'Riqichi laga Takazee gargaarsa naannoo Tigraayiin ga'uuf murteessaa ta'e barbadaa'e' - Garee gargaarsaa

Madda suuraa, Getty Images
Naannoo Tigraay kan baatiiwwan saddeettan darabaniif waraanni keessatti gaggeeffamaa tureetti riqichi gargaarsa namoomaa dhiyyeessuuf murteessaadha jedhame barbadaa'u gareen gargaarsa namoomaa beeksiise.
Akka gareen gargaarsaa kun jedhuuttis riqichi kun cabuunsaa yaaliiwwan namoota kuma dhibbaan lakkaa'aman kanneen deeggarsa barbaadaniif qaqqabuuf taasifamuutti danqaa dabalataa ta'eera.
Koreen Baraarsa Idil-Addunyaa (International Rescue Committee- ICR) riqichi Laga Takazeerraa kan dhiheenya magaalaa Shireetti argamu jigeera jedhe.
Mootummaan Itoophiyaa riqicha kana kan barbadeesse 'garee shororkeessaa TPLF' jedhe. Kana kan godhanis ta'e jedhanii deeggarsa namoomaa naannicha gahu hanqisuufi jedhe.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1
UNtti waajjirri dhimma namoomaa qindeessu (OCHA)n riqichi laga Takazee kan magaalota Gondar fi Shiree wal qunnamsiisu humna addaa naannoo Amaaraan akka dhoofame gabaasa qabaachuu himeera.
Gama TPLFn amma dura dhimma barbadaa'uu riqicha kanaa irratti waanti jedhame hin jiru.
Suuraawwan riqichichaa jige bal'inaan marsaalee hawaasaa irratti qoodamaa jiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2
Guyyaa Wiixata bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay akka dhukaasni dhaabbatuuf gaaffii motummaa federaalaatiif dhiyeessuun hordofee, motummaan federaalaa gaafficha fudhachuun ibsamee ture.
Mootummaan federaalaas sababii qonnaan bultoonni naannichaa waqtii qonnaatti akka fayyadamaniifi deeggarsa namoomaatiif karaa kennuu jedhuu Wiixata irraa kaasee addatti ofumaan naannoo Tigraayiitti dhukaasni akka dhaabbatuuf labsuun gabaasuun keenya ni yaadatama.
Tarkaanfii dhukaasa dhaabuu kanas dhaabbileen idil-addunyaafi biyyoonni garaa garaas namoota kumaatama hedduu naannichatti deeggarsa namoomaa eegataa jiraniin gahuuf haala mijeessa jechuun haalaan simmachu ibsanii ture.
Haata'u malee guyyaa waraanni federaalaa magaalaa Maqalee gadhiisee bahuun ibsameen booda tajaajiliiwwan bilbilaa, ibsaafi intarneetii naannichatti eddoowwan garaa garaatti adda cituun gabaafameera.
Kanaafu, eejjansiiwwan gargaarsa namoommaa sababii addaan cituu tajaajilawwan sarara ibsaa, bilbilaa fi intarneetiitiin rakkinni isaan mudataa jiraachu himan.
Dhabbanni ICR gamasaatiin ammallee deeggarsa namoomaa ummataan gahuuf daandiin danqaa malee akka kennamuuf waamicha taasiseera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 3
Humnootiin finciltootaas baatii saddeettiin booda magaalaa guddittii naannichaa Maqalee erga deebiisanii Wiixata darbe to'ataniin booda magaaloota naannichaa kaanittis to'annoo babal'ifachun dubbii himaa garee finciltootaa Geetaachoo Raddaa eerun Rooyitarsi gabaasee ture.
Dubbii Himaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa, Ambaasaadar Diinaa Muftii, finciltoonni labsii dhukaasa dhaabuu motummaa fedaraalaatiin addatti jalqaba torban kanaarratti labsameef aboomamu qabu jedhaniiru.














