhiyeesse hordofuun ture motummaan federaalaa Waxabajjii 28, 2021 addatti murtee dhukaasa dhaabuu kan labse.
Ambaasadaroonni shananis waamicha dhukaasa dhaabuu motummaan dhiyeesseen, walitti bu'iinsa dhaabuun abdii nagaa kan buusu jedhaniiru.
Walitti qabaan Komishinii Gamtaa Afriikaa Musaa Faakii Maahamaatii gama isaanitiin, walitti bu'insa hambisuuf dhukaasa dhaabuun tarkaanfii sirriidha jedhan.
Ibsa Ministeerri Haajaa Alaa Emireetota Arabaa Gamtoomanii baaseen ammoo, waldhibdee Itoophiyaatti mudateef filmaanni tokkichi furmaata siyaasaati yoo jedhu, Chaayinaan ammoo murteen motummaan dhukaasa dhaabuuf dabarse fudhatama kan qabudha jettee jirti.
UKnis haaluma walfakkaatuun murteen dhukaasa dhaabuu motummaan Itoophiyaa addatti ofiin dabarse fudhatama kan qabu jechuun, qaamoolee waraanicha keessatti hirmaatan hundi murte kanaaf abbomamuun namoota rakkinni mudateef deeggarsi namoomaa akka qaqabuuf hayyamuu qabu jeete.
Motummoota Gamtoomaniitti Ambaasadar Ameerikaa kan ta'an Liindaa Tomaas Giriinfiild gamasaanitiin, waraanaa baatiiwwaniif dhiiga lolaasaa ture akka dhaabatuuf murteen motummaan Itoophiyaa dabarse tarkaanfii murteessaadha jedhan.
Ambaasadariittiin dabalauudhaan qaamooleen waraanicha keessatti hirmaatan dhaabbileen gargaarsaa namoota deeggarsi barbaachisuuf akka qaqabaniif hayyamu qabu jedhaniiru.
Ameerikaan maal jette?
Murteen naannoo Tigraayiitti dhukaasa dhaabuu Itoophiyaan addatti ofiin dabarsite yoo takaanfiiwwan waloon kan hordofamu ta'e gaariidha jette.
Ministeerri Haajaa Alaa Ameerikaa qaamooleen waraanciha keessatti hirmaatan hunduu deegarsa namoomaa akka nyaataa daandii saaquun ariitiin akka dhiyaatuuf gaafate.
Sababa waraana kanaan naannichatti qofa namoonni kuma 350 beelaaf saaxilamusaanii UN himeera. Loltoonni Tigraay garuu bakkeewwan to'atan babal'ifataa jiraachuun dhagahameera.
Akkasums US looltoonni Ertiraa kan humnootii motummaa federaalaa gargaaraa turan hatattamaa fi haala mirkanaa'uun akka naanncha keessa bahaniif gaafattee jirti.
Looltoonni TPLF garuu hanga humna diina isaanii dadhabsisaniitti lola akka hin dhaabne dhaadatan.
Ambaasadaroonni Ameerikaa duraanii maal jedhan?
Yeroo garaa garaatti Itoophiyaatti ambaasaadaraa fi dippilomaatii olaanaa ta'uun kan tajaajilan Deeviid Shiid, Shiikii Hadilsitan, Paatirishiyaa Yaasilaach, Awuriiliiyaa Biraaliziil fi Tiiboor Naashi murtee dhukaasaa dhaabuu Itoophiyaa hordoofee ibsa baasaniiru.
Haalaa Naannoo Tigraay keessa ture itti dhiheenyaan hordofaa akka turan ibsanii, mootummaan federalaa filmaata nagaa dhiyeessuun isaa ''boqonnaa olaanaa nutti uumeera'' jedhan.
Carraan gaariin kun bira darbamuu hin qabaatu kan jedhan ambaasaadaroonni kunneenis, qaamoolee waraanicha keessatti qooda fudhatan hundi waamicha dhiyaate kana akka fudhataniif yaadachasiisan.
Humnootii walitti bu'iinsaa Tigraay keessa jiran naannicha keessaa akka bahan, naannooleen deeggarsi namoomaa barbaachisu akka qaqqaban akka taasifaman, nageenya walitti fufaa buusuu fi haala naannichaa gara fuula duraarratti waliigalteerra akka gahamuuf mariin akka taasifamuuf waamicha taasisaniiru.
Komishinarri Gamtaa Afriikaa Faakii Musaa maal jedhan?
Musaa Faakii labsii dhukaasa dhaabuu nagaa buusuuf naannoo Tigraayiitti labsame walitti fufiinsa akka qabaatuuf qaamoolee motummaa hundi haala hunda hammataa ta'een hojjachuu qabu jechuun gaafataniiru.
Akkasumas qaamooleen hundinuu haala seera idil-addunyaa kabajeen lammiilee nagaa akka eeggaman fi kanneen miidhama haala deeggarsa namoomaa itti argataniin itti gaafatamummaasaanii akka bahaniif gaafataniiru.
Waraana naanoo Tigraayiif furmaata siyaasaatu barbaachisa kan jedhan Komishinari Musaa Faakii, yaalii Itoophiyaa nagaafi tasgabbii buusuu taasiftuuf Gamtaan Afriikaa deeggarsa taasisuuf qophaa'adha jedhan.
Chaayinaa fi Arabi Emreetsi maal jedhan?
Gamtaan Imireetota Arabaas motummaan Federaalaa waraanaa naannoo Tigraayiitti gaggeessuu dhaabuun gar-tokkeen dhukaasa dhaabuu labsuunsaa murte fudhatamuudha jete.
Ibsa Ministeerri Haajaa Alaa biyyatti baaseen akka jedheetti, Itoophiyaan waraana dhaabuuf filmaanni jiru furmaata siyaasaa qofaadha jedhe.
Nagaa fi tasgabbii walitti fufaa mirkanneessuuf akkasumas haaluma heera motummaa irratti hundaa'een mariiwwan ijaaraa ta'an gaggeessuun daandii isa qofaati jedhe ibsichi dabaluun.
Daareektarri kutaa dhimmoota Afrikaa Ministeera Haajaa Alaa Chaayinaa, Wu Peengi gama isaanitiin, murteen mootummaa Itoophiyaa fudhatama kan qabuudha jedhan.
Kanneen naannoo Tigraayiitti argaman dabalatee, uummattoonni Itoophiyaa hundi nagaa, tasgabbii fi badhaadhina argatu jennee abdanna kan jedhan daariktarri kun, ''Itoophiyaanoonni rakkoo keessoo isaanii furuuf beekumsaafi dandeettiis qabu'' jedhan.













