Jawaar Mohaammad: Himatawwan jaha Jawaarfaa irratti banaman akka adda citan murtaa'e

Manni murtii galmee Jawaar jalatti kanneen tarreeffamanirra ragaa abbaa alangee dhagahuu eegale

Madda suuraa, MAHEDER HAILESELASSIE TADESE

Himatawwan 10 namoota galmee Jawaar Mahaammad jalatti himatan 24 irratti dhiyaatan keessaa jaha akka adda citu manni murtii murtee kenne.

Himatawwan adda akka citan taasifaman Obbo Jawaar Mahaammad dabalatee namoota 12 irratti labsii bulchiinsa fi to'annoo meeshaa waraanaa 1177/2012 bu'uura godhachuun kan banamanidha.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Damee Lidataatti dhaddachi Farra Shororkaa fi yakkoota dhimma heeraa tokkoffaa galmee Obbo Jawaar Mahaammad namoota 24 jalatti himataman ilaalee jira.

Manni murtichaa dhaddacha amma dura Amajjii 04 bara 2013 oolen abbaan alangaa himatawwan garaa garaa akka fooyyessu ajaja kennee ture.

Haa ta'uu malee Abbaan Alangaa himatawwan biroo fooyyessusaa beeksisus himatawwan lakkoofsa 5 hanga 10 jiran kan labsii bulchiinsa fi to'annoo meeshaa waraanaa 1177/2012 bu'uura godhachuun banaman fooyyessuu akka hin barbaadne mana murtiitti iyyateera.

Manni murtichaas daangaan yeroo yakkichi itti raawwatameera jedhame yeroo ce'umsaa kaa'ame waan ta'ef dhimmichi labsii kana jalatti ilaalamuu akka hin dandeenye murteesse.

Haaluma kanaan himatawwan labsii bulchiinsa fi to'annoo meeshaa waraanaa 1177/2012 bu'uura godhachuun dhiyaatan hundi akka addaan citan manni murtichaa ajajeera.

Himatawwan labsii kana darbuun banaman Jawaar Mahaammad, Baqqala Garbaa fi eegdoota Obbo Jawaar dabaatee namoota 12 kan ilaallatu ture.

Himatawwan jaha haqamaniin alatti kanneen tokkoffaa hanga afraffaa jiran seera yakkaa bara 1996 bahe, labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe 1176/2012 fi labsii burjaajii telekoomii lakkoofsa 761/2004 kan ilaallatanidha.

Gama biraatin jechi Shanee jedhu himata keessatti eerame nama dhuunfaamoo garee agarsiisa kan jedhu abbaan alangaa himatasaa keessatti akka ibsu manni murtichaa ajaja kennee ture.

Bu'uura kanaan abbaan alangaa jechi Shanee jedhu garee kan agarsiisu akka ta'e mana murtiif ibsa kenneera.

Kana malees himatamaa sadaffaa Obbo Hamzaa Adaana ilaalchisee miidiyaalee garaagaraatti fayyadamuun uummata kakaasera kan jedhu miidiyaalee isaan kam akka ta'e abbaan alangaa himatasaa keessatti akka eeru manni murtii ajajee ture.

Abbaan Alangaas miidiyaa OMN fi miidiyaalee hawwaasummaa dhuunfaasaa fayyadamuun akka ta'e himata fooyya'e irratti himameera.

Manni murtichaa himatawwan fooyya'an erga himee booda himatamtootni yakkicha raawaachuu fi dhiisuu isaanii akkasummas balleessaa raawwachuu fi dhiisuu isaanii jecha fudhachuuf ture.

Haa ta'u malee abukaatoowwan himatamtootaa jechi fuudhamuusaan duratti himatichi sirriitti fooyya'uusaa ilaaluuf beellamni biraan akka kennamuf gaafataniiru.

Manni murtichaas yaada abukaatoowwanii fudhachuun Amajjii 19 bara 2013tti beellama qabateera.

Filannoo irratti akka hin hirmaanne ...

Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Dajanee Xaafaa dhaddacha har'aa irratti kan dubbatan yemmuu ta'u, yakka akka hin dalagnee fi himatni irratti dhiyaate filannoo keessaa isaan hambisuu kan kaayyeffate ta'uu himan.

"Nuti yakka akka hin dalagne abbaan alangaa ni beeka" kan jedhan Obbo Jawaar filannoo itti aaanurratti yoo hirmaatan nagaa fi tasgabbii biyyaaf gaarii ta'uu himan.

Abbaan seeraa galmicha ilaalan gama isaaniitin himaticha qulqulleessaa akka deemanii fi yaada haqni ni jal'ata jedhu akka hin qabaane dubbataniiru.

Obbo Jawaar miseensa kan keessatti ta'an KFO'n ibsa torban darbe baaseen haala amma jiruun filannoorratti hirmaachuun baay'ee akka isa rakkisu himee ture.

Sababni dhiyeesse tokko hogganooti olaanoo hidhamuu fi waajjiraaleen jalaa cufamuu kan jedhudha.

Obbo Jawaar Mahammad fa'i to'annaa jala kan oolfaman ajjeechaa aartiisti Hacaaluu Hundeessaa hordofee hokkora magaalaa finfinneefi naannoo Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti umamee turen walqabatee ture.

Hidhaan isaanii yakka waan raawwataniif osoo hin taane filannoo irrati akka hin hirmaanneefi ilaalcha siyaasaa isaaniin akka ta'e irra deddeebiin mana murtiitti dubbataa turan.

Mootummaan garuu namni sababa miseensa paartii siyaasaa ta'eef ykn ilaalcha siyaasaa isaatiif jecha hidhame hin jiru jechuun waakkata.