Filannoo Itophiyaa 2021: Naannoo Somaalee fi naannolee filannoo 54 keessatti yeroon filannoo dheerate

Madda suuraa, NEBE
Naannoo Somaalee dabalatee naannolee filannoo 54 keessatti Waxabajjii 14 filannoon akka hin gaggeeffamne Boordiin Filannoo beeksise.
Dabalataan Waxabajjii 14tti qabamee kan ture riifarandamiin naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa hundeessuuf godhamu yeroo biraatti dabarfamuu himeera.
Murteen kun kan darbeef waraqaa sagaleen ittiin kennamu irratti hanqinni waan argameefi jedheera boordichi.
Naannolee filannoo kanneenii fi sababa rakkoo nageenyaan amma dura naannolee filannoon keessatti hin godhamu jedhame dabalatee riifarandamiin naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa hundeessuf godhamu Qaam'ee 1, bara 2013 A.L.Itti akka godhamu walitti qabduun boordii filannoo Aadde Birtukaan Miidhagsaa miidiyaalee biyya keessaatti himan.
Boordichi ibsa Roobii miidiyaaleef kenneen waraqaalee sagaleen ittiin kennamu irratti hanqinni argamuu ibsee ture.
Waraqaan sagalee ittiin kennan kan naannolee filannoo 54 irra deebiin maxxanfamuu akka barbaadus boordichi himeera.
Boordichi guyyaa Roobii wayita paartilee siyaasaa waliin mari'atetti naannolee filannoo waraqaa sagaleen ittiin kennamu irratti dogoggorri uumaameef yaada furmaataa lama dhiyeessee ture.
Tokko waraqaa sagaleen ittiin kennamu biyya keessatti maxxansiisuu yoo ta'u, kan lammataa ammoo naannoolee filannoo kanneen keessatti yeroo filannoo dheeressuun bakkeewwan rakkoo nageenyaa qaban waliin akka godhamu kan jedhu ture.
Aadde Birtukaan ibsa Kamisa waaree booda kennaniin, naannolee filannoo 54 waraqaan sagalee ittiin kennan rakkoo godhate keessatti filannoon bakkeewwan sababa rakkoo nageenyaan yeroon filannoo hin qabamiinif waliin Qaam'ee 1 bara 2013 A.L.I filannoon godhama jedhan.
Kanaaf filannoon kan marsaa dura Waxabajjii 14 A.L.I yoo godhamu bakkeewwan hafanitti Qaam'ee 1 godhama.
Naannoleen 54 kan waraqaan sagalee ittiin kennan rakkoo godhachuun himame:
- Somaalee - 14 (hunduu mana maree naannoo)
- Afaar- naannoolee filannoo 6 (1 mana maree federaalaa)
- Amaaraa - naannoolee filannoo 11 (3 mana maree federaalaa)
- Beenishaangul Gumuz - naannoolee filannoo 2 (hundu mana maree naannoo)
- Gaambeellaa - naannoolee filannoo 3 (hundu mana maree naannoo)
- Oromiyaa - naannolee filannoo 2 (hundu mana maree naannoo)
- Naannoo Kibbaa- naannolee filannoo 15 (hundu mana maree naannoo)
- Dirree Dhawaa- naannoo filannoo 1 (mana maree magaalaa)
Filannoon marsaa 6ffaa Itoophiyaan Waxabajjii 14 gochuuf jirtu silaa bara darbe kan godhamuu qabu ture, sababa weerara koronaavaayirasiif jecha baranatti dabarfame.
Jalqaba Caamsaa keessa godhamuuf kan ture yoo ta'u sababa meeshaalen filannoof barbaachisan walqixxaatanii hin qophoofneef yeroo lammataaf Waxabajjiitti dabarfame.















