Filannoo Itoophiyaa 2021: Facebookn filannoo Itoophiyaa walqabatee qophii taasisuu hime

Facebook

Madda suuraa, Reuters

Dhaabbanni Facebook filannoo Itoohpiyaa torbanooniin booda gaggeeffamuun walqabatee haala itti to'annoo qabiyyee taasisurratti qophii taasisuu beeksise.

Dhaabbatichi ibsa hojiiwwan filanno Itoophiyaa ilaalchisuun raawwaterratti kenneen, fuulichi haalaan hojiirra akka oolfamuufi akka waltajjii haasaawwan jibbinsaa hin taaneef qophiiwwan hunda hammataa taasisuu fuulasaarratti ibseera.

Qophichis Itoophiyaatti Jimaata irraa kaasee hanga guyyoota filannoofi isaan boodailleen hojiirra kan oolfaman tarreewwan haaraa kan qabate jedheera.

Qophii attamii taasisan?

Qophiin kunis keessattuu haasawwan jibbinsaa, qabiyyeewwan hookkora kakaasan fi sochiilee duula siyaasa dhoksaa irratti taasifaman irratti xiyyeefatu jedhame.

Kana malees, Facebookn tamsa'in odeeffannoo sobaa ittisuuf, hubannoo dijitaalaa dabaluufi haalawwan dulli siyaasaa karaa ifaatiin akka ta'u gargaaran mirkaneessuuf akka hojjatu beeksise.

Gama kanaan, bu'aa gaarii galmeessuuf dhaabbilee mirga namoomaa, hawaasa siivilii biyya keessaafi bakka bu'oota Facebook naannichaa, akkasumas oggeesooota Facebook dhikkicharratti beekumsa qaba waliin marii taasisuu ibseera.

Dhaabbanni Facebook waa'ee biyyattii sirriitti hubachuuf jecha beektoota Itoophiyaa keessa jiraataniifi kanneen dhimmoota tamsaasa ragaa sobaa, haasaa jibbinsaafi kanneen walqabatanirratti hojjatan waliin waliigalte tasisuu hima.

Gidduugala dhaabbatichi qophii filannootiif hundeesse keessaa tokko Wiirtuun Opereeshinii Filannoo (Election Operation center) ti.

Facebook yeroo jalqabaatiifgjidduugala filannoo kan bane bara 2018 yeroo falnnoon biyya Biraaziiliifi Ameerikaattti gaggeefamee ture.

Yeroo sanaa jalqabee filannoowwan siyaasaa biyyoota garaagaraatti gaggeeffaman dursuun gidduugala filannoo kana banaa jira.

Giddugalli kunis ogeessooota adda addaa kan hammatu yoo ta'u, kanneen akka kennitoota akeekkachisa duraa, saayinsii daataa, beektoota seeraafi imaammataa fa'i qabata.

Kunis balaa karaa Facebookiin akka tasaa Itoophiyaa keessa babalachuu danda'u ykn rakkina fyyadamaa atattamaan to'achuun deebii kennuuf kan gargaaru jedhameera.

Haasaa jibbinsaa to'achuu

Dhaabbatichi haasaa jibbinsaa irratti to'annoo cimaa taasisuuf qophaa'u beeksiiseera.

Haasaawwan jibbinsaa hokkara kakaasuu danda'aniifi kanneen eenyuummaafi amantaa namootaa irratti xiyyeefatan ilaalchisee atattamaan akka fuularraa buufaman taasifamu jedheera.

Namoonni yoo haasaa jibbinsaa arganiitti attamiin gabaasuu akka danda'an barsiisuuf leenjiiwwan hedduu kennu beeksiiseera.

Hubannoo kana cimsuuf midiyaalee adda adaatiin beeksiisa hojjachuun alatti, qaamoolee dhimmisaa ilaallatu waliin dhimmicharratti leenjii kennuu yaadateera.

Haasaan jibbinsaa osoo namootaan gabaasa hin taasifamiin dura, teknoolojiin adda baasee hubatu yaalamaa jiraachus dhaabbatichi dabaluun hima.

Teeknooloojiin kunis qabiiyyeewwan sirrii hin taanee ofumaan adda baasuu kan danda'u yoo ta'u, Afaan Oroomoofi Amaaraa dabalatee afaanoota addunyaa 40 oliin tajaajila kennaa jira jedhame.

Dhaabbatichis teeknooloojii kana deeggaruun adeemsa to'annoo caalaa cimsuuf namoota qabiyyee ogganan kuma 35 addunyaa guutuutti mindeessuufi isaan keessaa kanneen Afaan Oromoo, Amaaraa, Somaaleefi Tigriffa dubbatan akka argaman hima.

Biitooteessa bara 2020- Bitooteessaa 2021tti qofaa haasawwan jibbinsaa kuma 87 Itoophiyaa keessaa akka haqe dhaabbanni kun beeksiiseera. Isaan keessaa kanneen %89 ta'an adda kan baafaman deeggarsa teknooloojiin jedhameera.

To'annoo ragaa sobaa

Facebook filannoon walqabatee ragaalee sobaa to'achuuf qophii taasisu hima. Keessattuu qabiyyeewwan filannoo dogongorsuu danda'an, kanneen waamicha fincilaafi namootarratti miidhaa qaqabsiisuuf waamicha taasifaman atattamaanan buusa jedheera.

Qabiyyeewwan ulaagaa kana hin guunneen garuu kan odeeffannoo sobaa qabatanis mala 'Pesa Check and AFP' jedhamanitti fayyadamuun ittisuuf akka hojjatu dubbata.

Qabiyyeewwan kunneenis erga ragaa sobaa qabaachunsaanii barameen booda akka namoota baayyee bira hin geenyeef ni dhorkamu jedha.

Kanaan alattis fayyadamtoonni fakkiiwwan gara biraatii fudhataman ykn kan yeroon irra darbeetti yoo fayyadaman mallattoo kana fayyadamtootatti akka beeksiisu waadaa galeera.

Fayyadamtoonni waggaa tokko darbanitti fayyadamaniif qoodan kun akka itti himamu dhaabbanni kun beeksiseera.

Facebook mariiwwan fi duulawwan siyaasaa fayya qabeessaa kan jajabeessu ta'u ibsee, haata'u amlee beeksiiswwan duula siyaasaa Facebookiifi Instagraam irratti gadhiifaman iftoomina akka qabaatan akka taasisu beeksiseera.

Kanneen karaa Facebook tiin duula filannoo siyaasaa taasisan eenyummaasaanii akka beeksiisaniifi duulicha taasisaa jiraachusaanis ifatti akka ibsan adeemsawwan dirqiisiisan akka jiran beeksiisa.

Kana malees, dhaabbanni Facebook Itoophiyaatti hubannoo dhabuu miidiyaa dijitaalii balleessuufi dhaabbilee michusaa waliin ta'ee hojjachaa jiraachuufi sochiilee hubannoo cimsuu hojjataa jiraachu himeera.