Filannoo Itoophiyaa 2021፡ Boordiin filannoo iddoowwan filannoon itti gaggeeffamuu hin dandeenye ibse

Madda suuraa, Mustafa Ferhat Beksen
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoo biyyaalessaa ALI Waxabajjii 14, 2013 gaggeeffamu ilaalchisee iddoowwan filannoon keessatti gaggeeffamuu hin dandeenye ibseera.
Naannoo Oromiyaa keessaa iddoowwan torba keessatti filannoo gaggeessuun akka hin danda'amne boordichi ibseera.
Boordiin kun ibsa kaleessa marsaa hawaasaa isaarratti baaseen naannoolee Oromiyaa, Beenishaangul Gumuz, Amaaraa, Somaalee fi Uummattoota Kibbaa keessatti iddoowwan filannoon itti hin gaggeeffamne tarreesseera.
Bakkeewwan kunneenitti sababa rakkoo nageenyaan galmeen filattootaa jalqabamuu dhabuu, jalqabamee adda cituu fi adeemsa galmeerratti komiin dhiyaachuu boordiin filannoo ibseera.
Dabalataan bakkeewwan galmee filattootaarratti rakkoon hojimaataa mudate keessatti filannoon akka hin gaggeeffamnee fi hojiin qorannoo akka eegalamu ibseera boordihi.
Bakkeewwan filannoon akka hin gaggeeffamne boordichi ibse keessaa naannoo Beenishaangul Gumuzitti Matakkal, Shinaashaa, Kamaashiifi Daalattiidha.
Naannoo Oromiyaa keessaa ammoo bakkeewwan torba, isaanis: Beegii, Gabaa Kamisaa, Ayyaanaa, Galiilaa, Gidaamii fi Kombolchaadha.
Naannoo Amaaraatti ammoo Maajatee, Argobbaa, Shawaaroobiit, Efesoon, Cilgaa Aand fi Ciilgaa Hulet, Laay Armaacihoo fi Ankoobar keessatti filannoon hin gaggeeffamu jedheera boordiin kun.
Akka ibsa boordii kanaatti naannoo Uummattootaa Kibbaa keessattis iddoowwan torbatti filannoon gaggeeffamuu hin danda'u. Isaanis: Qay Afar Madabanyaa, Surmaa Liyyuu, Diizii Liyyuu, Maajat Madabanyaa, Gurraafardaa, Shakkoo fi Teeppiidha.
Naannoo Somaaleetti ammoo yeroo ammaa iddoowwan 14 keessatti filannoo gaggeessuun rakkisaa ta'uu kan ibse boordichi, bakkeewwan kunneenittis filannoon akka hin gaggeeffamne murteesseera.
Iddoowwan filannoo keessatti gaggeessuuf rakkisaa ta'anii fi kanneen adeemsa galmee filattootaarratti rakkina uuman jedhamanii boordichaan qoratamaa jiran Araabii, Daghaamadoo, Godee, Jigjigaa 1, Jigjigaa 2, Qabriidahaar, Qalaafoo, Waardar, Fiiq, Galaadiin, Dagahabuur, Ayishaa, Eerar fi Shin fa'i.
Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa ja'affaan yeroo garaagaraatti daddarbaa dhufe ALI Caamsaa 28, 2013 gaggeeffamuuf sagantaan qabamee turullee, adeemsi galmee filattootaa fi hojiiwwan filannoon walqabatan hedduun waan duubatti harkifataniif yeroo jedhametti gaggeeffamuu hin dandeenye.
Kanarraa ka'uun filannichi ammas guyyoota 14'n achi siqee gaafa Waxabajjii 14, 2013 ykn ALA Waxabajjii 21, 2021 akka gaggeeffamu murtaa'eera.
Itoophiyaa keessatti filannoon waggaa shan shaniin gaggeeffamu bara darbe gaggeeffamuun kan irra ture sababa weerara koronaavaayirasiin akka darbu ta'eera.


















