Filannoo Itoophiyaa 2021: 'ABO fi KFOn boordichaan hin dhiibamne’ - Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Boordii Filannoo Itoophiyaa
Boordin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)fi Kongirasiin Federaalawaa Oromoo (KFO)n filannoo keessaa akka ba'aniif boordichaan hin dhiibamne jedhe.
Boordichi kana kan jedhe galmee kaadhimamtootaa xummuramee fi dhimmoota biroo irratti miidiyaalef Kamisa ibsa yeroo kennettidha.
ABO fi KFOn gama isaaniitiin filannoo biyyaalessaa ja'affaa irratti hirmaachuuf fedhii akka qabanii fi qophiillee taasisaa turuu himuun, waajjiraaleen cufamuu, aanga'oonniifi miseensonni isaanii hidhamuu, akkasumas dirreen siyaasaa dhiphateera jechuun himataa turaniiru.
Miidiyaaleef ibsa kan kennan walitti qabduun boordichaa Burtukaan Miidhaksaa paartileen siyaasaa 47 kaadhimamtoota 8,209 galmeessisuu dubbatan.
Lakkoofsi kaadhimamtootaa kunis ragaa isa dhumaa akka hin taane, haata’u malee lakkoofsi paartilee siyaasaa garuu kana booda kan hin jijjiramne ta’uu himaniiru.
Kana malees, kaadhimamtootni dhuunfaadhaan dorgoman 125 akka galmaa’anis dubbatan.
Galmeen kaadhimamtootaa kun naannoo Tigraayin alatti naannolee biroo hunda keessatti, akkasumas magaalawwan Finfinnee fi Dirree Dhawaa keessatti waliigala naannolee filannoo 673 irratti adeemsifamuusaa ibsi boordichaa himeera.
Paartilee 47 keessaa kunneen lakkoofsa kaadhimamtootaa olaanaa galmeessisan Paartii Badhaadhinaa kaadhimamtoota 2,432, IZEMA kaadhimamtoota 1,385 fi Innaat Paartii kaadhimamtoota 573 dha.
Paartiin Badhaadhinaa Filannoo marsaa 6ffaa biyyaalessaa kanaaf Ministiraa Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) magaalaa Aggaarootti kaadhimamaa taasisuun dhiyeessuusaa FBCn gabaaseera.
Dhimma ABO fi KFO...
Addi Bilisummaa Oromoo ABO fi Koongirasiin Federaalawaa Oromoo KFO filannoo biyyaalessaa jahaffaa keessaa “dhiibamnee baanerra” jechuun filannicharratti akka hin hirmaanne beeksisaniiru.
Ragaa galmee kaadhimamtootaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa ibsa har’aa irratti miidiyaalef kenne irratti raabse keessattis maqaan isaanii hin jiru.
Dhimma filannoo keessaa bahu paartilee lamaanii kan gaafataman walitti qabduun boordichaa Burtukaan Miidhaksaa “gara adeemsa galmee kaadhimamtootaatti osoo hin seenin dura rakkoo paartilee siyaasaa mudatan paartilee siyaasaa akka gareettiifi dhuunfaadhaan argannee furuudhaaf yaallee jirra,” jedhan.
“KFOn haldureewwan shan yookin jaha ta’an kaa’un yoo isaan guuttaman malee filannoo keessa hin seenu jechuun ibsa yeroo baasu boordii filannoos qaqqabeera.
Boordin filannoo akka bulchaa filannootti bifa sanaan hin hojjetu. Tokko tokkos nun ilaallatan. Tokko tokko immoo dhugaa dubbachuuf akkamiin akka deebi’an hin beeknu. Kallattiin hojii boordii filannoo walin waan walqabatu hin qabu” jedhan.
Dhimma cufamuu waajjiraalen walqabatee iddoowwan waajjiraaleen itti cufaman paartileen odeeffannoo akka laatan gaafatamanii, haata’u malee paartileen lamaan maqaa iddoowwan waajjiraaleen isaanii itti jalaa cufaman akka hin dhiyeessine himan.
“Paartileen hundi adeemsicha keessatti hirmaannaa gaarii akka qabaatan taasisuun dirqamaafi itti gaafatama boordii filannooti,” kan jedhan walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Burtukaan Miidhaksaa paartileen lamaan boordichaan akka filannoo keessaa akka hin dhiibamne himan.
Dabalataan paartileen lamaan hirmaachuu dhiisunsaanii kan gaddisiisu ta’uu himuun rakkoon sababa kanaan mudachuu danda’u ni jiraata jedhanii wanti qophaa’aan akka hin jirres waliti qabduun boordichaa himaniiru.
Rakkoolee adeemsa galmee kaadhimamtootaa keessatti mudatan...
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa adeemsa galmee kaadhimamtootaa keessatti rakkoon tumsa geejiba meeshaalee filannoo isa mudachuu himeera.
Kana malees naannoo Oromiyaa godinaalee Wallagga afran fi naannoo Benishaangul Gumuz godina Matakkal keessatti "iddoowwan walitti bu'iinsi itti turetti sochiin meeshalee fi qophiin adda ta'e barbaachisuu isaatin galmeen kaadhimamtootaa yeroo fudhateera" jedheera.
Godinaalee Wallagga afran keessatti sababa yaaddoo nageenyaan galmeen kaadhimamtootaa godinaalee Oromiyaa kaan irraa barfatee akka adeemsifame kan himan walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Burtukaan Miidhaksaa, iddoowwan kunneenitti ammallee yaaddoon nageenyaa akka jiru eeran.
Haata'u malee, galmeen kaadhimamtootaa godinaalee kunneen keessatti bifa guutuu ta'een adeemsifamuusaa himaniiru.
Gama biraatin iddoowwan kaadhimamtootni filannoo itti hidhaman jiraachuu kan himan walitti qabduun boordichaa akka fakkeenyaatti naannoo Benishaangul Gumuz magaala Asoosaafi naannoo Hararii keessatti kaadhimamtootni ABN lama fi miseensootni sadi hidhamanii akka turefi hiikkamuu isaanii dubbatan.
Mootummaa naannoo Saba, Sablammoota fi Uummattoota Kibbaa iddoo Masqaan jedhamutti kaadhimamtootni dhuunfaa lama hidhamanii akka jiran himan.
Dhimma kana mootummaa naannichaa beeksisuu isaaniifi akka hiikkamanif hojjechaa akka jiran himaniiru.
















