Waraana Tigraay: Dhimmi 'loltoota Itoophiyaa Tigraayitti booji'amanii' maal jedhame?

Madda suuraa, AFP
Loltoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa lola irratti humnoota Tigraayiin booji'aman jedhaman Jimaata magaalaa Maqalee keessa akka uummataan daawwataman taasifameera.
Kuni kan ta'e humnoonni TPLF kan motummaan shororkeessaa jedheen fi kan baatilee saddeetiif mootummaa Itoophiyaa waliin lolatti turan Wiixata darbe raayyaan erga bahee booda magaalaa gudditti Tigraay Maqaleetti deebi'uu hordofeeti.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa deebii kenneen loltoonni isaa booji'amuun oduu sobaa ta'uu kana dura BBC'tti himeera.
Guyyaa kaleessaa miidiyaa biyyaalessaaf deebii kenneen 'waraanni afaan qawwee ummatatti hin garagalchu jedhee ummatatti harka kenne jira' jechuun garuummoo dhaabni TPLF ololaaf itti dhimma bahaa jira jechuun himateera.
Loltoonni booji'aman jedhaman uffannaa dambii Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa kan uffatan yoo ta'u, eenyummaa loltoota kanaa BBC'n addatti mirkaneessuu hin dandeenye.
Mootummaan Itoophiyaa deeggarsi namoomaa danqaa malee akka dhaqqabuu fi qonnaan bultoonni waqtii gannaa hojii qonnaa akka hojjetaniif jecha dhukaasa dhaabuu labse.
Paarlaamaan Itoophiyaa shororkeessaadha jechuun kan labse TPLF gama isaan, loltoonni mootummaa federaalaa Itoophiyaa lola irratti injifatamanii naannicha gadi dhiisuuf dirqamani jedha.
Akka gabaasni 'The NewYork Times' jedhutti, Jimaata gara magaalaa Maqalee kan deebi'e hogganaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el loltoonni isaa loltoota Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa 6000 ol booji'aniiru.
Loltoonni booji'aman jedhaman kunneen kaampii waraanaa itti hidhamanii turan Maqalee irraa kiiloomeetira 75 fagaatee argamu irraa guyyaa afur miilaan deemuun Jimaata magaalattii gahan.
Wayita magaala keessa tarree galanii deeman, jiraattonni magaalattii karaa qarqara dhaabbatanii iyyaa fi harka walitti rukutuun gammachuu isaanii ibsataa turan.
Loltoonni kun magaalaa Maqalee mana hidhaa guddaa tokko keessatti hidhamanii kan jiran ta'uufi ajajootaan ala loltoonni idilee akka gadi dhiifaman Dabratsiyoon ''The NewYork Times'tti himee jira.
'Olola sobaati'
Suuraalee fi gabaasaaleen loltoota booji'aman jedhamanii marsaalee hawaasaa fi miidiyaalee idileen bahaa jiran gaaffilee hedduu kaasaa jira.
Dhuguma kunneen loltoota raayyaa ittisa biyyaatii? Waraanni kun hundi akkamiin booji'amuu danda'e? Waraanni Itoophiyaa injifatamee moo tooftaaf Maqalee gadi dhiise? fi kkf gaaffilee namootni marsaalee hawaasaa irratti gaafachaa jiranidha.
Xiinxalaa fi ogeessi seeraa Awwol Aloo gabaasa 'The NewYork Times' eeruun "…mata dureen gabaasa kanaa qofti - 'Humnoonni Tigraay loltoota Itoophiyaa magaalaa guddoo naannichaa keessatti hiriiraan uummataaf agarsiisan' kan jedhu - mootummaan akka aangoo gadi dhiisu kan godhu ture" jedha.
"Miidhaan ija addunyaa duratti maqaa gaarii dhaabbilee biyyattiirra gahaa jiru kan nama dhukkubsu," jedhe Awwol yaada twitter irratti barreesseen.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Mootummaan Itoophiyaa haala gaaffilee ka'aa jiraniif deebii kennuu fakkaatuun fuula Feesbuukii koreen labsii muddamaa naannoo Tigraay Odeeffannoo ittiin keenna ture 'Ethiopia State of Emergency Fact Check' jedhamu irratti, Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti ololli maqa balleessii raawwatamaa jiraachuu ibseera.
"Raayyaan Ittisa Biyyaa ergama seera kabachiisuu itti kenname sirnaan bahateera, ta'us haleellaa gareen shororkeessaa uummata nagaa dahatee irratti raawwateen haarsaa kafaleera," jedhe.
Akka ibsi kun jedhutti Raayyaan Ittisa Biyyaa seeraa fi naamusaan waan buluuf uummatatti dhukaasuu dhiisee haarsaa kafale.
"Haarsaa Raayyaan Ittisa Biyyaa kafale kana gareen shororkeessaa akka waan mo'amee fakkeessee olola sobaaf oolfate," jedhe ibsi Sanbata bahe kun.
Ibsichi waa'ee loltoota booji'aman jedhamanii ifatti waan jedhe hin qabu.

Madda suuraa, AFP
TPLF Maqalee seenuun guyyoota muraasa dura lola jajjabaa loltoota Itoophiyaa waliin godheen loltoota kumaatamaan lakkaa'aman 'hojiin ala gochuu' ibsaa ture.
Dubbi himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa koloneel Geetinnat Adaane lola Tigraay keessatti adeemaa tureen loltoonni isaanii haarsaa kafalaa akka turan himuun, loltoonni booji'aman jedhamanii suuraan isaanii marsaalee hawaasaa irratti gadi dhiifame garuu soba jedhanii turan.
TPLF uffata dambii Waraana Eertiraa fi kan Itoophiyaa warshaa huccuu Almaadaatti omishee ittiin yakka hojjechaa ture jedhan qondaalli kun.
Raayyaan Itoophiyaa maal jedhe?
Jimaata erga loltoonni booji'aman jedhaman daandiiwwan magaalaa Maqalee keessa hiriirfamanii uummatatti agarsiifamanii booda Raayyaan deebii kenneen dhaabni TPLF ololaaf itti dhimma bahaa jira jedheera.
''Ummata hin rukunnu jedhanii jaalonni keenya sadarkaa gidduu jiran lubbuu isaanii of balleessan'' jiru jechuun Daarektarri Sabqunnamtii Raayyaa Ittisaa Koloneel Getinnat Adaana miidiyaa biyyaalessaa, ETV'tti himaniiru.
''Miseensonni waraanaa afaan qawwee ummatatti hin galagalchinu jedhanii ummataaf harka kennan akka jiran ni beekna.''
Isa baay'ee jedhamu irrattis 'lakkoofsa ol kaasanii dubbachuun amala isaaniiti' jechuun balaaleeffatan. ''Hojii piroppagaandaaf akka oolchaa jiru beekuun ni danda'ama.''
''Waraana keessa du'uun, ajjeesuun akkasumas booji'amuun ni qunnama. Osooma ta'e akkana gochuun maaliif barbaachise? Nuyi yookiin mootummaan maaliif akkana gochuu dhiise?'' jechuun gaafatu.
Kanaanis, dhaaba TPLF seeraafi safuuf hin bitamne jechuun himatu. Mootummaan garuu akkatti boojuu qabatu ''sirriitti beeka'' jechuun himan.
''Lammata akkaataan raayyaan keenya magaalota Tigraay keessumaa Maqaleedhaa bahe beekama. Ummanni Maqalee sirriitti beeka. Dhukaasa tokko malee akka bahe ummanni argeera.
''Waraanee injifadheeni akka hin jenne akkatti baane ummanni argeera. Gammoojjiitti lolaan ture, waraanni booji'e kunoo jedhee ummata gowwomsuufi itti fayyadamaa jira,'' jechuun himatan.
''Inni moo'e baay'ee osoo hin dubbatiin inni mo'ame garuu mo'amuu isaa dhokfatuuf mo'eera jechuuf carraaquun garee kanarraa waan eegamudha,'' jechuun dubbatan.
Qondaalli kuni waraanni Itoophiyaa yeroo ammaa ga'umsa gaariirra jiraachuu ibsaniiru.
Loltoonni Itoophiyaa hagam miidhaman?
Mootummaan Itoophiyaa lola Tigraay irratti loltoonni fi namootni nagaan hedduun ajjeefamuu ibseera. Haa ta'u malee miidhaan gama lamaaniinu gahe hin beekamu.
Raayyaan Ittisa Biyyaa gama isaan TPLF irraan miidhaa guddaa geessisuu hima.
Qondaala Olaanaa Waraana Itoophiyaa kan ta'an jeneraal Baacaa Dabalee ibsa Jimaata miidiyaaleef kennaniin TPLF 'akka yaaddoo nageenyaa hin taanetti guutummaatti barbadaa'uu dubbatan.
MM Abiy Ahimad loltoonni isaanii Maqalee gadi dhiisanii bahuun sababa magaalattiin amma booda 'barbaachisummaa siyaasaa duraan qabaachaa turte' hin qabneefi jedhan. Itti dabaluunis miidhaan dabalataa akka loltootarra hin geenyeef akka ta'es himan.
Lola baatii saddet lakkoofsiseen Raayyaan Ittisa Biyyaa hagam akka miidhame ifatti wanti beekame hin jiru.

Tigraay - dhimmoota bu'uuraa
- Erga 1994 kaasee, Itoophiyaan naannoolee 10 kan heera mootummaa biyyatii keessatti saba bu'ureeffachuufi akka bulchiinsa ofiin of bulchuutti ibsamaniin caasseeffamte.
- Iirra caalaa dargaggoo Oromootiin gaggeeffameen, Abiy Ahimad aangoo qabachuun riformiiwwan gaggeessuu eegale.
- Qondaaltoonni siyaasaa cicimoonni naannoo Tigraayis sirna federaalaa diiguuf yaalaa jira jechuun MM Abiyiin himatan.
- Itti aansisees erga finciltoonni Tigreen buufata waraanaa kaabaatti argamu irratti haleellaa raawwataniiru jedhameen booda, raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa deeggarsa loltoota Ertiraatiin Sadaasa 2020 keessa naanichatti tarkaanfii fudhachuu eegaluun ammoo waldhabdee qaamoolee lamaan jidduu ture caalaa hammeesse.
- MM Abiy ammoo dhuma Sadaasa 2020tti waraanni xumuramuu labsanilleen, garuu waraanni hanga dhiheenyaatti dabalee itti fufee ture.

Aleeks de Waal - direektarri olaanaa Faawundeeshini Nagaa Addunyaa (WPF) kan dhimmoota Itoophiyaa irratti xiinxala adda addaa kennuun beekamu, "Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa kutaalee waraanaa 20 qaba - kana keessaa 7 guutummaati barbadaa'aniiru, 3 ammoo hojiin ala taasifamaniiru" jedha.
Xiinxaltoonni kaan garuu miidhaan Waraana Itoophiyaarra gahe hagam akka ta'e qixaan beekuun ni ulfaata jedhu.
"Gaaffii doolaara miliyoona tokkooti," jedha Wiliyaam Daavisan - xiinxalaan 'International Crisis Group'. "Ifatti hin beeknu garuu miidhaan jabaan irra gaheera, hamilees itti dhabaniiru" jedhe.
"Maqaa gaarii nagaa eegsisuun Waraanni Itoophiyaa Afrikaa Bahaa keessatti qabaachaa tureen yoo madaallu, ammatti waraanni Itoophiyaa daran laaffateera," jedha.
Miidhaa loltootarra gahetti dabalataan baasiin maallaqaa mootummaan lola kanaaf baase diinagdee biyyattii irratti dhiibbaa jabaa qabaata.
MM Abiy Ahimad baasii waraanaa osoo hin dabalatiin deeggarsa namoomaa fi naannicha deebisanii ijaaruuf yaalii godhameef qofa birrii biliyoona 100 baasuu dubbatan.
Dhimma Tigraay irratti yeroo jalqabaaf ifatti kan yaa’ii taa’e manni maree nageenyaa UN, gama lamaaninuu waraana dhaabuun qabatamaan lafarratti akka raawwatuu fi deeggarsi namoomaa danqaa tokko malee namoota rakkoo keessa gahan akka dhaqqabu gaafate.














