Itoophiyaa: Mootummaan yaaddoo miidiyaa hawaasummaa dhaabsisuu danda'aa?

Madda suuraa, Getty Images
''Namoota midiyaalee hawaasarratti jibba, waraanaa fi qocholloo raabsan mootummaan seeraan adabsiisuu fi mirga iddoo jireenyasaanii mulqisiisu danda'a,'' jedha ogeessi seeraa Abba Nageessaa Oddoo Duubee.
Yaa'ii mana maree bakka bu'oota uummataarratti tibbana MM Abiyi Ahimad yaaddoo fayyadamtoota miidiyaalee hawaasaa biyyoota alaa jiran qaba wayita ibsan, 'Waaqni isinitti haa faradu' jechuun dubbataniiru.
Kanuma ilaalchisee mootummaan tarkaanfii fudhachuu danda'u hin qabuu? dhimma jedhurratti ogeeyyii seeraa fi miidiyaa haasofsifneerra.
MM Abiyi Ahimad Paarlaamaatti dhiyaatanii gabaasa dhiyeessuun, gaaffii gaafatameef deebii kennaniin, ''Kutaalee addunyaa garagaraarraa kan jiraatanii fi afaan biyyaa kan dubbatan hedduun isaanii paasportii Itoophiyaa kan hin qabne, soofaarra taa'anii uummata madabiirraa taa'uun ka'ii kan jedhan.
Ofiif konkolaataa miidhagaa ofaa, isa lafoo deemuun waan baasiif kaffalu hin qabneen ka'ii ajjeesi jedhuun, uummatni Itoophiyaa mee haa hubannu, akkuma jiruun dubbi fudhachuu haa dhiifnu.
Isin warri Awurooppaa fi Ameerikaa tessanii uummata garraamii kanaan wal nyaachiftan ani achitti karaan isin to'adhu hin jiru, Waaqni isinitti haa faradu,'' jedhaniiru.
Ameerikatti abukaatoo waldaa seeraa Minisootaaa obbo Nageessaa Oddoo ergaan MM dubbatan dhuguma yaadessaadhaa? jennee gaafanne.
''Ka'i ajjeessi kana raawwadhuu namootni jedhanii labsan hedduudha. Yaaddoon isaanis dhugaadha,'' jedhu Abba Nageessoo.
Ogeessii Midiyaa Gammachuu Baqqalaa garuu, hamma kana yaaddeessaa mitii jechuun falma.
Sababasaa wayita himus, ''haalli jirus baay'ee yaaddessaa miti, uummannii harki caalaan tajaajila intarneetii hin qabani, hin fayyadamani.
Namoonni yaada dargaggoota bocuu danda'an yaadnisaanii midiyaalee kanarratti hin argamu, kan warraa midiyaalee hawaasaa akka Feesbukii fi Tiiwitarii fayyadamaniiti.
Haalli itti yaadasaanii dhiyeessinus jijjiramuu qaba jechuudha.''
MM Abiyi dhimma kana to'achuu akka hin danda'amnetti dubbatan. Obbo Nageessoo fi Gammachuun garuu mootummaan kana to'achuuf tarkaanfiin fudhachuu qabu akka jiru dubbatan.
''Bilisummaan yaada ofii ibsachuu daangaa qaba, waantota dhorkaman namoota darban seeraan gaafachiisuun ni danda'ama.
Biyya alaatti qaama waan kana ijaarrate, namoota yakka akkasii raawwatan, mootummaan karaa lamaan to'achuu danda'a.
Jalqaba, ragaan itti mirkanoofnaan adabamuu danda'u. Lammaffaammoo, mirgi biyya sanaa keessa jiraachuulleen irraa kaafame gara biyyatti ergamu danda'u'' jedha ogeessi seeraa Nageessaan .
''Warra namoota walitti naqu, waraana ykn qocholloo bal'isu kana dhaabbilee tajaajila midiyaalee hawaasaa kennan waliin haasa'uun sirreessuu danda'a,'' jedha obbo Gammachuun.
Waldaan biyya alaatti dhimma kana qoratuu fi karaa seeraan tarkaanfii fudhatu jiraachuu dubbatu.
Koreen Sivili Itiyoo-Ameerikaa waldaan jedhamu abukaatoo baay'ee qabu dhimma kana qorachuuf akka jiru obbo Nageessoon himan.
Waggoota shanan darban midiyalee hawaasa fayyadamuun Oromiyaa keessatti mormiin gaggeeffamaa turu ni yaadatama.
'Gaafa sana mirgi yaada ofi bilisummaan ibsachuu ukkamfamee ture, mirgi gurmaa'uus hin turre, jaarmiyaaleen siyaasa biyya keessa akka hin sochoone dhorkamee ture, amma garuu iddoon sun banameera.
Adeemsi dimokiraasii sirrii amma ta'etti, mootummaan amma hin gufachiifnetti mormiin sana darbee gaggeeffamu adeemsa kana gufachiisa'' jechuun yaadasaanii guduunfan.















