Lola Tigiraay: Tigiraayitti 'ji'oota keessatti' beelli mudachuu mala jechuun UKn akeekkachiste

Namoota gargaarsa fudhachuuf hiriiranii jiran

Madda suuraa, Reuters

Mootummaan UK, Itoophiyaa naannoo Tigiraay keessatti yeroo ji'ootaan lakkaa'aman keessatti balaan beelaa mudachuu danda'a jechuun akeekkachiise. Haalichas ''suukaneessaadha'' jechuun ibse.

Niik Daayer, ergamaa addaa ittisa hongeefi beelaa kan tahe, yeroo naannicha daawwatetti qorannoo gaggeessera. Naannichi lolaan akkaan miidhamuus himeera.

Mr Daayer haleellaa hamaan naannicha keessatti itti fufee jira. Yakki ajjeechaafi gudeeddii baay'inaan gabaafama jedhe.

Meeshaaleen qonnaafi sanyiin facaafamuu gandoota hedduu keessatti mancaafamaniiru jedhe. Uummatni baay'een naannichaa qaqqabamaa hin jiru jedhe. Lolaafi daandiin cituun cufamuu irraa kan ka'e akka uummata dhaqqabuun ulfaatu hime.

Yaaddoo guddaan jiru qabeenyi manca'e hundara tahus buufataleen fayyaa manca'uun ammoo addatti yaadessaa akka tahe eere. Mr Daayer tajaajilli fayyaa dadhabaa tahe akkuma beelaa rakkoo sodaachisaadha jedhe.

Loltootni biyya ollaa jirtu Eertiraa ammayyuu naannicha keessaa lolaa jiru- Itoophiyaan akka humna waraanaashee gargaaran afeeruun humna amma shororkeessaa jedhamuun farrajame TPLF haleelaa jiru.

Naannoo Tigiraayitti dhaabbileen gargaarsa namoomaa deeggarsa uummata barbaaduuf dhaqqabsiisuuf danqaaleen jiraachuu himaa turan.

Mootummaan Itoophiyaa deeggarsa namoomaa dhiyeessaa jiraachuu himus hawwaasni adunyaa garuu ammayyuu naannicha rakkoon jiraachuu himan.

Daareektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teediroos Adhaanoom lolli naannoo Tigiraayittii gaggeeffame haala sukkanneessaa ta'een naannicha rukuteera jechuun haala amma naannichi keessa jiru ibsan.

Dr Teediroo Adhaanoom kan dhalootaan naannoo Tigraay irraa ta'n, naannichatti namoonni beela haalaan babalataa jiruun du'aa jiru jedhan.

Akkasumas naannichatti tajaajilliiwwan fayyaa barbadaa'u kaasuun, miidhaan dirqiidhaan gudeeduus garmalee baayyee ta'uu himan.

Itti dabaluunis Dr Teediroos, ''haalli amma naannoo Tigraay keessa jiru jecha tokkoon yoon ibsu ''sukkaneessaa, baayyee sukkaneessaadha'' jedhan.

Akka Daareektara Olaanaa kanaatti naannichatti namoonni gara miliyoona shan ta'an deeggarsa namoomaa barbaadu.

''Kanneen parsantaa 91 ta'an deeggarsa nyaataa fi baayyeen isaanii ammoo sababii beelaatiin du'aa kan jiru. Kana malees ammoo hanqiinni nyaataa cimaa kan mudate hedduudha'' jedhan Dr Teediroos wayita Jeenevaatti gaazexesitootaatti dubbataniitti.

Haala naannoo Tigiraay keessaa ilaalchisuun Ameerikaan dhorkaa viizaa qondaalota siyaasaa fi waraanaa Itoophiyaa fi Eertiraa irratti dabarsuu himteetti.

Dhiibbaan dippilomaasii hawwaasni adunyaa Itoophiyaa irratti lola naannoo Tigiraayin wal qabatee godhan dabalaa dhufeera.