Filannoo Itoophiyaa 2021: Qabxiilee ijoo beekuu qabdan shan

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan Waxabajjii 21 filannoo gochuuf jirti. Kunis wayita kaaba biyyattiitti waraanni lubbuu nama hedduu galaafate adeemaa jiruu akkasumas wayita sodaan beelli hamaan uumamuu mala jedhu jirutti.
Dabalataan kutaalee biyyattii keessatti walitti bu'iinsi sabaa fi fincilli hidhattootaan mootummaarratti gaggeeffamaa osoo jiruuti.
Filannoon kun silaa Hagayya bara darbee gaggeeffamuuf kan ture, sababa weerara Covid-19n baranatti dabarfame.
Filattoonni mana maree federaalaa teessoowwan 547 qabuuf bakka bu'oota filatu. Paartiin teessoo olaanaa argate mootummaa hundeessee MM biyyattii bulchus filachiifata.
Filannoon kun kan marroo jahaaffaa yoo ta'u marroon shanaffaan bara 2015 ture kan gaggeeffame.
1. Filannichi hagam barbaachisaadha?
Erga bara 2018 MM Abiy Ahimad aangootti dhufanii as filannoo gaggeeffamu kan jalqabaati. Gamanumaan filannicharratti gaaffiin gurguddaan ka'aa haa jiraatu malee MM Abiy filannoo bilisaa fi haqa qabeessa ta'a jedhanii waadaa galaa turan.
MM Abiy kan aangootti dhufan fincila uummataa waggootaaf gaggeeffame hordofee yoo ta'u, akkuma aangootti bahaniin wantoota hedduu jijjiiruu eegalan.
Hidhamtoota siyaasaa gadi dhiisan, dubartoota heddumminaan gara hoggansaatti fidan, malaammaltummaarratti lola banan, biyya ollaa Eertiraa waliin nagaa buusan.
Kanaanis beekamtii horatanii hanga badhaasa Noobeelii addunyaa injifachuu gahan.
Filannoon kunis biyyattii gara dimookiraasiitti kan ceesisu jedhame abdii guddaan kan eegamaa turedha.
Osoo baay'ee hin turiin garuu namni biyya ollaa waliin nagaa buusuun leellifaman kun biyya ofii keessatti waraanatti seenan.
Naannoo Tigraay kan bulchaa ture TPLF haleellaa Raayyaa Ittisa Biyyaa ajaja Kaabaa irratti raawwate hordofuun MM Abiy gara naannichaatti waraana bobbaasan.
Waraana kanaan namootni kumaatamaan lakkaa'aman du'uu akka hin oolle himama. Sababa waraana kanaan beelli naannicha keessatti uumamuus gabaasaaleen jiru.

Madda suuraa, AFP
Ka'umsi waraana kanaa inni ijoon filannoon bara darbe ture dheereffamuudha. TPLF filannoon dheereffamuu mormuun kophaatti filannoo naannoo gaggeeffate.
TPLF yeroos MM Abiy weerara dhukkubaatti daheeffachuun aangoo seeraan ala dheereffachuufi jechuun komachaa ture.
2. Ofii mul'anni MM Abiy maali?
MM Abiy akkuma aangootti bahaniin ADWUI kan waggoota 27 oliif TPLFn durfamaa ture diigan. Dhaabni kun paartilee sabaa afuriin kan ijaarame ture.
ADWUIn waraana mootummaa Dargii waliin godhe injifachuun bara 1991 aangootti kan dhufe yoo ta'u, filannoo bara 2015 gaggeeffamee kan ukkaamsaa fi hanna guddaan qeeqamu sagalee hunda argachuun injifate.
MM Abiy paartii kana gara paartii Badhaadhinaatti jijjiiran.

Madda suuraa, Getty Images
MM Abiy paartii biyyaalessaa tokko qabaachuun wal qoodinsa sabaa hambisee tokkummaa biyyaa jabeessa amantaa jedhu qabu.
Kanneen isa qeeqan garuu sab-daneessummaa baalleessuufi jechuun isa himatu. Aangoo ofiin of bulchuu naannolee gara jiddugaleessatti fudhachuufi jechuunis qeeqamu.
3. Filannoo kanarratti mormitoonni ni hirmaatuu?
Akka Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa jedhutti paartileen siyaasaa 40 ta'an kaadhimamtoota dhiyeeffataniiru. Garuu hedduun isaanii paartilee naannooti.
Walumaagalatti manneen maree federaalaa fi naannoleef kaadhimamtoonni 9,000 ta'an akka dorgoman hima boordiin filannoo. Kunis seenaa filannoo Itoophiyaa keessatti isa olaanaadha jedha.

Madda suuraa, AFP
Haa ta'u malee paartileen mormituun dhiibbaa mootummaan irraan gaheen qophii filannoof barbaachisu gochuu akka hin dandeenye komatu.
Keessumaa paartileen naannoo Oromiyaa gurguddoon filannicha keessaa of baasanii jiru.
Addi Bilisummaa Oromoo Bitootessa darbe filannoo keessaa bahuu beeksise. Kunis sababa hoggantoonni isaa hidhamanii fi waajjira isaa muummee Finfinnee jiru dabalatee waajjiraaleen isaa jalaa cufamaniif akka ta'e beeksise.
ABOn dhaaba naannoo MM Abiy keessatti dorgoman Oromiyaa keessatti deeggarsa guddaa qabudha.

Madda suuraa, Getty Images
Koongirasiin Federaalistii Oromoo - paartiin Jawaar Mohaammad sababoota kan ABOn wal fakkaataniin filannoo keessaa dhiibamee baafamuu Bitootessa darbe hime.
Kanneen hidhaa jiran kaadhimamtoota akka Jawaar, qindeessitoota filannoo fi taajjabdoota akka ta'an hima KFOn.
TPLF dhaaba shororkeessaa jedhamee labsameera. Hogganoonni isaa gariin yoo ajjeefaman, gariin mana hidhaa jiru, gariin ammoo waraanarra jiru.
Kanaaf gama mormitootaan namni siyaasaa sadarkaa biyyaatti maqaa qabu filannoo kanarratti hirmaachaa jiru hogganaa IZEMA Birhaanuu Naggaa qofa.

Madda suuraa, AFP
Birhaanuu Naggaa filannoo bara 2005 irratti kantiibaa magaalaa Finfinnee ta'uun filatamee ture. Boodarra baatilee 21f hidhamee erga hiikamee booda biyyaa bahee Ameerikaatti barsiisaa Yuunivarsitii ture.
Hundeessitoota dhaaba Ginboot 7 kan hidhannoon mootummaan falmaa ture keessaa tokko.
Bara 2018 MM Abiy gara aangootti bahuun booda Ginboot 7 fi hogganaan isaa Birhaanuu Naggaa qabsoo hidhannoo dhiisuun gara biyyaa deebi'an.
4. Filannoon guutuu biyyattiitti gaggeeffamaa?
Lakki.
Filannoon kun naannoo Tigraayitti guutummaatti hin gaggeeffamu. Naannichi wayita ammaa bulchiinsa yeroo MM Abiy dhaabaniin bulaa jira.
MM Abiy Sadaasa darbe injifannoo labsanillee naannicha keessa ammallee waraanni jira.
Akka Boordiin Filannoo jedhutti naannicha keessatti yeroon filannoon itti gaggeeffamu akkuma bulchiinsi yeroo buufataalee filannoo banuu danda'een ifa godhama jechuun Rooyitars gabaaseera.
Dogoggora waraqaa filannoo irratti argameen naannolee filannoo 54 keessatti filannoon hanga Fulbaana 6 bara 2021tti dheereffameera.
Walumaagalatti naannolee filannoo 547 keessaa 78 keessatti sababa nageenyaa fi hanqina loojistikii filannoon hin gaggeeffamu akka Rooyitars gabaasetti.
Walitti bu'iinsi kutaalee biyyattii iddoo gara garaa jiru filannicharratti dhiibbaa uumuu mala.
Tigraayitti dabalataan humnoonni mootummaa Oromiyaa keessatti finciltootaan lolaa jiru. Naannoo Amaaraa keessatti walitti bu'iinsa sabaan, Beenishaangul Gumuz keessatti ammoo gaaffiin lafaa fi qabeenyaan wal-qabatuun namoonni hedduun ajjeefamaniiru.
5. Filannichi bilisaa fi haqa-qabeessa ta'aa?
Caamsaa darbe Gamtaan Awurooppaa "ulaagaalee ijoorratti mootummaa waliin waliigaluu dhabuu" eeruun taajjabdummaa keessaa bahuu beeksise.
Gamtichi ergama isaa walabummaan raawwachuu akka danda'u mootummaarraa mirkaneeffachuu dadhabuu fi meeshaalee qunnamtii akka hin galchine dhorkamuu ibse.
Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa murteen Gamtaa Awurooppaa kun "amanamummaa filannichaaf barbaachisaas, murteessaas miti" jedhe.
Gareen seenaataroota Ameerikaas baatii darbee rakkoolee nageenyaa eeruun filannoon akka dheereffamu gaafatanii turan.
Ministeerri haajaa alaa Ameerikaas yeroo gara garaa filannichi bu'aa barbaadamu fiduu dhiisuu mala jechuun yaaddoo qabu ibsachaa ture.
Boordiin Filannoo Itoophiyaa garuu filannicha akkaataa seera Itoophiyaa fi ulaagaalee idiladdunyaatiin gaggeessaa akka jiru hima.
Namoota sagalee kennu jedhaman miliyoona 50 keessaa miliyoonni 37 ol galmaa'uus boordichi beeksiseera.
Filannichi Waxabajjii 21 bara 2021 ykn Waxabajjii 14 bara 2013 kan gaggeeffamu yoo ta'u bu'aan filannoo jalqabaa guyyoota shan keessatti, bu'aan waliigalaa ammoo guyyoota 23 keessatti ibsama.

















