Pirezidaant Joo Baayidan: Haalli Itoophiyaa keessa jiru 'guddaa na yaaddesse'

Joo Baayida, Pirezidaantii US

Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan rakkoo Itoophiyaa keessatti babal'ateefi qoodaminsa sabaafi naannoo bakkeewwan Itoophiyaa garaagaraatti babal'ate jedhaniin 'guddaa yaadda'uu' himan.

Ibsa Waayit Haawus Roobii Caamsaa 26, 2021 baasen, bulchiinsi Ameerikaa hariiroo Itoophiyaa waliin qabu cimsuu akka barbaadu himaniiru.

Naannoo Tigraay keessa qaamoleen lola gaggeessan martuu lola akka dhaaban Pirezidaant Baayidan dhaamaniiru.

Kana dura Baayidan haala naannoo Tigraay keessaan 'yaadda'u' isaanii Waayit Hawuus ibsee ture.

Ibsi Baayidan yeroo biyyattiin sababa dhimma Tigraay keessaan deeggarsa diinagdeefi nageenyaa Itoophiyaa dhorkite, akkasumas biyyattiin visa'n qondaaltota Itoophiyaa ugguruu beeksistetti dhagahame.

Itoophiyaan murtee Ameerikaa jalqaba torban kana dhagahame booda deebii kenniteen 'Ameerikaan dhimma keessoo koo keessa seenteetti' jechuun himatteetti. Ta'us, hariiroo US waliin yeroo dheeraaf qabdu akka itti fuufsiistu himte.

Baayidan maal jedhan?

Pirezidaant Baayidan ibsa baasaniin sarbamni mirga namoomaa bal'aa tahe, akkasumas haleellaan saal - qunnamtii Tigraay keessa jiru fudhatama kan hinqabneefi xumura argachuu qaba jedhan.

''Maatiin kamuufi saba kamirraayyuu ta'e biyya isaanii keessatti nagaafi tasgabbiin jiraachuun isaaniif mala. Madaan siyaasaa humna meeshaa waraanaan hin fayyu,'' jechuun ibsaniiru.

Baayidan kanneen lola Tigraay keessa qooda qaban lola dhaabuu akka labsan gaafataniiru.

''Kanneen lola Tigraay keessa qooda fudhataa jiran lola dhaabuu labsuu qabu, humnoonni Ertiraafi Amaaraa bahuu qabu,'' jedhan.

Itoophiyaan kana dura irra deddeebbiin ibsa kenniteen lolli hin jiru, kan jiru 'hoggantoota TPLF baqatanii jiran adamsanii seeratti dhiheessuudha.'

Dhaabbileen deeggarsa namoomaa immoo ibsa yeroo adda addaatti baasaniin sababa walitti bu'iinsa jiruun deeggarsi isaanii danqamuu ibsaniiru.

Ameerikaan rakkoon Tigraay keessaa 'marii siyaasaan' akka furamu barbaaddi.

Qondaaltonni Itoophiyaa immoo kanaan wal hin galan. Dhaaba TPLF paarlaamaa Itoophiyaan galmee shororkeessitootaatti galfame waliin mariin taasifamu hin jiru jedhaniiru.

Mootummaan Itoophiyaafi Ertiraa waraanni Ertiraa Itoophiyaa seenuu yeroo hedduuf ifatti amanaa hin turre.

Boodarra amanuun Ertiraan yaaddoo biyya isheef sodaa waan qabduuf Tigraay seenuu ishii Itoophiyaan ibsiteetti.

Boodarra waraanni Ertiraa Tigraay keessa akka bahan biyyoonni lamaanuu ibsanii turan. Ta'us ammallee hin baane jechuun biyyoonni Lixaa akka bahan gaafatan.

Humni naannoo Amaaraa akka bahu gaaffii kana dura Ameerikaan dhiheessiteen garuu qondaaltonni Itoophiyaa mufachuun 'dhimma keessoo biyyaa keessa seenuudha' jechuun balaaleeffataniiru.

Lolli akka dhaabatu kan gaafatani Baayidan lola kanaan erga bara 1980'oota yeroo duraaf Itoophiyaatti beelli mudachuuf akka jedhu gabaasa UN waabeffachuun ibsan.

Torban kana Tigiraayitti 'ji'oota keessatti' beelli mudachuu mala jechuun UKn akeekkachisteetti.

Beelli akka hin mudanneefis keessumaa loltoonni Ertiraafi Itoophiyaa deeggarsa namoomaa darbu danquu hin qaban jechuun dubbatan.

Qondaaltoonni Itoophiyaa gama isaaniin deeggarsi namoomaa namoota deeggarsa barbaadan bira gahaa akka jiruu ibsuun deeggarsi qaamolee garaa garaarraa taasifamu garuu xiqqoodha jedhan.

'US Itoophiyaa bira dhaabbatti'

Hoggantoota Itoophiyaafi dhaabbileef ergaa dabarsaniin immoo araara buusuu akka labsan, garaagarummaafi heddumina akka kabajan dhaaman.

''Kana gochuun tokkummaafi daangaan isaanii humna biraan akka hin cabne taasisa, lammiileen Itoophiyaa akka tikfamaniifi deeggarsi barbaachisu akka dhihaatu taasisa,'' jechuun ibsan.

''Mootummaan Itoophiyaafi qooda fudhattoonni kaan marii hunda galeessa gaggeessuu qabu,'' jechuun dhaaman.

''Waliin hojjechuun ummanni Itoophiyaa mul'ata siyaasaa fuulduree waliin qoodanif bu'uura tolfachuu danda'u. Akkasumas Misooma dinagdeefi badhaadhina waaraa ta'e bu'uura qabsiisuu danda'u.''

Itoophiyaan rakkoowwan kanneen akka furtuuf Yunaayitid Isteet bira dhaabbatti kan jedhan Pirezidant Baayidan, hariiroo biyyi isaanii Itoophiyaa waliin qabdu cimsuuf akka hojjetan ibsan.

Itoophiyaafi US hariiroo michummaa jaarraa tokko caale qabu. Haa ta'u malee, murteen tibbana US Itoophiyaarratti murteessite Itoophiyaa qofa osoo hin taane US fi naannawa Gaanfa Afrikaallee ni miidha jechuun Itoophiyaan ibsiteetti.

Dabalataan, jilli addaa US Gaanfa Afrikaatti muudde Jeeferi Feltimaan torban dhufu gara Gaanfa Afrikaa akka deebi'an Baayidan beeksisaniiru.

Kana dura Feeltimaan erga Itoophiyaafi biyyoota kaan daawwatanii deebi'anii boodadha murteen Ameerikaan Itoophiyaarratti murteessite kan dhagahame.

Daawwannaa isaanii booda Ministeerri Dhimma Alaa US ibsa baasen murteen 'yeroo dhihootti murtaa'u Itoophiyaafi biyyoota Gaanfa Afrikaa biroorratti akeeka guddaa qaba' jechuun ibsee ture.

Daawwannaa isaaniin Feeltimaan Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin dabalatee qondaaltota Itoophiyaa biroo waliin mari'ataniiru.

Rakkoon Tigraay keessaa, muddama gama daangaa Itiyoo - Sudaan jiruufi mariin hidha Abbayyaa bu'uura hin arganne dhimoota sadan Feeltimaan furmaata akka argatan irratti hojjetanidha.