Hoogganoonni Baaldaraas mana hidhaatii akka dorgoman murtaa'uurratti yaada ABO, KFO

Madda suuraa, Fuula ABO fi KFO
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Obbo Iskindir Naggaa dabalatee aanga’oota Paartii Baaldaraas Dimokraasii Dhugaa, filannoo irratti akka hirmaataniif galmeessuuf akka ta’e ibse ture.
Miseensonni paartichaa mana hidhaa keessa osoo jiranii filannoo baranaa irratti akka hirmaataniif murteen Manni Murtii dabarse hojiirra oolaa jira.
Murteen kun dhaaba Baaldaraasiifi deeggartoota isaaniif murtee gammachuu uume ta'uu dhaabichi beekiseera.
Gama kaaniin Miseensonniifi hoggansi isaanii duraa akka hidhaman dubbachaa kan turan paartileen KFO fi ABO maalirratti akka argaman BBC’n gaafatee, wanti jijjiirame akka hin jirre dubbataniiru.
''Haala amma jiruun filannoo marsaa kanaatti deebi’uuf yaada hin qabnu, garuu wanti nurratti raawwataa tureefi amma nurratti raawwataa jiru yoo mariidhaan furmaata argate, filannoorraa wanti baqannuuf hin jiru,’’ jedhani Hoogganaan waajira KFO Obbo Xurunaa Gamtaa.
Murtee Paartii Baaldaraasiif dabarfame dhageenyee jirra kan jedhan Obbo Xurunaan, ‘‘haalli keenyaafi kan isaanii itti keessummeeffame garaagara,’’ jedhani.
‘‘Nuti waajjira 200 ol banannee socho’aa turre, amma garuu sadii qofatu nuharkatti hafe, sadan kana qabannee akka Oromiyaattis ta’e akka federaalaatti socho’uuf hin dandeenyu.
Namoonni filannoo kana irratti dorgomuufi taajjabuu danda’u jennee qabanne, koree hojii raawwachiiftuu irraa eegalee hanga aanaatti, kuun mana hidhaa seenanii, kuun reebamanii, kuuni baqatanii burjaaja’anii jiru,’’ jechuun dubbataniiru.
‘‘Sadarkaa biyyaalessaatti namoota dorgomuu danda’u jennee qabne shan keessaa afur mana hidhaa seenanii, tokko qofatu alatti hafe, osoo sadarkaa Baaldaraasiin caasaan dhaaba keenyaa jiraatee, silaa irratti dorgomna ture,’’ jedhaniiru.
Paartichi seenaa Itoophiyaa keessatti mana murtii dhaabbachuun seenaa akkasii galmeessisuu isaatti baay’ee gammadnuufillee, nuti haala sanaan deemuudhaaf hin dandeenye jedhaniiru, Obbo Xurunaa Gamtaa.
Gama biraatiin baqannaa biyyoota alaa keessa tureefi qabsoo hidhannoo irra ture dhiisuun mootummaa waliin waliigltee taasiseen biyyatti deebi’uun sochoo’uu kan eegale ABO’n, miseensonni kiyya ammallee mana hidhaa waan jiraniif akkan itti dorgomu hin qabu jedheera.
Akka gorsaan Hayyu Duree ABO Dr Shuggux Galataa jedhanitti, dhaabichi humnaan filannoo baranaa keessaa ba’e.
‘‘Dhaabni keenya filannoo kanarratti humna guutuun hirmaachuuf tattaaffachaa turus, yeroodhaa gara yerootti, hooggantoota dhaabichaa, miseensota gameeyyii jelaa hidhamaa akkasumas waajjirri jelaa cufamaa waan dhufeef, filannicha keessaa dhiibamee ba’uuf dirqameera.’’
Miseensonni Paartii Baaldaraas mana hidhaa jiran muraasni achuma ta’uun akka filannoo irratti hirmaataniif murtee dabarfame ilaalchisuun, dhaabni isaaniis carraa akkasii akka argatuuf Boordii Filannoo waliin marii taasifame irratti gaafatanii akka turan himani.
‘‘ABO’n karaa itti gaafatamaa hariiroo alaafi qunnamtii dhaabichaa Abba Batteedhaan, walitti qabduu boordichaa Aadde Birtukaan Miidhagsaa gaafatee ture. Yeroo sanatti deebiin nuuf kenname ‘warri mana hidhaa jiran dorgomuu hin danda’ani’ kan jedhudha, sunis dhaabichi waan akkasiif iddoo akka hin dhiifne kan taasisedha,’’ jedhani Dr Shuggux.
‘‘Haala amma jiruunis, wanti jijjiirame waan hin jirreef carraan filannoo keessa itti seennu hin jiru,’’ jedhaniiru.
Hooggantoonni paartichaa haala isaan keessa jiran ilaalchisuun yaada kennaniin, ‘‘Hayyu Dureen dhaabichaa addunyaa waliin wal hin qunnamani, namni mana isaanii deemee gaafachuu ykn isaan gadi ba’uu hin danda’ani. Erga Caamsaa 3 asitti jiraachuu isaaniillee hin beeknu,’’ jedhani.
‘‘Hooggantoonni gariin akka wabiidhaan ba’an, kuun ammo bilisaan akka gadhiifaman murtaa’us, bakka isaan jiranillee hin beeknu,’’ jedhani Dr Shuggux.
Boordiin filannnoo Itoophiyaa dhaabbileen lamaan dhiibnee filannoorraa baaneerra jedhanii ibsuu isaanii hordofee ibsa kenneen murteen isaan gaabbisiisaa ta'uufi komee dhiyeessaa turan furuuf hedduu yaaluu beeksisee ture.
Dhaabni biyya bulchu gama isaan komii paartileen lamaan himatan filannoo keessaa bahuun isaanii deeggartoota isaanii filannoo kan dhabsiisu ta'uu isaatiin fedha deeggartoota isaanii kan hin kabajneedha jechuun isaa ni yaadatama.













