Filannoo Itoophiyaa 2021፡ Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa guyyaa filannootti dhimmoota mirga namoomaa akka hordofu ibse

Madda suuraa, EHRC
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa filannoo biyyaalessaa guyyaa Waxabajji 21, 2021 gaggeeffamurratti dhimmoota mirgoota namoomaan walqabatan hordofuuf ogeeyyiisaa ramaduu ibse.
Komishinichi ibsa miidiyaa hawaasummaasaarratti baaseen iddoowwan filannoon itti gaggeeffamu hundatti ogeeyyii ramaduun mirgoota namoomaa akka hordofu beeksiseera.
Gareen ramadaman yeroo filannoo fi erga filannoon xumuramee guyyoota itti aananii jiran keessatti, buufataalee filannoo hunda keessatti haala qabiinsa mirga namoomaa ni hordofu jedhe komishiniin kun.
Haala filannoorrattis qindeessitoota, qaamolee nageenyaa, paartilee siyaasaa, kaadhimamtoota, taajjabdootaa fi kaan gaafachuun odeeffannoo akka qindeesse ibseera.
Buufataalee poolisii fi dhaabbilee fayyaattis argamuun odeeffannoo akka walitti qabatu himeera komishiniin mirga namoomaa kun.
Yeroo filannoo kanatti gochaawwan dhiittaa mirga namoomaan walqabatan kamiyyuu namni arge, garee jaarmiyichi bobbaaseef odeeffannoo akka kennan dhaameera.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa kun kanaan dura filannoo biyyaalessaan walqabatee dhimmoota mirga namoomaa akka hordofuuf gaafatus, boordiin filannoo biyyaalessaa gaaffiisaa kana akka hin simanne ibsee ture.
Yeroo filannootti dhimmoota mirga namoomaan walqabatan hordofuun hojiisaa ijoo ta'uu eeruu gaaffii kana akka dhiyeesse hima komishiniin kun.
Qaamolee akka taajjabdootaatti dhiyaatan keessaa dhibuusaatiin gaaffiinsaa akka fudhatama dhabes ibseera.
BBC'n madda amanamaa ta'erraa akka qulqulleeffatetti, akkaataa seera filannoo fooyya'ee ba'een, komishinichi qaama taajjabdootaa, gaazexeessaa, paartii siyaasaa, akkasumas kanneen dhuunfaan dorgomanii waan hin taaneef eeyyamni hirmaachuu hin kennamneef.
Boordiin filannoos akkaataa bu'uura seeraa kanaan gaaffii komishinichi dhiyeesse kuffise jedhe maddi kun.
Komrishinichis xalayaa ALI Waxabajjii 8, 2013 boordii filannoof barreesseen murteen boordichaa sirrii akka hin taane eeruun iyyate.
Xalayaan kun, keewwatoota seeraa kominichi fooyyessee baase keessaa tokko 'filannoo taajjabuudha' jechuun, yeroo kamii fi bakka kamittuu filannoo taajjabuuf mirga bu'uura seeraa qabu akka qaban ibseera.
Boordichis xalayaa deebisee komishinichaaf barreesseen, komishiniin kun waa'ee mirgoota namoomaa hordofuu akka danda'uu fi garuummoo taajjabdummaan dhiyaachuu akka hin dandeenye eereera.
Sababiinsaa jedha boordiin kun, akkaataa labsii haaraa boordichaatiin komishiniin kun qaamolee taajjabdummaadhaan dhiyaachuu danda'an keessaa miti.
Xalayaan Komishinara komishinichaa Dr Daani'el Baqqalen irratti mallattaa'e kun, qabxiiwwan 10 kan of keessaa qabu yoo ta'u, isaan keessaa qabxii lammaffaan, ''komishinichi mirgaa fi dirqamasaa kan inni raawwachuu danda'u buufataalee filannootti argamuudhaani. Fakkeenyaaf buufataaleen filannoo qaama miidhamtootaaf mijatoo ta'uu fi dhiisuu adda baasuuf achitti argamuu qaba,'' jechuun kan falmuudha.
Dubbi himaan komishinichaa Aaron Maashoo, dhimma kanarratti boordii filannoo waliin dubbatamaa jiraachuu BBC'tti himee ture, garuu gareen komishinichi ramade buufataalee filannoo seenuuf eeyyama argachuu fi dhiisuurratti homaa hin jenne.















