Waraana Tigraay: 'Haala namoota nagaa fooyyeessuuf tarkaanfiin atattamaa fudhatamuu qaba' - KMNI

Madda suuraa, EHRC
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) naannoo Tigraay keessatti haala namoota nagaa fooyyeessuuf tarkaanfiin atattammaa mootummaatin fudhatamu qaba jedheera.
Komishinichi ibsa Sambata baaseen akka jedheetti, motummaan federaalaa naannoo Tigraayiitti labsii dhukaasa dhaabuu labsuu hordofee, sararriiwwan quunnamtii waan adda citaniif haalli naannicha keessa jiru akka isa yaadeessu hime.
Dabalataan, motummaan tarkaanfiiwwan nageenya jiraattootaa eegsiisuuf gargaaran atatamaan fudhachuu qaba jedheera.
Itti dabaluunis naannoo Tigraayiitti tajaajilawwan bu'uuraa adda citan deebiisuufi haala nageenyaa qabatamaafi dhiyeessii deeggarsa namoomaa irratti odeeffannoo gahaa akka kennu gaafate.
Qaawwa gama kanaan jiran sirreessuufi walta'insa qondoomaa qaamoolee dhimmisaa ilaalatuu uumuun tarkaanfiiwwan dursaati jedheera komishinichi.
''Barbaachisummaan walitti bu'insichaaf furmaata nagaa barbaaduu akkuma eegameefi dhiyeessiifi deeggarsa namoomaa naannichaatiifi walta'insi akka itti fufuu ibsamuun kan nama jajjabeessu ta'e, garuu ammo nageenyi namoota nagaa fi eegumsa mirga namoomaa dursi kennamuuf qaba'' jedheera.
''Ammaan tanatti Tigraayiitti bakkeewwan irra jirreessa keessatti tajaajilli ibsaa, bilbilaa fi bishaanii adda cituun jireenya jiraattoota naannichaa irratti dhiibbaa olaanaa hordofsisaa jira'' jedheera.
Kana malees tajaajilli baankii adda cituu fi dhiyeessiifi argamni tajaajila fayyaa murtaa'uun rakkinicha cimseeras jedhe.
''Dhaabbileen biyya keessaafi idil-addunyaa Tigraay keessa socha'an tajaajilli ibsaa fi bilbilaa adda cituu dabalate, hir'inni dhiyeessitii deeggarsa namoomaa biros sadarkaa olaanaadhaan akka miidheefi haala jiraattoonni naannoolee adda addaa jiraatan, kanneen bakaka jireenyaasaanii buqa'aniifi baqattoonni keessatti argaman baruuf rakkisaa taasisuu ibsaniiru.''
Dhimma jiraattoota Finfinnee kanneen dhalattoota Tigraay ta'aniifi namoota miidiyaa dabalatee, haala namoota dhimmoota biraa waliin hidhata qabu jedhamuun shakkamanii to'atamaniirratti hordofii taasisaa jiraachuu hime.
''Kunis gocha jiraattoota irratti eenyummaa adda baasuun shakkiifi loogiif saaxilu akka hintaaneef yaaddoo kan uumuudha'' jedhe ibsichi.
Kana malees, maatiiwwan barattootaa yunivarsitiiwwan naannichatti argamaniitti barataa jirani haala keessatti argaman ilaalchisuun qaamni motummaa dhimmisaa ilaalatu deebii gahaafi ibsa akka kennuuf gaafataa jiraachu himeera.
Komishinarri Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Dr Daani'eel Baqalaa nageenya jiraattootaa eegsiisuun itti - gaafatamummaa duraa motummaa ta'uu ibsan.
''Haala jiraattonni naannichaa irratti argaman ilaalchisee odeeffannoon barbaachisu hir'achun, gabaasaalee kallattiiwwan garaagaraatii dhagahamaniifi haasawwan waliitti dabalamuun jiraattoota yaaddoo irra kan busuudha,'' jedhan.
Kana malees, ''hidhaan gosa kamiituu yeroo hundumaa kan sirna seeraa hordofe ta'u qabaata'' kan jedhan Dr Daani'eel, qaamooleen motummaa fi miti motummaa kutaa biyyaa kamiittu argaman hundi haasaa haala harbeessanii fi kan ummattoota jidduutti shakkii fi jibba uumuu danda'an irra akka of qusataniif waamicha taasisaniiru.
Dhukaasa dhaabuun qaamoolee waraanicha keessatti hirmaattoota ta'an hundaan kabajamuufi tajaajilawwan bu'uuraa atattaman deebisuun, haala waliigalaa fooyyeessuufi rakkoo naannoo Tigraay keessatti uumameef furmaata waaraa barbaaduuf akkasumas yaalii dhiyeessitiin deeggarsa namoommaa akka adda hincinneef taasifamu ni gargaara jedhu.













