Filannoo Itoophiyaa 2021: 'Dhiibamnee filannoo kana keessaa baafamne' - KFO

Paartii Kongirasii Federaalistii Oromoo

Madda suuraa, KFO

Itti gaafatamaa waajjira Kongireesii Federaalistii Oromoo kan ta'an Obbo Xurunaa Gamtaa dhaabni isaanii ''dhiibamee'' filannoo biyyaalessaa jahaffaa keessaa bahuuf dirqamuu beeksisan.

KFO'n irra deddeebiin ibsa baasaa tureen hoogganoonni isaa hidhaman hiikamanii, waajiraaleen isaa kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti cufamanii jiranis banamanii mariin dhugaan waliigaltee biyyaalessaa uumuurratti xiyyeeffate godamee filannootti akka galamu gaafataa ture.

Roobii darbe Boordii Filannoo Biyyaaleessa Itoophiyaatti maarii gaggeefamee irratti paartilee kadhimtootaa galmaa’an ilaalchisee ibsi kennameera.

Marii kana irratti KFO bakka bu’uun kan hirmaatan itti gaafatamaan waajjira Kongireesii Federaalistii Oromoo Obbo Xurunaa Gamtaa “paartiin keenya akka hin galmoofnee fi kadhimamaas akka hin galmeessine, galmeessisuus kan dandeenyu dirreen siyaasaa yoo mijataa ta’e, waltajjiin waligaltee yoo uumame malee filannoo haqa qabeessa ta’ee gaggessuun akka hin danda’amne odeeffannoo kenninneerra,” jechuun BBCtti himaniiru.

Ta’us garuu gaffii fi yaada dhiyeessaniif deebii hin arganne jedhu Obbo Xurunaan.

Kanaan dura paartileen akka KFO fi ABO, sababa wajjirri cufamuu, miseensonni isaaniis hidhamuun ''filannoo kanaratti hirmachuun nu rakkisa'' jechuun irra daddeebiin komii kaasaa turaniiru.

Obbo Xurunaan ibsa kaleessa kennan irratti yoo gaaffiin isaani deebii hin arganne filannoo kanarratti akka hin hirmanne himaniiru.

Akka sagantaa Boordiin Filannoo baasetti foyyefama xixiqqoo gochuuf yoo ta’e malee, filannoo dhufuuf galmeen kaadhimamtootaa har’a [Kamisa] xumurama.

Paartiin KFO’s galmeen kun Kamisa xumuramuun dura wajjiraleen isaani akka banaman, misoonsoonni isaanii hidhaa jiran akka hiikamaniifi waltajjiin waligaltee akka jiraatu gaafachuu himaniiru.

Yoo gaffileen kun hanga Kamisaatti hin deebi’iin filannoo keessaa bahuuf dirqamuu, yoo guyyaan galmee kaadhimamtoota filannoo achii siqee gaaffileen dhiyeessan deebii argatan ammoo filannoo kana irratti hirmaachuuf akka qophaa’an Obbo Xurunaan beeksisuu himaniiru.

''Namoota filannoo kana qindeessuuf ramadaman shan keessaa afur mana hidhaa jiru''

Hanga yoonatti wajjiraleen isaani akka cufamanitti jiraachuu kan himan Obbo Xurunaan, miseensonni isaanii keessumaa aanaalee fi goodinalee adda addaa keessa jiran bayyeen hidhamanii jiraachuu dubbataniiru.

“Wajjira olaanaa irraayyuu namoota filannoo kana qindeessuuf ramadaman shan keessaa namootni afur mana hidhaa jiru,” jedhu.

“Kanaaf afaan guttadhee kanan dubbachuu danda’u, filannoo kana keessaa dhiibamnee ba’uu keenya sabni keenyas, hawaasi addunyaas akka nu beeku ibsuun fedha.”

''Paartiin tokko filannoo irratti dorgomuufis ta’e hojachuuf bilisaan socho’uun isa barbaachisa'' kan jedhan Obbo Xurunaan, kanaa ammo kan taasisan miseensota keenyadha jedhu.

''Miseensonni keenya aanaalee fi godinaalee adda addaa keessa jiran kan filannoo kana qindeessuu danda’an, kan taajjabdootallee filachuu danda’an mana hidhaa keessa jiru ''jedhu.

Kanaaf filannichaa irratti hirmaachuu nu hin dandeessisne “dhiibamnee akka keessaa baanuu godhamaa jira,” jechuun himu.

Boordiin Filannoo guyyaa galmee dheeressuun isaa waan tokko qofadha, homaa gochuu hin danda’u, kanaafidha dirreen siyaasaa mijataa ta’uu qaba, waligalteen uumamu qaba jennee gaffii kan dhiyeessine jedhu obbo Xurunaan.

''Filannoo bara kanaarratti hirmaachuuf qophii baayyee gochaa turre'' kan jedhan itti gaafatamaan kun erga wajjirri keenya cufamuu, miseensonni keenya dorsisamuu fi hidhamuu eegalanii garuu yaddoo keessa isaan galchuu himaniiru.

''Irra daddeebiin yaaddoon kun akka furamuu gaafachaa turrus waan hin furamneef torban darbe keessa misoonsotni koree hojii rawwachiiftuu waliin mari’achuun, filannoo irratti hirmaachuu dhiisuuf murtee xumuraa murteessineerra'' jedhu Obbo Xurunaan.

Kana dura qondaaltonni KFO fi ABO Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin mari’atanii kan turan ta’us wanti furame hin jiru jedhu.

Obbo Xurunaan paartiin KFO filannoo biyyaaleessaa keessa yemmuu hafu kun kan jalqabaa ta’uu BBCtti himaniiru.

Dhimma kanarratti ammatti Boordii Filannoorraas ta'e mootummaarraa yaadni kenname hin jiru.