Filannoo Itoophiyaa 2021: Yeroo filannoo qaamoleen seera mirgoota namoomaa akka kabajan gaafataman

Barnoota filannoo filattootaaf karaa irratti kennamaa jiru

Madda suuraa, NEBE

Yeroo filannoo qaamoleen seera kabachiisan mirgoota namoomaa akka kabajan Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gaafate.

Komishinichi filannoo biyyaalessaa Wiixata dhufu gaggeeffamurratti dhimmoota mirga namoomaa ilaallatan taajjabuuf iyyata galfatullee Boordiin Filannoo Biyyaalessaa gaaffii isaa akka hin fudhanne beeksisee ture.

Komishinichi ibsa Jimaata baaseen naannolee filannoon keessatti gaggeeffamu hundatti qaamolee seera kabachiisan waliin marii gochuu himeera.

Marichi filannoo dura, guyyaa filannoo fi filannoon booda akkamiin haala mirgoota namoomaa eeguun seera kabachiisuun akka danda'amu hubachiisuu fi dirqama mirgoota namoomaa kabajuu fi kabachiisuu qaamoleen kunneen qaban yaadachiisuufi jedhe ibsichi.

Keessaahuu mirga yaada bilisaan ibsachuu, mirga socho'uu, walitti qabamuu fi hiriira nagaa godhuu dabalatee mirgoota yeroo filannoo xiyyeeffannoo barbaadan biroo tiksuurratti gahee qaamolee seeraa ilaalchisee mariin godhamuu hime.

Qaamoleen seeraa maricharratti hirmaatanis mirgoota kanneen kabajuu fi kabachiisuuf kutannoo akka qaban ibsaniiru jedha ibsi komiishinichaa.

"Qaamoleen seera kabachiisan akkaataa mirgoota namoomaa eeguun hojii isaanii hojjechuuf waadaa galan adeemsa filannoo keessatti hojiitti hiikuun, adeemsichi mirgoota namoomaa kan kabaje akka ta'e kutannoon hojjechuu qabu," jedhan komiishinarri komiishinichaa Dr Daani'eel Baqqalaa.

Adeemsa filannoo keessatti yoo sarbamni mirga namoomaa uumame itti gaafatamummaan akka jiraatu gochuun barbaachisaa ta'uus komishinichi ibseera.

Filannoo Itoophiyaa

Filannoon marsaa 6ffaa Itoophiyaan Waxabajjii 14 A.L.I gochuuf jirtu silaa bara darbe kan godhamuu qabu ture, sababa weerara koronaavaayirasiif jecha baranatti dabarfame.

Jalqaba Caamsaa keessa godhamuuf kan ture yoo ta'u sababa meeshaaleen filannoof barbaachisan walqixxaatanii hin qophoofneef yeroo lammataaf Waxabajjiitti dabarfame.

Filannoo kanarratti sagalee kennuuf walumaagalatti filattoonni miliyoona 37.4 galmaa’uu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksiseera.

Kanneen sagalee kennuuf galmaa’an keessaa miliyoonni 15.4 naannoo Oromiyaa keessatti yoo ta’u, miliyoonni 7.3 naannoo Amaaraa, miliyoonni 6.3 ammoo naannoo Kibbaa keessatti.

Magaalaa Finfinnee keessatti namoonni sagalee kennuuf galmaa’an miliyoona 1.8 akka ta’an boordichi beeksiseera.

Dogoggora waraqaa filannoo irratti argameen naannolee filannoo 54 keessatti filannoon hanga Fulbaana 6 bara 2021tti dheereffameera.

Walumaagalatti naannolee filannoo 547 keessaa 78 keessatti sababa nageenyaa fi hanqina loojistikii filannoon hin gaggeeffamu akka Rooyitars gabaasetti.