Filannoo Itoophiyaa: Boordiin Filannoo Iskindir Naggaafaa kaadhimummaan galmeessuuf nan rakkadha jedhe

Iskindir Naggaa

Madda suuraa, facebook

Murtee Manni Murtii Waliigala Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa lammaaffaa Obbo Iskindir Naggaafaa kaadhimummaan galmaa'uun filannooorratti dorgomuu akka danda'an ilaalchisuun murteesse raawwachiisuuf kan rakkatu ta'uu Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa beeksiise.

Manni murtichaa Pirezidaantii Baaldaraas Obbo Iskindir Naggaa dabalatee Sintaayoo Chakkool, Asteer Siyuum fi Askaalaa Damiseefaa filannoo dhufuuf kaadhimummaan galmaa'uu ni danda'u jechuun Caamsaa 24, 2021 murteessuun isaa ni yaadatama.

Kana malees, boordichi hanga Caamsaa 27tti aanaalee filannootti ajaja barbaachisu dabarsuun haaluma murtee sanaatiin akka raawwatamu akka ajajuus manni murtichaa ajaja dabarsuu ragaan Boordii Filannoo irraa argame ni mul'isa.

Boordiin Filannoo gama isaatiin xalayaa Paartiin Baaldiraas Dimokraasii Haqaatiif guyyaa kaleessaa barraa'een murte dabarfame raawwachisuuf kan rakkatu ta'u ibseera.

Kanaafis dhimmoota akka sababaatti eeree keessaa galmeen kaadhimamtootaa ALI Guraandhala 30, 2013 xumuramu, lootariin waraqaa bakka kenniinsa sagaleerra jiraatu murteessu baafamuu, maxxansuun waraqaa sagalee xumuramuun hojii gara buufataalee filannootti erguu yeroo dhihoo keessatti kan xumuramu ta'uu beeksiisera.

Kanaan dura paartiichi aanga'ooni hiidhaarratti argaman kaadhimummaan akka galmaa'aniif Boordii Filannoo gaafatee dhorkamunsaa seeraan ala jechuun himatee ture.

Dhimmoota paartichi akka dhimma falmiitti kaasu keesssa tokko labsii filannoon Itoophiyaa, galmeen paartiiwwan siyaasaafi maanusa filannooti.

''Namni kamiyyuu mana murtiitiin mirgi filachuu ykn filatamuu isaa hanga hin mulqamneetti kaadhimummaan galmaa'uun dorgomuu dhorakuu hin danda'aman,'' jedha.

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa murtee kaadhimummaan galmaa'uun dorgomuu ni danda'u jedhu hordofunis miseensoonni hooggnasa paartii Baaldaraas kunneen bakkuma jira ta'uun duula na filadhaa akka gaggeeffataniif mana murti gaafatanii ture.

Haata'u malee, murtee Boodrii Filannoo hordofuun Paartii Baaldaraas barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti baaseen, ''Boordiin Filannoo ajaja mana murtii waliigalaa hin fudhadhu jedheera,'' jechuun, walgahii atattamaa waamulleen beeksiiseera.