Boordiin Filannoo Wiixata dhufaa hojiin jira jedhee hin eegu jedhe

Waraqaa filannoo

Madda suuraa, National Electoral Board of Ethiopia-

Boordiin Filannoo Biyyaaleessa Itoophiyaa torban dhufu guyyaa Wiixataa filannoon waan gaggeeffamuuf hojii ni jiraata jedhee hin eegu jedhe.

Filannoon biyyaaleessaa 6ffaan torban dhufu guyyaa Wiixata Waxabajjii 21, 2021 gaggeeffama jedhamee eegama.

Dhimmicha ilaalchisee Itti-gaafatamtuun Kominikeshinii Boordichaa Soliyaanaa Shimallis ibsa har'a kenniteen, guyyaa filannoo hojiin akka jiraatuuf boordichi hin barbaadu jette.

Dhaabbileen mootummaafi miti-mootummaa walta'insa gochuuf dirqamni seeraa jiraachuu kaasuun, Bordichi ifatti gaaffii akka dhiyeessu Soliyaanaan dubbattee jirti.

''Hojiin hin jiraatu jennee yaadna. Kun ammoo filattoonni sagalee akka kennaniifi filannichis haala gaariin akka xumuramuuf ni gargaara. Kunis taatee yeroo dheeraatti mudatu waan ta'eef dhaabbileen mootummaafi kan dhuunfaaf waliin ta'uu jenneeti eegna. Kan geeddaramus isa guyyaa filannootti hojiin hin jiru jedhu qofaadha,'' jetti.

Riifarandamii Kibba-lixa Itoophiyaa

Kenniinsi sagalee riifarandamii Kibba -lixa Itoophiyaa filannoo waliigalaa waliin Waxabajjii 21 gaggeeffama jedhamee karoorfamee ture.

Haata'u malee, sababii rakkina nageenyaa naannoolee filannoo itti gaggeeffamuutiin walqabatee bakkeen filannoo itti hin gageeffamne waan jiraniif, riifarandamicha sirriin madaaluun waan rakkisuuf filannoo naannoolee hafanii kan biraa waliin ALI Qaammee 01, 2013 akka gaggeeffamu boordichi murteessuun ni yaadatama.

Haata'u malee, aanga'oonni godinaalee riifarandamiin itti gaggeefamuuf turee komii olaanaa dhageessisuu isaanii Soliyaanaan ni dubbatti.

Aanga'oonni godinaalee kunneenis carraan haala aadda ta'een riifarandamichi itti gaggeeffamu yoo jiraate jechuun gaaffii dhiyyeessuun alattis filannoowwan mataasaanii dhiyyeessuu kaastee jirti Soliyaanaan.

Kibba-ixa Itoophiyaatti filannoo gaggeessuun hafee haalli itti riifarandamichi gaggeeffamu yoo jiraate jechuun gaaffiin dhiyaatulleen hanga ammaatti Boordichi murteen taasise akka hin jirre dubbatti.

"Boordichis kallattii seeraafi oppareeshinitiin erga ilaaleen booda tarii har'a ykn boru murtee ni kenna,'' jetteti.

Taajjabdoota

Soliyaanaan akka jettuutti, taajjabdoonni biyya keessaa gara kuma 45 ta'aniif baajiin kennameera.

Gama taajjabdoota biyya alaa ilaaluun ammoo, ''lakkoofsi taajabdoota biyya alaa gara biyyaa seenanii hangam akka ta'e hin qabu. Kan dhufanis, kan dhufaa jiranis jiru. Taajjabdoonni biyya alaa kanneen torban kana ni galu jedhamanii eegamanis jiru. Gamtan Afriikaa, Ergamtoonni IRI deeggarsa kennitoota waliin dhufaniiru,'' jetti.

Dhaabbileen Afriikaa Kibbaafi Baha Afriikaa filannooicha taajjabuuf gaaffii dhiyeessuu isaanii hordofees, adeemsa irra jiraachufi torban kana ni galu jedhamee akka eegamus kaafte jirti.

Buufataalee filannoo beekamtii hin qabne

Boordiin Filannoo dhiyeenya kana buufataaleen filannoo 79 ta'an beekamtiin ala banamanii filattoota galmeessaa jiran jechuun isaa ni yaadtama.

Buufataaleen filannoo Finfinneetti 2, Dirree Dhawaatti 6, akkasumas naannoo Kibbaatti 71 beekamtii kan hin qabne ta'uu isaanii Boorichi murtee dabarsuun isaa ni yaadatama.

Sooliyaanaan ibsa har'a kenniteen buufataaleen filannoo beekamtii hin qabana jedhaman Boordii Filannoo irraa osoo koodiin hin kennamiiniif filattoota galmeessu, osoo leenjiin raawwachiiftota filannoo hin gaggeeffamiin galmee filannoo warra gaggeessan, Boordii Filannoo walin osoo hin taane bulchitoota mootummaa naannichaa waliin ta'uudhaan buufata filannoo bananii filattoota kan galmeessan ta'uu isaa himteetti.

Buufataaleen filannoo 71 kunneen duraanuu banamuun isaanirra hin turre kan jettu Sooliyaanaan, buufataaleen filannoo beekamtii hin qaban jedhaman kanneenitti carraan namoota filachuuf galmaa'anii maal ta'a kan jedhu gara fuula duraatti murteen irratti kennama jetteetti.

Sagalee kennuu dura murteen itti kennama. Filattoonni galmaa'an rakkoon hojmaataa akka jiruufi seera horofee akka hin banamiin hin beekan. Mirga isaanii eeguudhaaf sagalee kennuun dura murtee kennuudhaaf filannoowwan gara garaa jiru. Dhimmoonni teekinikaa gai fageenyaan waan jiraniif ilaallee murtee ni kennina jetteetti.

Bu'aan ifa kan itti ta'u

Buufataaleen filannoo saatii 12:00 irratti banamanii 12:00 irratti cufamu. Isaan booda lakkaa'uutu raawwatama.

Bu'uun guutummaa biyyaa bu'uura seeraatiin ifa ta'a.

Dhimmoota ibsa har'aa irratti ka'an biroo

Wixata dhufu buufataaleen filannoo 4,4372 ta'anitti sagalee kennuun ni gaggeeama. Raawwachiiftota filannoof leenjiin kennamaa jira. Boruufi iftaan ammoo leenjichi itti fufa.

Filattoonni sagalee akka kennaniif jajjabeessuun cimee hojjetamaa jira. Filattoonni akka sagalee kennan gochuun alattis akkamitti akka kennuu qaban, kan jehurrattis hojiin hubachiisuu hojjetamaa jira. Ergaa barreefamaa gababaatiin ergaawwan 8-9 filattootaaf ergamaa jira.

Waraqaan sagalee ittiin kennan maala akka fakkaatan ifa gooneerra. Kun ammoo namoonni sagalee kennan akka waraqaa sana baran taasisa.

Waldaalee sivilii 102 ta'an lammileen akka sagalee isaanii kennan jajjabeessu, waliin taanees hojjechaa jirra. Ergaa isaaniis qixeessaa jirra.

Sochii meeshaalee

Kanaan dura meeshaalee saaxilamoo hin taane deddeebisaa turreerra. Halkan har'aa irraa kaasnee waraqaawwan sagalee ittiin kennaman gara naannolee filannootti erguu jalqabna.