Himannaa Obbo Jawaar fi Obbo Baqqalaa: Abbaan Alangaa himataa Obbo Jawaarfaarratti dhiyaate akka foyyeessu ajajame

Madda suuraa, Marsaa Hawaasaa
Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Baqqala Garbaa dabalatee himatamtootni 21 dhaddacha har'aa irratti argamaniiru.
Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti dhaddachi Farra Shororkaa fi yakkoota dhimma heeraa tokkoffaa ittisa himataa galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota 24 irratti dhiyaate kuffiseera.
Haata'u malee, dhimmoota ittiin himataman irratti abbaan alangaa himatasaa sirreessee akka dhiyeessu manni murtichaa ajaja kenneera.
Himatamtoonni kanaan dura manni murtichaa dhimma isaanii ilaaluuf aangoo akka hin qabneefi yakkichi raawwatameera kan jedhame naannoo Oromiyaa fi magaala Finfinneetti ta'uu isaatiin akkasumas faayidaa addaa naannoon Oromiyaa magaala Finfinneerraa qabu eeruun dhimmi isaanii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti ilaallamuu akka qabu ittisa himataa dhiyeessanii turan.
Kana malees labsii bulchiinsaa fi to'annoo meeshaa waraanaa fi dhimma burjaajii telekoomii ilaalchisees himatamtoonni ittisa himataa dhiyeeffatanii turan.
Himatichi bifa walqixummaa heeraa cabseen dhiyaate kan jedhus ittisa himataa himatamtootni dhiyeessan keessatti kan argamu yemmuu ta'u, Abbaan Alangaa Waliigalaa ittisa himataa dhiyaate irratti deebii kennee ture.
Manni murtichaa dhaddacha har'aatiin ittisa himataa Obbo Jawaar Mahaammadfaan dhiyeessan sagalee guutuun kuffisuusaa himeera.
Abbaan alangaa himatasaa sirreessee dhiyeessuuf yeroo ji'a tokkoo kan gaafate yemmuu ta'u, himatamtootniifi abukaatoowwan isaanii mormaniiru.
Olaantummaa seeraa mirkaneessuu, himatamtootaaf haqa kennuufi miidhamtootni akka kiisaman yoo yaadame dhimmichi saffisaan ilaallamuu akka qabu kan himan abukaatotni, beellamni akka gabaabbatu gaafataniiru.
Kana malees himatamtoota keessaa "mootummaan kan nu hidhe yakka hojjennee osoo hin taanee filannoorratti akka hin hirmaannefi" kan jedhan Obbo Hamzaa Adaanaas beellamni akka gabaabbatu gaafatan.
Manni murtichaas yaada garee lamaanii erga dhaggeeffatee booda Amajjii 14 bara 2013ti beellama qabateera.
Dhaddacharratti maaltu jedhame...
Yaaddoo nageenyaa qaban irraa ka'uun naannoo jiranitti dhaddachi yeroo akka hundaa'uuf iyyatanii kan turan fi beellamawwan sadeen darbanif dhaddacharratti kan hin argamne Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqala Garbaa, Obbo Hamzaa Adaana fi Obbo Shamsaddin Xahaa dhaddacha har'aa irrratti argamaniiru.
Ajaja Manni Murtichaa beellama darbe irratti kenneen cimaa gadduu isaanii kan himan Obbo Jawaar Mahaammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa "akka waan nuyi hin dhufnu jennetti dirqisiifamanii yaa dhiyaatan jechuun ajajni kenname baay'ee nu gaddisiise" jedhan.
"Karaarratti dhaabbachaa haala nageenya keenyaaf yaaddessun dhufaa jirra" jechuun haala gara Mana Murtiitti itti dhufan kan himan Obbo Baqqala Garbaa nageenya isaanin cinatti haleellaan isaan irratti raawwatamu biyyattii rakkoo keessa kan galchu ta'uusaa himuun rakkoo irra gahuuf dhaddachichi fi mootummaan itti gaafatamoo akka ta'an dubbatan.
Obbo Jawaar Mahaammadis haalli nageenyaa biyyattii keessa jiru rakkisaa ta'uu himuun "waa tokko yoo nurra gahe fi sababa isaatin biyyattiirratti rakkoon yoo gahe shanee, shaabiyaa, jedhanii sababa eerun hin ta'u. Kan itti gaafatamu isin abbootii seeraafi mootummaadha" jechuun dubbatan.
Abbootin seeraa gama isaaniitin ajaja wayita kennanitti amantaa himatamtootni dhaddachatti ni dhiyaatu jedhu akka qaban himuun "amantaa ajaja hin kabajjan jedhu hin qabnu.
Dirqiidhaan akka dhuftanif ajaja kan kennine akka filannootti" jedhan. Kana malees iyyata dhaddacha yeroo Obbo Jawaarfaan dhiyeessan bal'inaan ilaaluu isaanii himuun "dhimma nageenya keessanii ni hordofna. Haala garana itti dhuftanis ni hordofna" jedhan.
Gama biraatin keessattuu miidiyaalen mootummaa fi kan dhuunfaa tokko tokko gabaasawwan loogii qaban gabaasuu isaanii kan komatan Obbo Dajanee Xaafaa miidiyaalen oolmaa dhaddachaa bifa sirrii ta'een akka gabaasan gaafatan.
"Manni Murtii kana nuf yaa hubachiisu" jechuunis gaafatan. Manni murtichaas miidiyaalen waan dhaddacharratti jedhame/oolmaa dhaddachaa qofa akka gabaasan hubachiisera.
Waa'ee galmee himata Obbo Jawaarfaa kan namoota 24
Ji'a Waxabajjii bara 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kunneen biroon labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe, labsii yakka telekoomii, labsii bulchiinsa fi to'annoo meeshaa waraanaa fi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun himataman.
Obbo Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba fi Tsaggaayee Raggaasaa namoota biyya keessa hin jirre fi galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himatamanidha.
Ka'umsi himannaa isaanii maal ture?
Ajjeechaa aartiisti Hacaaluu Hundeessaa hordofee hokkora magaalaa finfinneefi naannoo Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti umamee turen walqabatee ture Obbo Jawaar Mahammad fa'i to'annaa jala kan oolfaman.
Isaan boodas Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Obbo Jawaariin dabalatee shakkamtoota 24 irratti himannaa shororkeessuummaa banuunsaa ni yaadatama.
Haa ta'u malee, Obbo Jawaar Mahaammad, Obbo Baqqala Garbaa, Obbo Hamzaa Adaana fi Obbo Shamsaddin Xahaa fa'i 'nageenya keenyaaf soodaanna' jechuun ibsanii turan.
Kanaafu, haala kana xiyyeeffannaa keessa galchuun naannoo mana sirreessaa keessatti argamaniitti dhaddachi yeroo akka hundaa'uuf gaaffii dhiyeessuun isaanii ni yaadatama.

















