'Hanqinoonni mirgoota namoomaa filannoo biyyaaleessarratti mul'atan seeraafi sirnaan sirreeffamuu qabu' - Komishinii Mirga Namoomaa

Asxaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa

Madda suuraa, EHRC

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa ja'affaa Waxabajji 21, 2021 gaggeeffame ilaalchisuun gabaasa baaseen, hanqinoonni buufataaleefi naannolee filannootti mul'atan xiyyeeffannoon malu kennamee seeraafi sirnaan sirreeffamuu qabu jedhe.

Komishinichi gabaasa duraa Samabata baaseen, filannoon biyyaaleessaa kun haaloota rakkisoo ta'an garaa garaa keessatti kan gaggeeffame ta'ulleen, hanqinoota eegumsa mirgoota namoomaan walqabatan guyyoota filannoo duraa fi filannoorratti mudatan muraasarraan ala waliigalatti milkaa'aa ture jedheera.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ALI Waxabajji 12 hanga 16 bara 2013tti naannolee hunda bakkeewwan garaa garaa biyyattii filannoon itti gaggeeffametti gareewwan hordofan bobbaasuun hordoffii mirgoota namoomaa qideesseera jedhe.

Gabaasa kanaanis, buuftaleefi naannolee filannoo murtaa'an keessatti hanqinoonni mul'atan waan jiraniif xiyyeeffannoon kennameefii seeraan akka furamaniif gaafateera.

Halli filannichi keessatti gaggeeffame rakkoowwan garaa garaa yeroo mudachaa jiranii fi lolli naannoo Tigraay, akkasumas naannolee biroo keessatti ammoo wayita walitti bu'insi dhalatuun, finannoon bakkeewwan muraasaa akka yeroo biraatti darbu wayita ta'e keessatti kan gaggeeffame ta'u hubachuusaas eera Komishinichi.

Rakkoon kun akkuma jiranitti ta'ee garuu, adeemsi filannichaa rakkoo guddaa jedhamu malee haala nagaatiin jalqabamee, nagaan xumurameera jedheera Koomishinichi ibsa isaa kanaan.

Filannoo biyyaalessaa 2021 Itoophiyaan gaggeessite kana ilaalchisuun ajadaawwan mirgoota namoomaa qabxiiwwan ja'a qabu ifa kan godhee Komishinaichi kun, qabxiilee xiyyeeffannoon akka kennamuuf jedheetti dabaluun, filannoo duraafi guyyaa filannoorratti haalli mirgoota namoomaa maal akka fakkaatu ogeessota bobbaasuun hordofaa akka ture ibseera.

Bulchiisota magaalaa Finfinnee fi Dirree Dawaa dabalatee naannolee filannoon keessatti gaggeeffmanitti ogeessota 94 bobbaasuun, naannolee filannoo 99 fi buufataalee filannoo 404 irra deemuun haala jiru hordofaa turuu himeera.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa guyyaa filannoon biyyaalessaa itti gaggeeffamuutti dhimmoota mirga namoomaa taajjabuuf iyyata galfatulle Boordiin Filannoo Biyyaalessaa gaafii isaaaa akka hin fudhanne beeksisee ture.

Booda garuu Komishiin haaluma itti gaafatamummaa itti kennameetiin bakka mirga namoommaa hordofuun irra jiraattuutti argamanuu hayyama qaama kamiiyyu malee filannoon walqabatee hordoffii taasiseera.