US fi Masrii: Pirezidant Joo Baaydaniifi kan Masirii Abdul Fattaah al - Sisiin waa'ee Hidha Abbayyaa mari'atan

Madda suuraa, Getty Images, Reuters
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidaniifi Pirezidantiin Masrii Abdul Fattaah al - Sisii dhimma Hidha Abbayyaa Itoophiyaa irratti mari'achuun isaanii ibsame.
Waajjiraaleen mootummoota lamaanii ibsa baasaniin akka himanitti, hoggantoonni lamaan marii kana gaafa Wiixataa bilbilaan gaggeessan.
Pirezidant Baayidan marii Sisii waliin taasisan irratti gahee Masriin Israa'eliifi Paalastaayin waliigaltee waraana dhaaburra akka gahan taasisteef galateeffachuun isaanii ibsameera.
Ibsa Waayit Haawus baasen ''Pirezidantichi yaaddoo Masriin waa'ee hidha Abbayyaa qabdu akka hubatan mirkaneessaniiru,'' jedha.
Dabalataan, karaa dippilomasiin fedhiin Masrii, Sudaaniifi Itoophiyaa itti guutamu akka jiraatu akka Ameerikaan barbaaddu himaniiru jedha.
Ibsi waajjira pirezidantii Masrii baaseefi Rooyitars gabaasemmoo Pirezidantonni lamaan ''waliigaltee mirga bishaaniifi misoomaa garee hundaa kabachiisuuf carraaqqii dippilomasii akka cimsan waliigalaniiru,'' jedha.
Itoophiyaan irra deddeebbiin marii kana keessa waa'ee mirga bishaanii mari'achuun akka hin barbaachifne ibsiteetti.
Waggaa dura Pirezidantiin duraanii US Donaald Tiraamp biyyoonni sadan akka waliigalteerra gahan sochii eegalaniis Itoophiyaan Ameerikaan Masriif caalsifattee, akkasumas qabiyyee waliigaltee ibsuun akka hin mallatteessine himte.
Ergasii Donaald Tiraamp ''Masriin hidha Abbayyaa dhoofti'' inni jedhanii dubbatan komii guddaa kaasee ture.
Ejjennoon Ameerikaa maali?
Itoophiyaan ALI bara 2003 yookiin bara 2011 irraa kaasee hidha guddaa laga guddicha addunyaa kan ta'e Abbayyaarratti ijaaraa jirti.
Gaafa xumurame Afrikaa keessaa hidha bishaanirra ijaarameefi elektirikii maddisiisu isa guddicha ni ta'a.
Jireenyi lammiilee Masrii miiliyoona hedduu laga Abbayyaa irratti kan hundaa'e yoo ta'u biyyattiin hidhichi ijaaramuun bishaan natti hanqisa jechuun yaaddoo ibsiti.
Sudaanis bara bulchiinsa amma aangoorra jiru kan dhufe ta'us ejjennoo walfakkaataa qabdi.
Sababa kanaaf yeroo garaa garaatti mariin taasifamuus waliigalteerra gahuun hin danda'amne.
Torban muraasa dura jilli Aaddaa Pirezidant Baayidan Gaanfa Afrikaatti muudan Jeeferi Feltimaan hoggantoota Masrii, Sudaan akkasumas Itoophiyaa marisisaniiru.

Madda suuraa, Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa
Marii kana boodas Ministeerri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteet ibsa baasen mariin hidha Abbayyaa Gamtaa Afrikaa jalatti akka furamuufi mariinis dafee akka eegalu dhaamanii turan.
Jeeferi Feltimaan yaaddoon nageenyaafi opireshinii hidha kanaa hooggansa Gamtaa Afrikaa jalatti fedhii misooma Itoophiyaa wal simsiiseen akka raawwatu yaada dhiheessan.
Masriifi Sudaan garuu Gamtaa Afrikaan ala US, UN fi Gamtaan Awurooppaa gahee jaarsummaa akka qabaatan gaafataa turan.
Qajeelfamni biyyoonni bara 2015 mallatteessan akkasumas ibsi Biroo Gamtaa Afrikaa marii biyyoota kanaaf bu'uura ni ta'a jetti Ameerikaan.
Ameerikaan biyyoonni kuni waliigalteerra akka gahan deeggarsa siyaasaafi teeknikaa akka gootu ibsi yeroos bahe ni ibsa.
Masriifi Sudaan Itoophiyaan marsaa lammaffaaf hidha Abbayyaa ijaartu osoo hin guutin dura nageenyaafi akkatti hidhi kuni dalagu irratti waliigalteerra akka gahamu gaafatu.
Itoophiyaan gama ishiitin waliigalteen taasifamu fedhii dhaloota fuuladuratti dhufu daangessuu hinqabu jechuun mormuu ibsite.
Mariin Rippablika Dimookiraatawaa Kongoottis baatii Ebla darbe Kinshaasaatti taasifame waliigaltee malee xumurame.

Madda suuraa, Getty Images
Ergasii Itoophiyaan ganna kana marsaa lammataaf bishaan guutuun dirqama ta'u ibsuun Marsiifi Sudaan oppireetaroota akka ergan gaaffattus isaan hin fudhanne.
Yeroos Itoophiyaan qajeelummaa agarsiiseefi mariif fedhii agarsiiseef Masiriifi Sudaan deebii qajeelaa naa hin kennine jechuun ejjennoo isaanii qeeqxe.
Baatii Bitootessa darbe Ministirri Bishaaniifi Inarjii Itoophiyaa Dr Injinar Silashii Baqqalaa bishaan guutuun "haala kamiinuu yeroo biraatti hin dabarafamuu,'' jedhanii dubbataniiru.

















