Jeneraal Tsaadqaan G/Tinsaa'ee: Ajajaa waraanaa jabaa Itoophiyaatti garee finciltootaa duuba jiru

Jen Tsaadqaan naannoo 19988 keessa, tilmaamaan

Madda suuraa, Tsadkan family

Ibsa waa'ee suuraa, Jen Tsaadqaan [gidduu] jalqaba mootummaa Itoophiyaa 1976 hanga 1991 waraanaa ture

Ajajaan duraanii waraana Itoophiyaa, jireenya isaa keessatti yeroo 2ffaaf, naannoo gaarreniin guutame Tigraay keessatti nama jabaa mootummaa Itoophiyaa irratti fincila gaggeessaa jiru tahe, jedhe xiinxalaan Aleeksi de Waal.

Ajajaan humna waraanaa TPLF, Jeneraal Tsaadqaan Gabretinsaa'ee, akka Afrikaatti namoota waraanaa bara jireenya isaa keessa jiran keessaa nama istiraateejii waraanaa beeku jabaa jedhamuun xiinxaltoota dhimma nageenyaa idil-adunyaan ibsama.

Jeneraalli waraanaa ganna 68, bara 1976 yuunivarsiitii Finfinfinneetti barnoota baayoloojii addaan kutuun garee finciltoota TPLFtti makame.

Yeroo sana namoota dhibbaan lakkaa'aman muraasa, gaarreen Tigiraay keessaa sirna sooshaalizimiin Itoophiyaa bulchaa kan ture Mangistuu Haayile Maariyaam lolaa turan keessaa tokko.

Xiinxalli isaa, dandeettiin qindeessuu isaa fi dandiittiin amanamummaa loltoota argachuuf qabu bara 1980 keessa akka inni ajajoota waraanaa baay'ee kabajamoo tahan keessaa tokko tahu isa godheera.

Bara 1991 TPLF, humna waraanaa miseensota 100,000 fi garee makaanaayzdii qabu tahe.

Baruma sana ji'a Caamsaa keessa, Jeneraal Tsaadqaan- yeroo sana humna Eertiraa TPLF waliin turan hogganuun, mootummaa Dargii irratti haleellaa gaggeessuun magaalaa Finfinnee to'achuun, Mangistuu Haayile Maariyaam aangoo irraa kaasan.

Loltoota Itoophiyaa mo'amanii fi madaa'an erga kufaatii bulchiinsa Mangistuu Haayile Maariyam booda

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Humnootni Mangistuu Haayile Maariyaam waggoota 30 dura injifataman

Humnootni TPLF akkuma magaalatti dhiyaataniin waajjira ol-aanaa yeroof tajaajilu mana buufata keessummaa [guest house] hoteela Hiiltan cina jirtutti qopheessaniif.

Achitti jeneraal Tsaadqaan waggoota 15 booda yeroo jalqabaaf siree afaa yookaan ansoolaa qabu irra ciise. Ajaja isaa jalatti loltootni TPLF gara magaalaatti dhufuun Caamsa 28 bara 1991 Finfinnee seenan.

Guyyaa sadiin booda sooramnii fi miindaan hojjettootaa kaffalame.

Waraana buufata al-Qaayidaa irratti

Waggota torba itti aananiif Jenraal Tsaadqaan irra deebiin humna waraanaa Itoophiyaa ijaaraa ture. Sadarkaan jeneraalummaa kennameefii achumaan ajajaa humna waraanaa Itoophiyaas tahe.

Waggoottan kudhan yeroo jeneraal Tsaadqaan hoogganaa raayyaa ittisa biyyaa tahuun hojjetetti, ajajootni waraanaa duraanii TPLF bakka murteessoo qabachuu akkasumas waraanichi akkaataa baay'ina sabaan madaalawaa miti, Tigireen uummata Itoophiyaa keessaa %6 qofa jedhamuun qeeqame.

Jeneraal tsaadqaan kanumaan gara kolleejjiitti deebi'uun, yuunvarsiitii UK, Open Yuunvarsiitii jedhamutti MBA barate.

Pirofeser Giraam Salaman barataa isaa duraanii kana yaadata. '' Inni ilaalcha qoodinsaa waraana keessa irraa fagoodha- nama callisaa, dhageeffataa, saalfataa fi yaada qajeelaa qabudha. Dhugumaan keessa isaa sibiila.''

Gaara Gheralta Haawuzen cina jiru, naannoo Tigiraay, Itoophiyaa.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Garreen Tigiraay keessaa finciltootaaf bakka dhokannaa tahaniiru.

Waraanni waliiwaliinii dhumaateera garuu Gaanfi Afrikaa waca keessa galteetti.

Bara 1996 hidhatoota al-Qaayidaa haleelluuf Soomaaliyaa keessa humna waraanaa bobbaase. Akkasumas dhoksaadhaan mormii pirezidaantiOmar al-Bashir deeggaruuf daangaa irraan loltoota gara Sudaanitti erga.

Waraana keessaa ari'ame

Akeekkachiisa Jeneraal tsaadqaan bulchaan Eertiraa Isaayas Afewarqiin Itoophiyaaf yaaddoodha jedhe jaallan isaa TPLF keessaa, yeroo sana Mallas Zeenaawwiif hin liqimfamne.

Garuu yeroo waraanni Eertiraa waliin bara 1998 jalqabu Jen Tsaadqaan karoora waraanaa nama baasu ture.

Waraana akka malee hamaa gama lamaaniin lubbuu namoota 80,000 olii galaafate ture.Bara 2000 humni waraanaa Itoophiyaa humna ittisaa Eertiraa cabsuun daangaa biyyattiitti seenan.

Kaayyoon jeneraal Tsaadqaan hanga magaala Asmaraatti deemuu ture. Garuu MM Mallas Zeenaawii akka dhaabatu godhe. Kaayyoon waraana Itoophiyaa amma galma gaheera, Eertiraan mo'amteetti jedhe.

Map
1px transparent line

Waraanichaan booda TPLF kaayyoo waraanaa fi kallattii paartiin kennu jedhu irratti adda bahan. Mallas Zeenaawwiin hoggansa waraanaa irraa jeneraal Tsaadqaaniin ari'e.

Osoo hin eegamiin hojii kabajaa isaa ibsu irraa mulqame. Hoogantoota TPLF'n qoollifatame. Bakka bu'oota nageenyaan itti dhiyeenyaan hordofamaa ture. Jen Tsaadqaan akkuma lammii yookaan nama dhuunfaa tokkootti jireenyatti baruuf rakkate.

Gabaasa akkamiin waraanni HIV to'ata kan jedhu barreesse. Dhaabbata Misoomaa Idil-adunyaa UKdhaan akka dhimma nageenyaa irratti mootymmaa haaraa Sudaan gorsuuf qacarame. Pirojektiin humna waraanaa biyyattii ammayyeessuuf qabame sunis ni kufe.

Jeneraal Tsaadqaan bakka dhaloota isaa Kibba Tigiraay Raayyaa keessatti biiraa oomishuu fi biizinesii qonnaa jalqabe.

Ilaalcha jibba Tigiree

Bara 2018 yeroo MM Abiy Ahimed gara aangootti dhufu muudama isaa akka fudhatuufi waliin hojjechuu akka barbaadu yoo ibsu, jaallan isaa TPLF keessa jiraniin qeeqame.

Jen Tsadkan Gebretensaa'ee
Ibsa waa'ee suuraa, Jeneraal Tsaadqaan biyya gane jedhamuun mootummaa federaalaan himatame

Bara 2019 garee harka wayyaa jalaan Abiyyii fi hoggantoota TPLF araarsuuf yaalaa turanitti makame. Garuu waggaa tokkoon booda Abiy dhimmaaa hin jiru jechuun dhiisee keessaa bahe.

Magaalaa Finfinneetti jibbi Tigirummaa yoo dabalaa deemu magaalicha gadhiisuun gara Maqaleetti deebi'e.

Yeroo ji'a Sadaasaa darbe keessa waraanni jalqabu garaagarummaa yaadaa hoggantoota TPLF waliin qabu dhiisuun gara waraannichaatti makame.

Dargaggootni hedduun garee TPLFtti makaman. Miidhaa uummata irra gahaa ture yaaddessaa ture. Hoggantootni buleeyyiin waggaa dura TPLF keessaa bahanis garee kanatti makaman.

Mootummaan Itoophiyaa jeneraal Tsaadqaaniifi hoggantootni TPLF biroo to'annoo jala akka oolaniif ajaja baase. Biyya ganan jechuun isaan himachuun isaan himate. Kunis humna waraanaa ajaja Kaabaa irratti haleellaa raawwachuu isaanii himuuni.

Injifannoo waraanaa jabaa

Morkiin waraanaa kun maqaa 'Humna Ittisaa Tigiraay'' TDF jedhamu jalatti kan gurmaa'e yoo tahu, TPLF fi kanneen miseensa hin taanellee hammata.

Jeneraal Tsaadqaan ajajaaa humna kanaatti dhufuun walumaan itti gaafatamummaa waranaa kanaa fudhatan

Lolicha keessatti namootni kumaatamni ajjeefamaniiru

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Lolicha keessatti namootni kumaatamni ajjeefamaniiru

Amajji keessa akkas jedhe. '' Biyyee nyaannee ture.'' Fiigicha irra turan, Kibba Tigiraay bakkeewwan gaarreniin guutamanitti baqatan. Loltootni dargaggoo tahan hedduun miilla qullaa deemaa turan, meeshaa waraanaa harkatti baachuuu danda'an qofa fudhatanii deeman.

Garuu bakka marfaman kanaa cabsanii bahuu danda'aniiru. Humnoota Itoophiyaa fi Eertiraa deebisanii haleelan. Jeneraal tsaadqaan loltootni TPLF meeqa ajjeefaman yookaan madaa'an kan jedhu hin ibsine.

Ji'oota afur darbabiif leenjii, gurmaa'aa akkasumas lola irra turan.

Torban sadiin dura biyyootni G7 Tigiraay keessatti akka dhukaasni dhaabbatu gaafatan. TPLF ibsicha deeggarsa akka arbsamu gochuuf qophii tahuu hime. Garuu waa'ee dhukaasa dhaabuu hin ibsine.

Waxabajji 17 TDF kakka'umsa godhate. Waraana cimaa taasifneen bakkeewwan adda addaa qabannee fi kutaa waraanaa saddet boojine jedhan. Humni waraanaa Itoophiyaa ''oduu dharaati'' jechuun haale.

Gaazexesitootni dirree waraanaa deemuun yookaan ammoo booji'amtoota dubbisuun hin mirkaneesine. Garuu kun TDF'f inifannoo waraanaa guddaa yoo tahu, humni waraanaa Itoophiyaa rakkoo guddaa keessa galeera.

Garuu MM Abiy waraanni isaanii mo'amee osoo hin taane, deeggarsa namoomaa akka dhiyaatuuf magaalichaa akka bahe himan. Itti aanaan Ministera Dhimma Alaa Itoophiyaa Amb Reedwaan Huseenis yoo ajajni kenname humni waraanaa keenya torbanoota keessatti deebisee Maqalee qabachuu danda'a jedhan.

Sodaa waraanaa Eertiraa waliin

THumni TDF Maqalee seenuun humni waraanaa fi bulchiinsi mootummaa Itoophiyaa achii baheera. Dhukaasa dhaabuu labsuun.

Meeshaalee waraanaa cicimoo qabatan fudhachuun loltootni TDF, ji'a Sadaasaa keessa humna waraanaa Itoophiyaa irra goruun gara waraannichaatti kan makaman loltoota Eertiraa haleeluu barbaadu.

Diina isaan sodaachisudha. Gabaasonni akka jedhanitti loltootni Eertiraa magaalota Tigiraay keessaa gadhiisuun gara daandaatti deebi'anii ittisa irra jiru.

Pirezidaantiin Eertiraa Isaayas Afawarqii murtee daangaa kaabaa keessaa baasamo waraanu jedhu keessa jiru. TDF akkasuma osoo aangoo irra jiruu nagaa tahuu waan hin dandeenyeef akka inni dirqamu gochaa jiru.

Waraanni jabaan biraa dhufuu danda'a.

Aleeksi de Waalhojii gaggeessaa olaanaa Faawondeeshinii Nagaa Adunyaa, Tuftis yuunavarsiititi.